“Gufuu Namaa Kaayan Abbuma Kaaye Dhaha”

Aside

Michuu Lammii Irraa

barruuOromoon yoo mammaaku boolla namaaf qottu gadi hin fageessin, abbaa dura bu’u hin beekanii jedha. Egaa dubbiin itti gala qaba. Har’a hedduun kiyyoo kiyyeessanii danuu ittiin kuffisaniin yoo kufan argaa jirra, eeboo ittiin nama waraanaa turanis deebisee yoo isaan waraanu ifatti mul’achaa jira. Sareen lafuma nyaattuu dutti akkuma jedhamu opdo’n kaleessa gooftoliisheef ergamtee ilmaan oromoo nyaataa turte hedduun har’a maqaa kiraa sassaabdummaatiin yeroo itti dararaman argaa jirra. Guutummaa oromiyaa keessatti, bakkeewwan hedduutti kaleessa qarriffaa diinaa ta’anii kanneen saba isaanii alanfatanii, caccabsaniii nyaachaa turan, har’a ilkaan isaanii deebisee of nyaataa jira.

Warreen ergama tplf fudhatanii saba isaanii gidirsaa turan kunneen kaleessa eessa turan yoo jenne, deebiin isaa salphaadha.isaan kun kaleessa wayyaaneef lukee ta’uun saba isaaniitti diina warren turanidha.akkuma nama aangoo fi ofitti amanamummaa qabu tokkoo dhaabni keenya,dhaabni dimookiraatawwaa fi misoomaa jechuun wayyaaneef soyyolaalee (jalaa qabuun) weeddisaa turan.dhaaba saba isaanii dachee irraa dhabamsiisuuf saganteeffate waliin dibbee reebaa turan. Continue reading

Hidhamtoonni Oromoo Maakalawwiitti Gidirfamaa Jiran Haala Hedduu Rakkisaa Keessa jirachuun Himame.

Aside

Gurraandala 2,2017
Because I am OromoHidhamtoonni Oromoo qaqqaaliin Makalaawwitti hidhamanii jiran dararaa hedduu ulfaataa keessa jiraachuu maddee keenya gabaasa.Akka oduu SQ gahe ifa taasisutti reebichi Makalaawwii keessatti Uummata Oromoorra dhaqqabaa jiru kan  midhama gurguddaa hanga sammuuf qaama hir’achuurra geessisuuf jiru ta’uutu himama.Hidhanii rarraasanii reebuu,humna ibsaan torch taasisuu fii rukuttaa hamaan hidhamtoota Oromoo nagaa irratti taasifamaa jira.Haaluma kanaan hidhamtoota Naqamteerraa hidhaman keessaa kan miidhamni isaanii sadarkaa yaaddoo irra gahee jiru keessaa barreessaa Kitaaba Uddeellaa barataa  Galataa Caalii fi Gaaddisaa mucaa jedhamurratti reebichi qaama bicuu Wayyaaneen gageeffaamaa jiruun dhibee sammuun illee cuqamanii jiraachuu hin hafan kan jedhu keessa Beektonni folisoota Makalaawwii sana keessa hojjetan .nuuf himanii jiran. Continue reading