Daily Archives: February 7, 2017
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Gurraandhala 7, 2017
Aside
Obbo Lamma Magarsa fi Qaanqee Show
Aside
Ethiopia: Debre Tabor, founded by Ras Gugsa Mersa, the Yejju Oromo Ruler of Gondar/Begemider
Aside
Oromoof Oromiyaa Hongeessuuf Yaaluun,Burqaa Qilleensaa Argachuun Cuqqaaluuf Jooruun Wal Fakkaata
Aside
Barataa Dachaasaa Deebisaatiin
Orom-biyyaa jaamsanii maqaa biraan moggaasuuf gartuuwwaan baalqajjiin kaleessaa yeroo qaroominni hin qabnes sanyiin Habashootaa yaalaa turuun nii yaadatama.Dhumma lafaaf namasaaf yoomuu duubatti utuu hin jedhin waraana lafoon ofirraa quuraa’ee deebisaa turuun gootowwaan Oromoo darbanii yomuu kan hin dagatamnedha.
Har’as daandii buchulloonni isaanii kaleessaa baasan sanarra gulufuun afaan uummata bal’aaf biyya Uummata Oromoo kana dhuunfatanii irra danbali’uuf waan hin goone hin qaban.”sangaa gaafaa mana hin dhowwatin innuu dadhabee dhiisaa”jedha Oromoon.Habashoota ofirraa deebisuuf gootowwaan kaleessaarraa dhaalmaa fudhatee dhalonnii Qaroon Oromoo har’as falma jabaa keessa jiraachuun waan ifaati.Keessattuu sochii roga maraan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Oromiyaa keessatti gaggeessaa tureef itti jiru,Laaqii Wayyaaneen keessaa bahuu hin dandeenyeen qabsiisee jira.Akka horii hongeen huuqqisee dhoqqee Bonaan qabamtee ba’uu dadhabduu,Warraaqsa uummataan finiine kana keessaa bahuun Wayyaaneetti dhagaa guddaa dugdatti fe’ame ta’ee jira.
Continue reading
Mootummaan Wayyaanee Duula Labsii Waraanaa Ummata Oromoo Irratti baatii 6f Labsee Ture Irratti Baatii 4 Dabaluuf Akka Jiru Saaxilame.
Aside
Gurraandhala 6,2017 /Oromiyaa Keessatti Duulli Waraana Uummata Oromoorratti Labsame Ji’a Afur Dabalachuu Qaamonni OPDO Dhoksaan Nuuf Himan Guutummaa biyyattii keessatti falma Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyya keessaatti taasisaa jiru sodaa keessa galuun ji’a jahaaf human waraanaan akka Biyyi keenya bultu taasisuun humna bicuu sammuu duufeen dhangalaatu dabarsuu ishee eenyuuf ifaadha.Ajaja ji’a jahaa sana Guutummaa Oromiyaa keessatti tasgabbiin bu’uu waan hin dandeenyeef ji’a afur itti dabalanii akka jiran odeessi OPDO keessatti wal mormisiisaa jiraachuu beekame. Continue reading
Sagantaan “TV Gaaddisa Dhugaa” Gara Qilleensa Irraatti Deebi’uuf Jedha.
Aside
Godina Arsii Aanaa Seeruu Ganda Elelle Jedhamu Keessatti Ergamtooti Wayyanee Ummataan Adabamaa Jiru. Barattooti Umuriin Xiqqaa Ta’anis Poolisootaan Hidhamaa Jiru.
Aside
Gurraandhala 6,2017/ Godina Arsii Aanaa Seeruu Ganda Elelle jedhamu keessatti basaastuu Wayyaanee dargaggoota qabsiisaa jiruu fi hojjataa waajjira Aadaaf turizimii aanaa seeruu Siraaj H/ Abdullaahi Muhaammad jedhamu eda halkan human hin beekamneen dhanamuun miidhami cimaa akka irra gahee jiru gabaafame. Namni kun yeroo amma Hospitaala Roobeetti yaalamaa jira,
Kana malees guyyaa har’aa Wiixata barattoonni M/B Adamtuu faaruu faarfachuu diduu isaanitiin barattoota umuriin daa’ima ta’an 3 Sadih mana hidhaa magaalaa Balee Gasgaaritti darbatamanii jiru,dargaggoonni mana hidhaatitti darbataman
1, Ismaa’il Kadiir barataa kutaa 6ffaa
2, Seeyfuu H/ Jest barataa kutaa 6 fffaa
3,Muhaammad H/ Kamaal ta’uun dhagayame, sababiin barattoonni kuni itti hidhamaniin barruulee warraaqsaa faaruu hin faarfatinaa jedhuufi barnoota lammummaa hin baratinaa jedhu isintuu maxxansee haala baruuf barsiisuu gufachiisutti jira jechuun ta’uunis dhagayameera.
Godina Wallaggaa Aanaa Waamaa Hagaloo Naannoo Laga Mi’eessoo Jedhamutti Poolisooti Wayyaanee Ummata Dararaa Turan Irra Miidhaan Gahuu Gabaafame.
Aside
Gurraandhala 6,2017, Waggoota Dhiyoo Asitti Uummata Oromoo Lixa Oromiyaa Ona Waamaa Hagaloo Dararaa Turte Balaa Gurguddaan Saaxilamte. Barattootaa fi barsiisota qareeyyii hidhuuf reebuin beekamtii guddaa onicha keessatti kan qaban Foolisoonni Sadii balaa Konkolaataan tokko yoo ajjeefamu kaawwan hafan du’aaf jireenya gidduu galuu isaanii ofeessi Qeerroo addeessa.
Akka odeessa kanaatti foolisoonni kunneen torbee darbe namoota hidhanii reebaa turan gara magaalaa Naqamtee mana hidhaa Jaatootti dabarsanii utuu galaa jiranii balaan konkolaataa Aanaa Waamaa Hagaloo Laga Mi’eessoo gubbatti irra gahuun Police Gulummaa kan maqaa abbaasaa yeroof hin argatin battalumatti lubbuin darbe.Isaan keessaa waggoota dheeraaf uummata cunqursee humnaan dhahee reebaa fii saamaa kan ture Police Taaddalee fii Police Guddataa kan jedhaman miidhama guddaa irraa fayyuu hin dandeenyerra gahuu isaanii dhagaa’ame.