Shirootaa fi Afaan Fajjii Wayyaaneen TPLFn Ummata Irratti Xaxamaa fi Deemaa Jiru Gootummaa Qeerroon Fashalaa’ee FXG Itti Fufee Jira.

Aside

CirooGurraandhala 6,2017 /Sirni cunqursaa mootummaa jedhee of yaamu Wayyaanee TPLF yeroo ammaa maqaa haaromsa biyya keenyaaf jedhuun uummata Oromoo gidduutti afaanffajjii uummuuf yaalii akkaan jabaa ta,e gootus shiraa fi kijibni sirna  Wayyaanee deemaa jirtuuf  diddaa Qeerroo fi uummataan golee Oromiyaa mara keessatti Wayyaanee harkatti busha,aa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Shiftoonni Wayyaanee kunneen diddaa uummanni Oromoo osoo walirraa hin kutiin waggaa 1 olirra dabarsee gochaa jirutti muffii fi gidiraan akkasumas cinqii keessa kan seenan saamtooni wayyaanee kunneen yeroo ammaa maqaa haaromsa biyya keenyaa gadi faggeenyaan xiinxaluu jechuun uummata oromoo golee oromiyaa mara keessa jiran walga,ii fi doorsisaan gidirsaa jiraachuunis saaxilame jira.

Continue reading

Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota garaa garaatti hidhamuun hiraarfamaa turan gadhiifamuun gabaafame

Aside

because-i-am-oromoGuraandhala 5,2017 Hidhamtootni Ilmaan Oromoo mooraa Liinjii Waraanaa Wayyaanee kanneen akka Xoollaayi, Awaash Arbaa fi Bakkoota Garaa Garaatti hidhamuun hiraarkanneenfamaa turan wayyaaneen waan qabdee gadhiiftuu dhabuun maqaa leenjii haaromsaa gooneef jettuun hidhamtoota Oromoo muraasa kan gadhiiftee jirtu ta’uun ibsamera. Ilmaan Oromoo hiraarsa diinaa hamaa meessa turtan baga nagaan baatanii maatii fi hiriyoota keessanitti makamtan.

Continue reading