Guraandhala 26/2017 Ummanni Oromoo magaalaa Mandii keessa jiran diddaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneef qaban irraan kan ka’an qabeenyaa sirna cunqursaa abbaa irree Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatan. Continue reading
Daily Archives: February 27, 2017
Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa Keessatti Gootonni Dargaggoonni Oromoo Kaabinoota Wayyaanee Salphisan.
Aside
Gurraandhala 27,2017 Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa fi Kullaa keessatti guyyaa sanbata kaleessaa ergamtoonni OPDO Daragaggoota walitti qabanii hojii isinii uumna jedhanii wallitti qabuun mariisuun fi Dargaggoonnis ergamtoota kanneen gaafilee ciccimoon gaafachuun ufirraa deebisuun dhagayameera,akka Odeessi magaalattii keessaa nu gahe addeessutti dargaggoonni gootonni Qeerroon Oromoo akkas jechuun gaafilee isaan rifaasisu gaafatanii jiru. Continue reading
Godina Wallaggaa Aanaa Warrajjirruu/Lataa Sibuu Keessatti Dargaggoonni Loltoota Mootummaan Qabamaa Jiraatani Ummanni FXG Itti Fufee Jira.
Aside

ONN: Colonialism and its impact on public health” by Dr Beenyaa Fufaa Dhugaasaa
Aside
Allaattiin Fira Fakkaattee Sinbira Nyaatti
Aside
Damee boruu irraa
Risaan yaroo samii gubaa irraa akka rasaasaa bubbisaa dhufu kan lafa jiru kaan mukatti kan boolatti namuudhaan lubbuu baafata. Risaan kan qabate gad dhisee hin beeku. kanaafuu fagooti akka sodaatamu tahe. Corofeen garuu sinbra fakkaatee sinbira keessa oolti. Utuu sinbiroon tokko quba hin qabaatiin of bukkee dhaa buttee bocoqsuu itti kaati. Diina ofii yoo beekan fagootti of irraa eegu. Amma danda’an of irraa facisanii yoo namaaf game jalaa baqatu malee tasa daaraa hin taan. Qaroo Oromoo hunda tasa daaraa godhee kan raawwate diina alaa utuu hin taane diina keessaa ti. Dhiiga lalistuu qarree fi qeerroo Oromoo kan dhangalaasaa ture fi jiru diina nu keessa jiru. Nuyi garuu diina isa alaa qufatti quba qabu feena.
Diinni uummata Oromoo amma nutti of beeknu caala jabbinaa fi laafina keenya gadi fageesse beeka. Ummatni Oromoo humna tokkoon yoo ka’e diinni isa dura dhaabatuu danda’u akka hin jirre beekamaa dha. Saba Oromoo cabsuufis tahe erga cabee bituuf diinni kan dhimmi itti bahe Oromoota afshaala, qaraa fi jabaa tahan qabachuudhaan akka saba isaani irratti bobani gochuun tooftaa isa duraa ti. Bara Minilkii kaase amma bara Dargiitti namoota Oromoo jajjaboo tahan dhuunfaan akka uummata Oromoo caccabsanii diinaaf bitamu gochisiisuu dha. Continue reading
ONN- Ijoo Dubbii TV “GAADDISA DHUGAA” Gurraadhala 25,2017
Aside