Maqaa daballii miindaa barsiisotaan wal qabatee barsiisonni godinaalee Oromiyaa keessaa hojii dhaabaa akka jiran ibsame.

Gurraandhala 29,2017
DIDDAA 2Mootummaan abbaa irree wayyaanee baatii darbe keessa barsiisota godinaalee Oromiyaa keessa jiran keessaa walitti qabuudhaan maqaa dabballii miindaa peersentii dhibbaa keessaa 95% ol- isiniif guddifna jechuun waadaa jabaa barsiisota kanneeniif galuudhaan walga,iin wayyaanee xumuramuun barsiisonni gara hojjii hojjii isaaniitti akka deebifaman godhamee turuun ni yaadatama.
Haa ta,uutii dhiimmi daballii miindaa wayyaaneen barsiisota godinaalee oromiyaa hunda keessaa barsiisaa turaniif ammas kanneen barsiisaa jiraniif dhimmi waadaa daballii wayyaanee soba ta,uu barsiisonni tokko tokko dubbachaa jiran.
Waadaan Wayyaaneen yeroo darbe barsiisotaaf seentes guutummaan guutuutti waadaa sobaa fi kijibaa ta,uurraan wal qabatee yeroo ammaa maanneen barnootaa golee oromiyaa hunda keessatti barsiisonni heedduminaan hojii dhaabanii akka jirantu gabaafamaa jira.

Addattimmoo barsiisonni oromoo heedduun holola sobaa maqaa daballii miindaan wayyaaneen lafa nutti dhiphisaa jirtu nurraa haadhaabdu jechuun wayyaaneetti muddama jabaa naqaa akka jirantu ibsame.
Dhimuma daballii miindaan wal qabatees yeroo ammaa barsiisonni heedduminaan golee oromiyaa mara keessaa hojii dhaabuu,walga,ii wayyaanee lagachuu, faatu bifa wal fakkaataan godinaalee oromiyaa cufa keessatti mullachaa joraachuu qeerroon gabaase.Kanumaan wal qabatees sirni afaan qawweefi aangoon ijaaramte wayyaaneen yeroo ammaa dhiphuu fi gidiraa keessa seenuudhaan afanffaja,aa akka jirtu maddeen qeerroo golee Oromiyaa keessaa dhufaa jiran gabaasan.

One response

  1. wonderful put up, very informative. I ponder why the other experts of this sector don’t realize this. You should continue your writing. I’m confident, you have a huge readers’ base already!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: