Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Itti fufe

Muddee 27,2011

Rorroo kana caalaa of irratti ilaaluu irra wareega kaffallee mirga abbaa biyyummaa argachuu wayya kan jedhan qonnaan bultooti Oromoo yeroo ammaa kana goleelee Oromiyaa mara keessaa diddaa isaanii muldhisaa jiru. Mootummaan Wayyaanee gaaffii qonnaan bultootaa fi barattootaaf deebii kennuu hanqachuun ykn dadhabuu irraan kan ka’e hidhuu biyyaa arihuu fi qabeenya saamee dachii dhablee godhaa jira.Kanaafis hin jilbeeffannu kanneen jedhan Oromoonni diddaa isaanii itti fufanii jiraachuu beekama.

Sochii Qeerroon Bilisummaa godhaa jiran teenyee hin laallu, ilmaan keenyaa fi qabeenyi keenya yeroo miidhamu falmachuu fi roorroo if irraa ittisuun qoda keenya kanneen jedhan qonnaan boltooti Oromoo, haala kanaan yaalii ijibbaataa godhchuuf mirga abbaa biyyummaa fi qabeenya Oromiyaa qabaachuu akka qabaniif jecha jiraattoti aanaalee Jidduu galeessa Oromiyaa gaaffii mootummaa Wayyaaneef dhiheessan wal duraa duubaan akka dhihaatu gabaasi qeerroo addeessa.

Akka kanaan Jidduu galeessa Oromiyaa gandoota armaa gadii kanneen jiraatan iyyannoo ijibbaataa mootummaa Wayyaaneetti galchanii jiru.

1. Iyyannoo Qonnaan Bultoota Ganda Galaan Guddoo dubbisuuf as tuqi.

Iyyannoo Q bultootaa ganda Galaan Guddoo

2. Iyyannoo Qonnaan Bultoota Ganda Qaallittii dubbisuuf as tuqi..

Iyyannoo Q bultootaa ganda Qaallittii

3. Iyyannoo Qonnaan Bultoota Ganda Waajituu dubbisuuf as quqi..

Iyyannoo Q bultootaa ganda Waajituu

 

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

የኦሮሞ ህዝብ ነፃነት በኦሮሞ ህዝብ ፀረ-ባርነት ትግል ግቡን ይመታል፡፡ ይህም ዛሬ እንጂ ነገ አይደለም፡፡

(በፊንፊኔና አከባቢዋ ላይ የተሠራ ዶክመንተሪ ጥናት)

ይህ ጥናት በፊንፊኔና  ዙሪያ ላይ ትኩረት በማድረግ የተሰረ ስሆን ጥናቱ ወቅታዊና ተአማ ኒነት ያለቸው ማስረጀዎች ቀጥታ በአካል በቦታው  ተገኝተው  በአይነህሊና በመቃኘትና  ከተጎጂዎች ጋር ቃለ ምልልስ በማድረግ የቀረበ ነው፡፡   

  • ጥናቱ የተሰረው  ከመስከረም 20 2011 እስከ ህዳር 25 2011 .. ነው፡፡
  • የኦሮሞ ህዝብ ነፃነትና የኦሮሚ ያን ሉኣላዊነት እውን ለማድረግ የህዝብ ንቅናቄ/አመጽ ማድረግ ግድ ሆኗል፡፡

የኦሮሞ ህዝብ ለዘመናት ተነጥቆ የቆየውን  የሀገር ባለቤትነትና ራሱን በራሱ የማስተዳደር ተፈጥሮኣዊ  መብቶቹን ለማስመለስ ፀረ-ባሪነት ንቅናቄ/አመጽ ማድረግ ያለበት ጊዜው አሁን ነው፡፡ ጥናቱትኩረትካደረገባቸውነጥቦች፡

