KORMI SAREE OFII SEERA TUMEE OFII DHAGAA ARRAABA!

Aside

JIITUU GADAATIIN

dami-doollooWayyaaneen bara dhufaa darbaa ilmaan Oromoo doorsisuuf, qabsoo oromoo gara dabarsuufis ta’e bara taayitaa ishee dheereffattee barcuma ittiin kirkiraa jiru cabee badduu ba’uu oolchuuf takkaa qajeelfama, takkammoo seera, takka takkas labsii jechuun as bahaa har’a geessee jirti. Bara bulmaatashee tursachuuf yeroo itti seerota wal faallessan baastu illee argaa, dhagahaa har’a geenye. Bara 2006 uummanni guutuu biyyattii filannoo biyyaaalessaa bara sana ture irratti bahee mootummaa garboomfattuu wayyaanee akka hin barbaanne mul’ise. Bara sana guutummaan biyyattii raafama keessa seente. Continue reading

OLOLAA FI KIJIBAAN LAFA CABSUUN GAAFFII UUMMANNI OROMOO GAAFACHAA JIRUUF DEEBII HIN TA,U.

Aside

Guca Qabsoo Oromootiin.
Diddaa 3Uummanni oromoo yeroo ammaa yeroo itti gidiraa fi dhiphuun mana isaatti olseenee jaanjii fi hiraarsamaa jirutti gaaffii uummatichaatti bishaan facaasanii irra kutuun daandii qabsoo uummanni oromoo qabatee socho,aa jiru ni fardeessa malee milkaa,ina diinota farra qabsoo oromoo ta,aniif  karaa hin banu.
Shiftoonni mootummaa abbaa irree wayyaanee guyyaa gaafa mooraan qbo oromoo hundeedhaan ititee finiinuu jalqaberraa kaasee caasaa isaanii uummata oromoo irratti humnaan gad diriirsuun dhiphuu fi godiraa uummaticha irratti bara bittaa isaanii dheereffachaa turan.Ammasimmoo gocha diinummaa ilma namaaf hin malle uummata oromoo irratti raawwachaa jiru.Wayyaaneen yeroo uummanni oromoo gaaffii abbaa biyyummaa isaa gaafatu gaaffii uummatichaa aqaaquun gara hiika biraatti jijjiiruun uummaticha irratti yakka diinummaa raawwachaa turte.Ammas ittuma jirti.Gaaffiin uummanni oromoo gaaffachaa jiru gaaffii mirga abbaa biyyummaa ta,ee osoo jiruu wayyaaneen garuu shiraa fi kiyyoo ishee bakkaan ga,achuuf jettee faaruu hololaan lafa cabsuu fi kijibaan uummata gidirsuun uummatichi akka qabsootti cichoominaan jabaatu taasisa malee shiraaf hola wayyaaneef yoomuu garagalee yeroo itti   jilbeenfatu hin qabu.

Continue reading