Daily Archives: February 4, 2017
DR,QADIIDAA Show, Marsii Siyaasaa Dargaggoo Caalaa Haayiluu Waliin Taasise.
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Guraandhala 3, 2017
Aside
Godina Arsii Garaa Garaa Keessatti FXG Jabaatee Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Gurraandhala 3/2017 Godina Arsii Keessatti barruulee warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Godina Arsiitin maxxanfamaa jiruun wal qabatee barattoonni manneen barumsaa diddaa isaanii karaa adda addaatin gaggeessaa jiraachuun himamaa jira, Barattoonni manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa godin Arsii Aanota gara garaa keessa jiran guyyoottan darban keessatti FXG karaa adda addaatin ibsachaa turuun isaanii kan yaadatamu yoo ta’uu ammallee Manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kan Akka manneen barnootaa Caffee Sabiroo, Doommaroo, Abaadir,Gabbee, Siree, Jiddaa, Bullaalla, Haddaa Baamoo, Ataabaa Bookee, Haliilaa, Kullaa, xiichoo, Jimaata, Xaqqee ciimoo, Ajjee keessatti argaman faaruu alaabaa faarfachuu dhaabudhaan barattoonni daa’imman fuulduraan hiriiranii jiran faaruu eegaluun warra duuban hiriire dargaggootaf shamarran farfachuurraa uf qusachuu isaanii hibatuun daa’immanis addaan kutanii jiraachudhaan Dura taa’onni manneen barnootaa gola golaan irra deemudhaan barattoota akka faaruu faarfatan doorsisaa jiraachuu Qeerroon barattoonni Oromoo gabaasaa jiru, Qabsoon karaa hundaan itti fufa. Continue reading