  • የኦሮሞ ህዝብ ነፃነትና የኦሮሚ ያን ሉኣላዊነት እውን ለማድረግ የህዝብ ንቅናቄ/አመጽ ማድረግ ግድ ሆኗል፡፡

የኦሮሞ ህዝብ ለዘመናት ተነጥቆ የቆየውን  የሀገር ባለቤትነትና ራሱን በራሱ የማስተዳደር ተፈጥሮኣዊ  መብቶቹን ለማስመለስ ፀረ-ባሪነት ንቅናቄ/አመጽ ማድረግ ያለበት ጊዜው አሁን ነው፡፡ ጥናቱትኩረትካደረገባቸውነጥቦች፡

  • የኦሮሞ ህዝብ ነፃነትና የኦሮሚ ያን ሉኣላዊነት እውን ለማድረግ የህዝብ ንቅናቄ/አመጽ ማድረግ ግድ ሆኗል፡፡

የኦሮሞ ህዝብ ለዘመናት ተነጥቆ የቆየውን  የሀገር ባለቤትነትና ራሱን በራሱ የማስተዳደር ተፈጥሮኣዊ  መብቶቹን ለማስመለስ ፀረ-ባሪነት ንቅናቄ/አመጽ ማድረግ ያለበት ጊዜው አሁን ነው፡፡ ጥናቱትኩረትካደረገባቸውነጥቦች፡

Qormaata Finfinnee irratti tahe guutuu isaa

Beeksisa Koree Qindeessituu Warraaqsa Ummata Oromoo (KQWUO)

Beeksisa Koree Qindeessituu Warraaqsa Ummata Oromoo  (KQWUO)

Muddee  27,2011

Koreen Qindeessituu Warraaqsa ummata Oromoo qabsoo ummata Oromoo bakkaan gahuuf jecha  har’aa fi booru osoo hin jenne,amma irraa eegallee warraaqsa ummata Oromoo Oromiyaa keessatti deemsisuuf qormaata hunda xumuratee ibsoota  fi labsoota wal jalaa boodaan baafachuuf deemu akka hordoftanii  ejjennoo fi murannoo keenya waliin akka dhaabbatan dhaammanna.

Koreen Qindeessituu Warraaqsa Ummata Oromoo  (KQWUO)

  1. Maanguddoota Oromoo Oromiyaa jiraatan
  2. Dubartoota Oromoo Oromiyaa jiraatan
  3. Hojjettoota Mootummaa Oromiyaa jiraatan
  4. Daldaltoota Oromoo Oromiyaa jiraatan
  5. Qotee bultoota Oromoo Oromiyaa jiraatan fi
  6. Qeerroo Bilisummaa abdii Oromootaa, Kan utubame tahuu beeksifna.

QBO Warraaqsa Ummata Oromoon

Duulli Hidhaa Jumlaa Fincila Jabeessisa Malee Oromoo Hin jilbeenfachiisu

                                                                     (Infoo Deeskii ABO irraa)
Mootummootiin abbaa irree sagalee ummatootaa ukkaamsuuf jecha tarkaanfiilee akka meeshaatti itti dhimma bahan keessaa tokko hidhaa jumlaa ti. Hoggaa mormiin ummataa itti jabaachaa dhufe hundumaa ummata julmaan guuranii mana hidhaatti naquun aadaa isaanii ti. Ummata ni bulchina jedhanu irraa amantaa waan hin qabneef shokokkee xiqqoo tokkoon baaraganii tarkaanfii doorsisaa fudhatu.

Gaaddidduu mataa isaanii shakku. Yaada ummanni qabu dhagahuuf fedhiis tahee obsa hin qabani. Mootummaan TPLFis sirna abbaa irree waan taheef amaloota kana fakkaataniin ibsama. Ummatoota humnaan bulchaa jiru irraa soda guddaa waan qabuuf hidhaa jumlaatiin jiilchuu kajeela.

Yeroo ammaantanaa Oromiyaa keessatti balínaan kan muláchaa jirus kanuma. Sababni hidhaa jumlaa Oromiyaa bakkoota adda addaatti geggeeffamaa jiruu maal akka tahe beekamaa dha. Diddaa ummataa tu babalátaa deemaa jira. Fincila barattootaa, hojjetootaa, qotattootaa fi murnoota hawaasa Oromoo biroo tu Wayyaanee sardaa jira. Sirni bifa kanaan muddame kun ummata jumlaan guuree mana hidhaatti naquu akka tooftaa of baraarsaatti waan fudhate fakkaata.

