Godina Arsii Aanaa Kofalee magaalaa Kofalee fi Aanaa Seeruu Magaalaa Seeruu Keessatti Dargaggoonni Oromoo Olola Ergamtoota TPLF Dura Dhaabbatan.

Aside

Gurraandhala 25,2017

Godina Arsii Aanaa Kofalee magaalaa Kofalee keessatti Guyyaa har’aa Sanbata Ergamtoonni OPDO dargaggoota walitti qabdee hojii isinii uumna jechuun itti kijibaa oolte,Dargaggoonni wal gahicharratti argamanis erga baajanni ramadamee baajata kana kan ramade Mootummaa Naannoo Oromiyaa erga jettanii hojii dhabdoonni hojiin uumamuuf ilmaan Oromoo qofa mo?  Sabaaf sablammiin Oromiyaa keessa jiraatus irratti hirmaata? Biyya takka ijaarra jettanii kunoo sumaalenis ummata keenna Daangaa isii irratti argaman akka ilmoo waraabessaatti lafarraa duguugaa jirti kanaaf Dhaabni keessan maaf ummata keenna cinaa hin dhaabanne,waraanni raayyaa ittisa biyyaa maaf sumaalee cinaa dhaabbate jechuun kaabinoota mootummaa mataa gara galchaa ooluun dhagayameera. Continue reading