Damee boruu irraa
Risaan yaroo samii gubaa irraa akka rasaasaa bubbisaa dhufu kan lafa jiru kaan mukatti kan boolatti namuudhaan lubbuu baafata. Risaan kan qabate gad dhisee hin beeku. kanaafuu fagooti akka sodaatamu tahe. Corofeen garuu sinbra fakkaatee sinbira keessa oolti. Utuu sinbiroon tokko quba hin qabaatiin of bukkee dhaa buttee bocoqsuu itti kaati. Diina ofii yoo beekan fagootti of irraa eegu. Amma danda’an of irraa facisanii yoo namaaf game jalaa baqatu malee tasa daaraa hin taan. Qaroo Oromoo hunda tasa daaraa godhee kan raawwate diina alaa utuu hin taane diina keessaa ti. Dhiiga lalistuu qarree fi qeerroo Oromoo kan dhangalaasaa ture fi jiru diina nu keessa jiru. Nuyi garuu diina isa alaa qufatti quba qabu feena.
Diinni uummata Oromoo amma nutti of beeknu caala jabbinaa fi laafina keenya gadi fageesse beeka. Ummatni Oromoo humna tokkoon yoo ka’e diinni isa dura dhaabatuu danda’u akka hin jirre beekamaa dha. Saba Oromoo cabsuufis tahe erga cabee bituuf diinni kan dhimmi itti bahe Oromoota afshaala, qaraa fi jabaa tahan qabachuudhaan akka saba isaani irratti bobani gochuun tooftaa isa duraa ti. Bara Minilkii kaase amma bara Dargiitti namoota Oromoo jajjaboo tahan dhuunfaan akka uummata Oromoo caccabsanii diinaaf bitamu gochisiisuu dha.
TPLF warra ishee dura irraa waan hedduu barate. Kana malee karaa biraas qabsoon bilisummaa Oromoo ABOn gaggeessamaa jiru gaaffi tokko guddatee ishee balleessu akka danda’u waan hubatteef dhaaba dhuunfaa ishee maqaa uummata Oromoon ijaarame ishee ergamu OPDO ijaarate. Maxxansaa koo darba irratti OPDOn dhuunfaa qabeenya diinaa akka tahe ibsee waanan jiruuf irra deebi’un barbaachisaa hint tahu.
Waan maxxansaa kana irratti yaadni kaasuu barbaade qaama keenya keessaa dhiiga dangala’aa jiru yoo dhaabbate malee fayyaa argachaa akka hin dandeenye dha. Dhiiga dhangalaa jiru kana dhaabbuu fi dhukkuba isaa adda baafnee baruu qabna. Dukkubni keenya inni duraa walaallumaa dha. “Warri guddaan gowwaa ykn dhoofa hin dhaban”, jedhan. Oromoo keessa gowwan baayyee danuu dha. Jaamaa dhalatee utuu ija hin banatiin kan du’us xiqqaa miti. Yoo of ilaallee of hin qarre utuu hin beekiin meeshaa diinaa taanee dantaa uummata keenyaa dura dhaabbanna.
OPDOn guyyaa ijaaramte irraa kaase uummata Oromoo burjaajjessuu fi olaantumaa TPLF tajaajiluu irraa yaroo boodatti hafte hin jiru. Haalli uummatni Oromoo biyya keessaa fi alaa qajelchee hin hubanne jira. Bara Siyee Abrahaamfa , Malasaa Zeenawii irratti ka’an Malasaa kufatii irraa namni jabaan oolshe tokko Abbaa Duulaa Gammadaa ture. Innis waraana keessaa bahee akka Presedantii OPDO tahu godhame. Yaroo sana Abaan Duulaa namoota isaaf hojjetan akka barbaadetti akka ijaaratu Malasaan eehameef . Abaan Duula of isaa iyyuu basaasuttummaa waraana keessaa irraa waan dhufee waa’ee dhimma basaasaa bareechee waan beekuuf dhalloota haaraa keessaa warra qaroo tahan funaane basaastummaa fi dabalummaatti kaadhimate. Basaasota Abba Dulaa keessa Worqineeh Gabayoo fi Lammaa Magarsaa warra burmsi quubsaan biyya alaati kennameef OPDOn amantaa guddaa irraa qabdu.
