Maqaaa Haaromasa Gadi Fagoo Jedhuun Bu’urri Mishooma Ammaan Duraa Hin Taane,Haaraa Eegalla Kanaaf Ummanni Maallaqa Walitti Buusuu Qabdu Jechuun Dabballoonni Wayyaanee Ammas Deddebi’anii Ummata Oromoo Goyyomsaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Gurraandhala 15,2017

OPDO.jpg saamtuuMaqaa haaromsa gadi fageenyaa jedhuun tooftaa haaraa Wayyaanen TPLF baafatteen guyyoottan darban qondaaloti OPDO kan ergama TPLFn ummata Oromoo keessa bobba’anii jiran ololaa fi goyyomsa haarawaan daldala biro jalqabanii jiru.

Ammaan Godina  Arsii Itayyaa kaasee hanga Seeruutti daandii  aspaaltii isinii goona jechuun Pireezidaantiin duraanii Muktaar Kadiir dhagaa bu’uuraa erga kaayee osoo dhagaan tokko achii hin ka’in har’a waggaa Sadih (3)guuteera, kanaan dura sababa kanaan ummatarraa maallaqa miiliyoonan ummata irraa funaanaa turan, ammas marraa biraa ummata irra deemanii mishoomi ammaan duraa fi dhagaa bu’uuraa Kanaan dura wagga 20 oliif kaayaa turre waan hin milkoofneef haaraatti maallaqa buusaatii dhagaa bu’uuraa biraa haa keenyu jechuun ummata Oromoo goyyomsaa jiraachuun beekame.
Jidduu kana  kaabinoonni OPDO Oromiyaa keessa faca’anii haaromsa gadi fageenyaa goona jedhchuun ummata bifa haaraan goyyomsaa akka jiran beekamaa dha. Haala kanaa addatti godina Arsii Hurutaafi Arsii Addeellee keessatti horii boosaa jechuun ciminaan saamicha gaggeessaa akka jiran beekame.

Onnee Oromoo bilisummaa dhabee bokoke bilisummaa qofatu qabbaneessa!

Aside

Jiituu Gadaatiin
Oromoon erga onneen isaa waan barbaaddu dhabdee bokoktee jaarraan 1 darbee jira. Onnee oromoo dheebotte dheebuu baasna jechuun burqaaleen burqan hedduun garuu ittuu isa dheebossani. Nyaata taanee quubsinaan kan jedhan hedduun waan jedhan haalanii deebisanii isa nyaatani. Bidiruuleen si ceesisna ittiin jechuun dhaadatan tokko tokkos galaana walakkaa gahanii cabuun “ aalbeen lafee ittiin cabsuuf abdatan, tiruurra geessee cabdi” isa jechisiisani. Kaan ammoo waadaan isaanii qilee buutee oromoo abdii qofaan ija akka culcul godhu isa dirqamsiisani.

Oromoon tarii kanatu furmaataa, tarii isa sanaa jechaa jaarraa tokkoo oliif ifaajus garuu abdii kutee harka maratee hin teenye. Har’as dheebuu onnee isaaf bishaan kan taate; beela garaa isaaf nyaata kan taate; dhiiga taatee isa keessa facaatee kan lubbuu itti hortu; humna taatee jabeessitee kan bor isa soortu; har’a wareegama hedduu baasistee orma ija keessa ilaalsistus, boru qabeenya dhuunfaasaa kan taate bilisummaa barbaaduu irraa boodatti jedhee hin beeku. Continue reading