Hará Oromiyaa keessaa bakki hidhaa jumlaa kana irraa walaba tahe hin mulátu. Bahaa dhihatti, kaabaa kibbatti Oromiyaan qehee roorroon itti hammaate taateetti. Keessumattuu odeessi Dhiha Oromiyaa onoota adda addaa irraa dhufaa jiru akka mulísutti lakkuma duulli hidhaa babal’atuun diddaan ummataas jajjabaachaa deemuutti jira. Giddu galeessa Oromiyaa keessaa odeessi bahus haaluma kana mirkaneessaa jira. Kutaalee Oromiyaa biroottis lammiileen lakkoofsi isaanii sirriitti hin beekamin guyyaa guyyaan guuramanii hidhamaa jiru.

Ilmaan Oromoo jumlaan hidhamaa jiran kun yakka tokko illee akka hin qabne waan beekamuuf maqumaafuu tahu mana murtiitti dhiheeffamuu dhorkaman. Yoo mana murtiitti dhihaatan badiin isaanii maal akka tahe waan gaafatamuuf dabballoonni Wayyaanee maqaa abbaa alangummaatiin moggaafaman deebii hin qabaatani. Kana dursanii waan beekaniif
namoota ukkaamsanii hidhaatti darbatan akkuma ukkaamsanitti tursu. Yoo kan murtiitti dhiheessan tahes ragaa kijibaa walitti qindeeffatanii ilmaan Oromoo nagaa irratti murtii duáa fi hidhaa umrii guutuu murteessuun waanuma barame. Dhugaan Oromiyaa guutuu keessatti harás muláchaa jiru kanuma mirkaneessa.

Lammiileen Oromoo Oromummaa isaaniif quuqaman miseensa ABO ti jedhamanii shororkeessummaadhaan yakkamanii hidhamu. Ilmaan Oromoo miseensota paartiilee biyya keessatti karaa nagaan sossoánii tahan baayéen duuba isaaniitiin ABO tu jira jedhamanii yakkamuun hidhaa keessatti tortorfamaa jiran. Gariin isaanii miseensota hoggana paartiilee kanaa kan akka Obbo Olbaanaa Leellisaa fi Baqqalee Garbaa faa dha. Jarri kun eega yakka sobaatiin himatamanii hidhamanii jióota heddu lakkoofsisanii jiru tahu iyyuu, dhimmi isaanii maal irra akka gahe hin beekamu. Hogganoonni paariilee biroo kan isaan booda hidhaman garuu maqumaafis haa tahuutii, mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun beekamaa dha.

Sirni Wayyaanee Oromoo irratti imaammata diinummaa addaa akka hordofu kan ragaa tahus tokko waanuma akkanaa faa dha. Hará yeroo miseensotni hoggana paartiilee biroo mana murtiitti deddeebifamaa jiraachuun irra deddeebi’ee gabaafamu, ilmaan Oromoo kumoota meeqaatamaan mana hidhaa dhiphisanii jiran garuu nama maqaa isaanii dhawu dhaban.

Miidiyaaleen alaa waaée murtiitti dhihaachuu hidhamtootaa gabaasu jedhamanis waaée hidhamtoota Oromoo irraa waa xiixuu yoo hanqatan mulátu. Gaazexessoonni miidiyaalee kanaa kan dirqama hagabaastummaatiin Shaggar jiranis duula sagalee Oromoo ukkaamsuu irratti waan Woyyaaneedhaaf daboo bahaa jiran fakkaata. Osoo isaan waa hin xiixin dhaabonni mirgoota namoomaa akka Amnestii International halaala irraa waaée hammeenya hidhaa isa Oromiyaa keessatti balínaan geggeeffamaa jiruu gabaasuun isaanii shakkii kana caalaatti dirree baasa. Amnesty International duula yeroo dhihoo keessatti taasifame qofaan ilmaan Oromoo mana dhibbaatti lakkaawaman jumlaan guuramanii hidhamuu gabaasaa isaa keessatti jala muruun isaa haalli hará Oromiyaa keessatti mulátu kan naannoo biyyattii kamiiyyuu caalaa yaaddessaa tahuu isaa ragaa baha. Dhugaan mulátu kana tahee osoo jiruu hagabaastonni miidiyaalee idil addunyaa tokko tokko duula hammeenyaa Oromiyaa keessatti geggeeffamaa jiru ukkaamsuu yaaluun Wayyaaneef guuza bahuu yoo tahe malee hiikkaa biraa hin qabaatu.

