Godina Arsii Aanaa Amiinya Magaalaa Addellee Keessatti Kaabinooti OPDO Ummata Dogoorsuu Yaalan Hin Milkoofne.

Aside

13895322_315922245464518_1980774746114202586_nGurraandhala 1,2017/ Godina Arsii Aanaa Amiinyaa Magaalaa Addeellee keessatti OPDOn karaa kaabinoota isiitin hojiin dargaggootaf uumamee dargaggoota keessan warra hojii hin qabne dhuftanii akka galmeessitan jechuun gandaa gandarra deemtee ummata goyyomsaa akka jiran Qeerroon gabaasa. Akka Qeerroon gabaasetti  Wwayyaaneen dargaggoota maatin isaanii hin galmeessisin humna Qeerroo qindeessu jechuun adamsuu akka heddus dhagayameera. Asuma Godinuma kana Aanaa   Heexosaa Magaalaa Abaadir keessatti basaasaa wayyaanee.dargaggoota hiisisaa fi reebicha irraan geessisaa ture. Hojjataa bulchiinsa  Magaalattii kan tureefi ammas itti jiru.Muhaammad H/ Awwal jedhamu irratti ummanni naannichaa  halkan kaleessaa miidhaa hamaan irra gayuun amma Hospitaala Asallaatti yaalamaa jiraachuu Qeerroon Aanichaa gabaasee jira. Continue reading