Gurraandhala 27,2017

Haaluma kanaan mootummaan abbaa irree Wayyaanee torban kana keessa godina Wallaggaa aanaa Lataa Sibuu keessatti diddaan uummataa daran jabaachuurraan daandiin magaalaa Asoosaa irraa gara magaalaa Finffinneetti geessu bakka addaa Gujjur jedhamuu fi magaalaa lataa sibuu keessaa bakka garaa garaatti cufamuudhaan diddaan uummataa daran jabaachuun finiinaa akka jiru maddeen achirraa gabaasan.
Akka maddeen keenya gadi fageenyaan aanaa Lataa Sibuurraa nu qaqqabannittis sababa diddaan uummataa magaalicha keessatti haalaan jabaaterraan wal qabatee qeerroon oromoo mana hiraarsaa wayyaaneetti guuramaa akka jiran gabaafame.
Hanga ammaattis kanneen magaalicha keessaa ukkaamfaman:
1, Biddiiqaa Nagaa
2,Yaasin Gabayyoo
3,Cheerinnat Baayyisaa
4,Qaasim Gabayyoo
5,Manaajer Eebbisaa kanneen jedhaman Godina wallaggaa Lixaa Aanaa lataa sibuu keessaa akka ukkaamfaman qeerroon aanichaa gabaase.uummanni aanichaas ijoolleen keenya erga hidhamtee hin teenyu jechuun halkan halkan mana kaabinootaa irra deddeemuun barruulee warraaksaa akeekkachiisa kennan guutummaa aanichaa keessa facaasaa akka jiran ibsame.
Pingback: Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (February) | OromianEconomist