Hiriira Xumura Gabrummaa Hararge Habroo Magaalaa Defoo Keessatti Guyyaa Har’aa Gaggeeffame/Amajjii 9, 2016

Aside

Guyyaa Har’aa Amajjii 9,2016 Barattooti Oromoo Yuuniverstii Haromaayaa FXG Gaggeessan.

Aside

SBO AMAJJII 10,2016. Oduu, Gabaasa FXG, Ibsoota AI fi HRW Irratti Gabaasa Cuunfaa, Hiriira Mormii Dubartootni Or omoo fi Qeerroon London Geggeessanii fi Walaloo…

Aside

Lixa Harargee Magaalaa Asaboot Keessatti Ficila Xumura Gabrummaa Barattooti Oromoo Amajjii 7,2016 Deemsisan

Aside

Beeksisa Tumsa Qeerroo Idil-Aduunyaa

Aside

Beeksisa

Beeksisa Tumsa Qeerroo Idil-Aduunyaa

Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessaa Hojjetaan Mana Murtii Kan Ta’e Sabboonaan Oromoo Solomon Takiluu Loltoota Wayyaaneen Ukkamfamee Hanga Ammaa Bakka Bu’e Hin Beekamu.

Aside

Solomoon Takluu

Solomoon Takluu

Wallagga Magaalaa Jaarsoo Keessaa Hojjetaan Mana Murtii Kan Ta’e Sabboonaan Oromoo  Solomon Takiluu Loltoota Wayyaaneen Ukkamfamee Hanga Ammaa Bakka Bu’e Hin Beekamu.

 

Alaabaan ABO Har’a Amajjii 8,2016 Magaalaa Dirre Dhawaa Bakka Ganda Garaada (gandde) Jedhamu Keessatti Fannifamee Oole,Waraanni Wayyaanees Bira Dhaabbatee Eegaa Oole.

Aside

Mootummaan Ithiophiyaa Baajetteta Maqaa Mishoomaa fi Daballii Mindaa Hojjettootaaf Qabamee Ture Gara Tajaajila Waraana Agaaziif Akka Darbu Ajajaje.

Aside

Amajjii 8,2016, Hojjettoonni MMD (Madda maallaqaafi diinagdee)akka jedhanitti, miindaan hojjettoota biyyatti gara fuula duraatti hojjettoottaaf kennamu gara geejjibaa,nyaataafi uffata walumaqabaatti, tajaajila humna Agaazii Oromiyaa keessatti mootummaa tajaajiluuf waan naannessameef fuuldura kanatti miindaan hojjettottaa waanti kaffalamu waan dhibeef caasaan daballii miindaa hojjetootaa hojjetamu akka dhaabbatuuf akeekkachiisi dhorkaa isaan ga’e beekameera

Kanuma waliin odeessuma diinagdee Wayyaanee keessaa utuu hin ba’in Waajjirri MMD Wallaggaa Bahaa Bu’uraalee misoomaa maqaa jedhuun bajati qabame. gara humna waraanaatti naannessamee bajati 

  1. Fayyaa
  2. Qonnaa
  3. Barnootaa 
    Ajaja maqaa rakkoo nageenyaa Dhaaba keenya mudateen amma Dhaaba keenya cina itti dhaabbanna jechuun bajaticha gara waraanaattii deebisamuu odeessi Qeerroo Leeqaa hubachiiseera

Wallee Warraaqsaa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Amajjii 6,2016 Gadhiifame

Aside

Godina Harargee Lixaa Ona Xulluu Asab Tafarii, Bordooda fi Hirnaa Keessatti FXG Itti Fufuun Alaabaan ABO Fannifame.

Aside

Har’a Amajjii 8,2016 FXG godina Harargee lixaa ona Xulluu Asab Tafarii, Bordooda fi Hirna har’a adeemsifameen Alaabaan ABO fannifamuudhaan, kaanis qabatee hiriira bahuudhaan dirree injifannoo fakkeessee jira uummanni Harargee lixaa wayita kana. Kana dhaamsuuf humnootni wattaanee ramadamaa jiran guddaa tahanis uummanni humni kamuu haa dhufu FXG hamma Bilisummaa fi Walabummaa keenya ijaan arginutti hin dhaabnu jechuun ejjennoo isaa jabeeffatee FXG itti fufee jira. Harargee godina lamaanuu keessaa yeroo kana sodaan caasaa mootummaa wayyaanee keeessa jiru gadhiisaa akka jiru Qeeyroon gabaasee jira.

Kana malees humnoota tikaa fi poolisoota naannichaa uummata rakkisaa jiran irratti tarkaanfiin sirreessaa humnoota hin beekamneen akka irratti fudhatamee jiru gabaafame.