Ilmaan Oromoo kan Worqineeh Gabayoo fi Lammaa Magarsaa harka keessaa hin qabne butamanii ukkamamuu, hidhamuu fi ajjeessamuu hin danda’an. Warri kun warra dhiiga ilmaan Oromoon harka dhiqachaa as gahiif har’a illee itti jiran akkamitti Oromoof dhaabbatu jennee yaadna? Karaa biraa Abbaan Duulaa dabaloota lenjisee nu keessaa facaasee jira. Waan facaase kana immoo har’a akka haammachaa jiru kan hin aggarre yoo jiraatee Oromoo jamaa dhalatee utuu ija hin banatiin du’u sana qofa. Maqaa scholarshipiin dabaloonni Abbaa Duulaa biyya alatti ergamanii hojii tokko tokko isaanii laatame raawwachaa jiru.
Biyya alaa keessatti waldaa amantii, haawaasaa ijaarsa siyaasaa, bartootaa fi ooggistoota , akksuma ABO dabalatee akka huluuqanii keessa seenan godhamnii jiru. Alaan nu cabsuu waan hin dandeenyeef nu keessa taa’anii akka humni qabsaawwanii wal hin qabne wal irraa ittisu. Hojiin daballeewwan Abaa Dulaa inni duraa ABO fi qondalota isaa irratti bobbanii akka jibamuu fi akka uummata Oromoon hin ammatamne gochuu irratti xiyyeefachuu dha. Hin milkoofneef malee humni isaanii olitti dadhabanii jiru. Har’a illee nu gahe jedhanii hin dhiifne. Akkasuma QBO dhoomsuu fi gargaarsa akka hin arganne gochuuf waan hin goone hin qaban.Oromonni disporaa jiran har’a illee dabloota Abbaa Dulaan warri hunkuramaa jiru lakkobsi isaanii hedduu dha. Warri jireenya isaanii keessatti hoji guyyaa tokko qabaatanii beekne yaroo xiyaaraan wal gahiif biyya irraa biyyatti xalisaa jiraan aggara. Bakki wal gahii itti godhan bakka mootummaan biyyaa Afrikaa tokko dandeetti hin qabaanne hoteela ol aanaa keessatti yaroo tahu waan deemaa jiru ifa godha.
Dabaloota Abbaa Duulaa kana tokko tokkoon of keessaa baafne amma darbnu humni qabsoo bilisummaa bakka tokkotti itituu hin danda’u. Qabsoo uummata Oromoo of duuba deebisuu akka hin dandeenye isaanuu bareecanii hubatu. Amma danda’an akka saree akka wal nyaanuu nu gochuudhaan lubbuu diinaa dheeressu yaalu. Qabeenya keenya, humna keenyaa fi dandeetti keenya akka diina isa dura TPLF irratti hin xiyyeefanne gufuu tahaa jiru. Amma sanatti immoo diina uummata Oromoo isa duraa kan taate TPLF shira adda addaa qopheessuudhan akka qabsoon bilisummaa Saba Oromoo bacancarru gochuuf kuftee kaati.
Kan Liyyuu Poolisii utuu watwaataa jiruu kara Dhiya Oromiyaa saboota xixxiqqaa Lenjifatee akka uummta Oromoo rukkutanii lafa fudhatan jalqabdee jirti oduun jedhu dhaga’amaa jira. Naannoon Oromiyaa uummata baayyeen marsamee jira. Yoo tooftaan kun kan hojjetuuf tahe uummatni Oromoo saba xixxiqqaa kamiin lolee kam akka dhiisu iyyuu hin beeku. Kanaaf murtee tokko kan itti kennuu qabu WBO, QBO fi uummata Oromoo naannoo sana jiru tahuu qaba. Humna Liyyuu Polisiis tahe kan biraa amma uummta keenya irratti duulee miidhaa fidu eeguu dhiifne karaa gurmaaeen waan qabnuun itti duullee lafa irraa duguggnee gatuudhaan barnoota keennuuf qabna. Uummatni keenya tufatamuu fi jibbamuu duwwaa utuu hin taane sodaatamuus qaba.
Dabaloota Abbaa Dulaa warra marasaa uumataa irratti Lammaa Magrsaa farsaa jiraniif gurra kennuu hin qabnu. Waan afaaniin dubbatamu utuu taane waan hojiin argamu dhugeefachuu qabna. OPDOn harka TPLF baatee uummata Oromoo wajjin hiriiroo yoo hin gallee meeshaa diina waan taateef diina duraa wajjin dhabamuun dirqama.
Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummati!