Godina Arsii Aanaa Balee Keessatti Gootonni Barattooti Oromoo Faaruu Alaabaa Sirna Wayyaanee Farfachuu Diduun FXG Itti Fufan.

Aside

4-must-go1Gurraandhala 2,2017 ,Godina Arsii Aanaa Balee keessatti barattoonni faaruu Alaabaa ganama ganama faarfamu faarfachuu diduun dhagayame.akka odeessi Aanicharraa dhufe himutti.Mana Barnootaa Mariiqaa Sad 1ffaa, Mana Barumsa Adamtuu Sad 1ffaa, Mana Barumsaa ingooyyee gooyaa Sad 1ffaa, Mana Barumsa Farzaanaa  sad 1ffaa keessatti ganama har’aa faaruu Alaabaa faarfachuu dhaabanii jiru.

Continue reading

Wayyaaneen TPLF Gaaffii Ummataa Dabsee Afaan Fajjii Uumuu Yaale Itti Hin Milkoofne.

Aside

Gurraandhala 2,2017
Eega Warraaqsi Uummataa banbanee asitti sochii hawwasaa qabbaneessuuf karaa hedduu yaalaa turuun Wayyaanee nii yaadatama.Keessattuu uummata afaan qawween bulchuuf duula waraanaa irratti labsuun uummata shororkeessaa turtee ittis jirti.Duulli Wayyaanee uummatarratti bante kun kan adiyyooma ishee saffisiisu malee kan danbalii jireenyaa ta’eefuu dhommoqarraa ishee baraaruu ta’uu dhabuun humna Command Post erga uummata tasgabeessuu dadhabee duula oollota Oromoo uummatartatti kaasuu fudhattee turte.Hawwiinf fedhiin ishees qe’ee Oromoo humnaa cabsitee dhaaluuf fudhachuu qofaa waan tureef michoota taasifachuun naannolee ollaa irratti kaasuun daangarra Oromo jiran dararaa turtee Qe’ee Oromoo onsuufis irratti dalgaa turte. Continue reading