SABBOONUMMAAN JECHA MOO GOCHAA?

Aside

JIITUU GADAATIIN
Image result for oromummaa maaliSabboonummaan akkamittiin akka ibsamu beekuun dura sabboonummaan maal akka ta’e beekuutu dursa. Sabboonummaan of beekuun booda waan dhuftu. Osoo eenyummaa ofii hin beekin sabaan boonun hin danda’amu. Seenaa, seera, duudhaa fi aadaa ofii erga beekaniin booda kabajuudha. Hiika eenyummaa erga beekaniin booda miira nama keessatti uumamudha. Sabboonummaan jechoota qindaawanii tarreeffamaniin kan ibsamu miti. Osoo akkas ta’ee namootni addunyaa kanarraa martuu sabboontota ta’u turani. Gantuun saba keessaatti dhalattee , saba ofii gurgurtu hin jiraattu turte.
Har’a namootni hedduun qabsaawaa/qabsooftuu, kutataaa/kutattuu, sabboonaa/sabboontuu jechuun wal leellisan hedduu agarra.  Tarii namoota hiika oromummaa illee sirnaan hin beekne jechoota afaan isaanii keessaa akka dammaa mi’aawee bahuun muudamni sabboonummaa kennamuufii mala. Sabboonmmaan gar dirree hawaasummaa kanneen akka facebook irratti jechoota babbareedanii barreeffamaniin illee kan ibsamu miti. Namoota osoo oromoo hin ta’in sababa afaan Oromoo qofa beekaniif dirree hawaasummaa irratti maqaa oromootiin daldalan hedduutu jiru. Yeroon akkas jedhu sabboontonni dirree hawaasummaa irratti namoota hin qunnaman jechuu koo miti. Sabboontonni illee marsaalee hawaasaatiin ergaa isaaniii ni dabarfatu. Continue reading

FXG Oromiyaa Bakkoota Gara Garaatti Akka Itti Fufetti Jira.

Aside

Gurraandala 17,2017

diddaa-4Guraandhala 11 irraa kaasee hanga har’aa Finfinne kutaalee magaalaa adda addaa keessatti waraqaan warraaqsaa bittimfamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Boolee bakka addaa Wara Gannuu jedhamee waamamutti waraqaan afaan amaaraan barreeffame waamicha uummata jiraattota naanoo FF kakaasu bittimfamee jira.
Waraqaan kunis muraasni fuula kana irratti kan hidhamee jiruudha. Guyyaa lama dura gabaasa godina kibba lixa Shaggar irraa nu qaqqabeen sakatta’iinsi mana namoota hedduu irratti raawwata jiruun abbootin maatii sadii humna diinaan ukkaamfamanii halkan bakka buuteen isaanii kan dhabaman
1.      Obbo Tamasgeen Oomaa
2.      Saxxee Seeqaa
3.      Dachaasaa Toffee fi
4.      Tasfaayee Caalaa kan jedhaman
Sakatta’iinsa tasa uumameen qabamuu isaanii Qeeroon magaalichaagabaasee jira. Continue reading