Amajjii 26,2016 Wallagga Mana Barnootaa Biiftuu Naqamteeti FXG Itti Fufee Baha Oromiyaa Ciroo Ammoo Gamtaan Barattooti Jaallan Isaanii Hiriira Irratti Madaawan Gaafatan.

Aside

Baha Oromiyaa Ciroo

Lixa Oromiyaa Naqamte

 

 

Aside

Amajjii 26,2016 Sa’aa ammaa kanatti, Gindeberet Magaalaa Kaachis Mana barumsaa Sadarkaa 2ffaa irraa kan ka’e hanga ammaatti FXG bifa adda ta’een deemaa jira, Waraanni Agaazii dhukaasa hedduu mana barnootaa Magaalaa Kaachis irratti dhukaasaa jira. Ummannii fi barattooti diddaa cimnaan dura dhaabbachaa jiru.

Sababaa Sochii Lafaa Irraan Kan Ka’e Barattooti Mooraa Yuuniversitii Hawaasaa 4 Du’uu Irraan Kaan Mooraa Gadhiisanii Mooraa Ala Jiru.

Aside

ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ: ድምፅ: የሳም:ንቱ: ዜና:: (SQ ) January 25, 2016

Aside

FincilliFincilli Xumura Gabrummaa Eegalee Itti Fufee Godina Shaggar Lixaa Keessatti Motummaa Wayyaanee Daran Raasaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Amajjii 25,2015 Waraanni Wayyaanee ammallee uummata irratti dhukaasa banuu hin dhaabne jedha Qeerroon. Shaggar lixaa magaalaa Shanan keessatti har’a ganama irraa kaasuun uummanni bahee dhaadannoo dhageesisaa ture, ofiin of dandeenya ofiin of bulchina sirna wayyaanee hin feenu, mootummaa Wayyaane hin barbaannu, Wayyaaneen ajjeesaadha jechuun tarkaanfii waajjiraalee mootummaa Wayyaanee garagaraa irratti uummanni fudhate.

Humni waraana wayyyaanee uummata nagaa irratti dhukaasa baneen namnootni hedduun akka madeeffaman gabaafame. Barataan yeroof maqaan isaa nu qaqqabin rasaasa wayyaaneen wareegames jira. Sa’a kana magaalli shanan dirree waraanaa taatee jirti. Uummanni gaaffii isaa karaa nagaatiin itti fufee jira. waraanni magaalicha keessaa akka bahu sagalee uummataatu dhageessifamaa jira kun tahuu baannaan tarkaanfii fudhatamu itti seenna jechuunis qonnaan bulaan baadiyaa keessas bahaa jira.

Baha Wallaggaa Aanaa Sibuu Sireetti Humni Waraanaa Diinaa Agaaziin Oromoota Miseensa KFO Ta’an Isin ABO dha Jechuun Ukkamse.

Aside

Amajji 25,2016
Miseensonni KFO hedduun dararaa hamaa keessa kan jiran yoo ta’u,badii tokko malee hidhuuf reebutti fuulleffate jira TPLF haaluma kanaan magaalaaf baadiyyaa Siree keessa deemuun ilmaan Oromoo hedduu ABOf hojjettu miseensota ABOti sababaa jedhuun ukkaamsaa jira Namoota kanneen keessa hammi tokko:-

  1.  Sisay Galataa miseensa KFO kan ta’e yeroo gararaa mana hidhaa adaddaatti kan hidhamaa ture har’as achii buuteensaa dhabamee jira
  2. Barsiisaa Qanaasaa miseensa KFO kan ta’e innis yeroo gara yeroo reebichi hamaan kan irra ga’a ture hanga har’atti ukkamfamuusaa malee
    bakki buutesaa qirixii bishaan buute ta’e.
  3. Shibbiruu Kitilaa miseensa KFO kan ta’e manasaa deemuun kan qaban bakki buuteesaa dhabame
  4. Fiqaaduu Asaffaa Miseensa KFO kan ta’e ukkamfamee jira.
    Namoota qaroo hawwaasaa kana kan hisisanis saaxilamaniiru isaanis
    A Fiqaaduu Yohaannis
    B Addunyaa Aagaa Jarreen kun jala deemtota diinaa ta’uun hisisuuf ajjeesisufillee akka jiran ibsa gabaasi achii

Barattooti Oromoo Wallagga Yuunibarsiitiin FXG Haalaan Jabeessanii Jiru

Aside

Amajji 25,2016 Itti Fufee Jira. Wallaggaa Yunibarsiitii keessatti FXG halkan edaa kan eegale har’as itti fufee ooleera.humni diinaa barattoota danuu madoo taasiiseera.kaansaani ukkamsaa jira ta’us humna barataa qabbaneessuu hin dandeenye.

Mana Hidhaa Shashammannee Keessatti Poolisooti Wayyaanee Itiyophiyaa Akkaataa Itti Dargaggoota Oromoo Guraaran.

Aside

Aside

Guyyaa har’aa 25/01/2016 Godina Wallaggaa Lixaa baratonnii mana barumsaa sadarkaa lamaaffaa Naajoo humni waranaaf humnii agazii akkasumaas makalakayaa humnii jedhamaan osoo magaalaa fi baadiyyaa Oromiyaa akkasumas Najjoo weeraranii jiranii qormaata hin fudhatnu jechuun mormii FXG dhageessisaa oolanii jiru.

Amajjii 25,016 FXG Godina Harargee Bahaa Magaalaa Guraawaa Keessatti Gaggeefame.

Aside