Guraandhala 26/2017 Ummanni Oromoo magaalaa Mandii keessa jiran diddaa mootummaa abbaa irree Wayyaaneef qaban irraan kan ka’an qabeenyaa sirna cunqursaa abbaa irree Wayyaanee irratti tarkaanfii fudhatan.
Haaluma kanaan qabeenyaa kan abbaan qabeenyummaa isaa kan sirna Wayyaanee ta,e irratti Ummanni Oromoo magaalaa Mandii keessa jiraatan tarkaanffii konkolaattota abbaan qabeenyummaa isaa kan Wayyaanee ta’e hojiin ala taasisan. Addattimmoo konkolaattota kanneen akka golden bus,Selum bus,fi Sky bus jedhaman irratti ummanni magaalaa Mandii keessatti fudhatamaa jiru sirna Wayyaanee gidduu kana nagaa dhorkaa akka jiru maddeen Qeerroo naannichaa himan.
Pingback: Oromia: #OromoProtests:#OromoRevolution: Gabaasa Fincila Xumura Garbummaa (FXG) Oromiyaa 2017 (February) | OromianEconomist