Gurraandhala 27,2017 Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa keessatti guyyaa sanbata kaleessaa ergamtoonni OPDO Daragaggoota walitti qabanii hojii isinii uumna jedhanii wallitti qabuun mariisuun fi Dargaggoonnis ergamtoota kanneen gaafilee ciccimoon gaafachuun ufirraa deebisuun dhagayameera,akka Odeessi magaalattii keessaa nu gahe addeessutti dargaggoonni gootonni Qeerroon Oromoo akkas jechuun gaafilee isaan rifaasisu gaafatanii jiru.
1ffaa Nuti ilmaan Oromoo rakkoo gabrummaa Diinagdee hin qabnu qabeenya keenna diinatuu ittiin guddataa jira malee itiyoophiyaan misoomte jettan kan misoomte maal fa’aani Buna,Warqii, fi qabeenya atileetonni Oromoo argamsiisaniini qabeenyi isiin ittiin guddatte kanarraa Oromoo maaltu daangessee akka irraa hin guddanne godhe?
2ffaa Investmeetiin Abbaan qabeenyaa dhalataa Oromoo ta’e kan harkaa qabu maal fa’a?
3ffaa Abbootiin qabeenyaa biyya itoophiyaa jedhamtu tana keessa qabeenya uumamaa saamaa jiran hunduu Oromoodhaa? yoo hin ta’in mee saba kam akka ta’an yoo beeytan nutti himaa yoo hin beeytan ta’e warra beekurraa qoradhaa
ummata isin bulchina jettaniin kana beeysisaa ummanni hunduu waan kana beekuu barbaadaa
4ffaa haala Afrikaan kibbaa keessa jirtu miidiyaalee addunyaatiin argaa jirra nuuf jarri maal garaa garummaa qabna daldalaan Oromiyaa keessatti daldaluu danda’u hunduu Oromoodhaa hojiin isin Oromoo itti gadhiiftanii dalagadhu jettaniin maaltu jira? Ummata Oromoo maaf Sodaattu karaa hundaan carraan Afrikaa kibbaa qunname kuni yoo nu biras gahe akkam taatu isin sabaaf sablammoota amma nurratti goobsitan kanniin wajjiin bobba’uu hedduu nu dhiiftanii moo nu wajjiin kaatanii nurraa bahaa jettuun fi gaafilee haala yeroo ammaa ummanni Oromoo keessa jiruun sammuu isaanii dhiphisuun akka isaan yaadan osoo hin taane akma Qeerroon fedheen wal gahicha xummuraniiru
Pingback: Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (February) | OromianEconomist
Pingback: Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (February) | OromianEconomist