Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Qophii Amajjii 4, 2016

Aside

Godinaaleen Bahaa Oromiyaa fi Kibbaa Bahaa Oromiyaatti Warraaqsii FXG Itti Fufee Jira.

Aside

Amajjii 4,2015, Godinaaleen Bahaa Oromiyaa fi Kibbaa Bahaa Oromiyaatti warraaqsii FXG uummata Oromoo fi dargaggoota Oromoon
Aanaawwaan godinaalee Harargee Bahaa fi Lixaa keessatti jabaachuun itti fufe, Godinaalee Harargee Bahaa Aanaa Qobboofi, Dadaritti
warraaqsii haalan jabaachuun daandiin konkolaataa uummataa fi dargaggootaan Qobboo irratti haalan kan cufame ta’uun ibsame jira.
Ittuma fufuun Godina Harargee Lixaa aanaawwaan kanneen akka aanaa Habroo Magaalaa Galamsootti humnootni Agaazii Wayyaanee Abbaa Seeraa Aanaa kana kan ta’ee Obboo Tasfayee Tolaa kan jedhamuu halkan mana galmaa isaa cabsuun Shugguxii isaa fi Qabeenyaa isaa saamamuun gabaafame, Wajjiirri mana murtii Aanaa Habroos tajaajila dhaabuun
gabaafame jira.

Amajjii 4,2016 Godina Wallaggaa Magaalaa Shambuu fi Magaalaa Madii Keessatti Ficila Xumura Gabrummaa Ka’een Manneen Barnootaa Qophaayinaa Guutummaati Cufaman.

Aside

Har’a Amajjii 4,2016 Godina Wallagga Bahaa Magaalaa Shaambuu keessatti kan argamu mani barnoota qophaa’inaa guutummatti cufamee jira.Mormii barattoonni kaasaniin wal qabatee ijoolleen shamarran Oromoo lama waraana Wayyaaneen waan butamanii ukkaamfamaniin barattooti guutummaatti dhadatnoo dhageessisaa turanii mana barnootaa cufanii gara maatii isaaniitti deebi’aa jiru.Barnooti bilisummaa booda jechaa dhadataa akka turan Qeerroon gabaasa.

Gama biraan Godinuma Wallagga lixaa magaalaa Mandii keessatti barattooti Oromoo warri hidhaman haa gadhiifaman dhadatnoo jedhuun mormii guyyaa har’aa ka’een wal qabatee waraanni wayyaanee magaalicha goolaa waan jiruuf barattooti guutummaatti mana barnootaa cufanii maatiitti deebi’aa akka jiran gabaafame.

Hararge Baha Dadar Keessatti Gootonni Oromoo Ficila Xumura (FXG) Gabrummaa Bahan/Amajjii 4,2016

Aside

Har’a Amajjii 4,2016 Ficilli Xumura Gabrummaa Yuuniversitii Adaamaa Keessatti Gootota Barattoota Oromoon Itti Fufe.

Aside

Aside

Har’aa Amajjii  4,2015 Godina Kibba lixa Shaggar magaalaa Tullubboolloo keessatti kan arguma mana barnoota sadarkaa 2ffaa Hibret fire ti barattoonnii barsiisota keenyaa nurraa hiitanii namni biraa nu hin barsiisuu jechuun hiikamuu barsiisota isaaniif dhaadannoo dhageessisa kutaa dhiisanii bahan.

Aside

12498872_1017047815022366_2125947269_nSabboonaan Oromoo Lenjisaa Raggaasa  GodinaShaggar lixaa aanaa Dandii magalaa Olokomiiti dhalate. Finfinnee keessa jiraata. Gaafa 28 /12 /2015 naannoo Birbirsa Gooroo /piyaassa keessatti tikaa wayyaaneen ukkaafame bakka buuteen isaa hin beekamu.

Elemo Ali: “Qawwee Fannifatee” [Oromo Protest Music]

Aside

https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/elemo-ali-qawwee-fannifatee-oromo-protest-music

“Imaan Koo Dhagayaa” Dhaamsa Ayyoo Oromitittii

Aside

Faaruu Gaammee Bilisummaa Oromoo

Aside