Waanuma fedheyyuu tahu garuu, hammeenyi diinnan Oromoo hangamuu yoo babaláte, qabsoo diddaa gabrummaa Oromoon itti jiru duubatti deebisuu hin dandaú. Jaalatamus jibbamus hará Oromiyaan kutaalee biyyattii kamiinuu caalaa bakka diddaan farra Wayyaanee jabaatee itti muláchaa jiruu dha. Oromoon callisaa hin jiru. Karaa isaaf dandaáme hundaan sirnicha waliin dugdaa fi garaa tahuu isaa mirkaneessaa jira. Kanaafis ragaan guddaan tokko duuluma hidhaa jumlaa kan iddoo kamiinuu caalaatti Oromiyaa keessatti babalátee jiruu kana. Bakki hidhaan itti hammaatu bakka itti diddaan gabrummaa jajjabaate tahuu isaa agarsiisa. Hará Qeerroon Oromoo dhaabbiilee barnootaa sadarkaa adda addaa keessaa baratu kaabaa kibba, bahaa dhiha osoo hin jenne quba wal qaba. Qeerroon Oromoo teknooloojii baraatti akka gaariitti dhimma bahuudhaan sochii isaa qindeeffatee Wayyaanee yaaddoodhaan waadee irriba malee bulchaa jira. Ummanni Oromoo baláanis karaa isaaf dandaáme maraan ilmaan isaa kana tumsuuf murannoo ajaaíbaa agarsiisuu irratti argama.

Murannoo qabsoo ilmaan Oromoo kana tu Wayyaaneetti yaaddoo naqee jira. Akka waliigalaatti tarkaanfiin sirni Wayyaanee hará Oromiyaa keessatti fudhataa jiru hundi Oromoo fi sirnicha kan walitti araarsu osoo hin taane daranuu falmaa murteessaaf kan of qopheessisuu dha. Oromoon lammiilee biyyattii kamiinuu caalaatti qehee isaa irraa buqqifamaa jira. Lafa isaa saamamaa jira. Laggeen isaa, haroowwan isaa tu summeeffamaa jira. Biyyee lafa isaa gabbataa fi qilleensa isaa jiidhaa tu faalamaa jira.

Gabaabumattuu egeree ummatichaa tu tooftaa qindaawaadhaan dukkaneeffamaa jira. Lammii tu kumoota kumootaan guuramee hidhaatti naqamaa jira. Kan sirna hamaa kana jalaa biyya ollaatti baqates bakka itti baqatetti mirga namoomaa waakkatamee akka bosonuu adamsamaa jira. Hammeenyi sirni Wayyaanee Oromoo irratti raawátaa jiru kana qofaan kan himamee dhumus miti. Tarkaanfiin hammeenyaa kun hundi walitti idaámee akka fincilli jalqabame daranuu babalátee sirnicha dhabamsiisu taasisa malee Oromoo hin jilbeenfachiisu!

Injifannoo Ummata Oromoof!
Infoo Deeskii ABO

University Wallaggaa fi Dirree Daawwaa Keessatti Oromummaan Arrabsamuun “Yakka Miti “ Jedhame.

Gabaasa Qeerroo Laqamte,Muddee 27,2011

Mooraa University Wallaggaa keessaattii ergamtoonnii TPLF barattoota Oromoo irraatti tarkaanfii dinummaa fudhachaa  akka jiran gabaafame.Haalumaa kanaan baratoota dhaalotaan Tigiree ta’an baratoota Oromoo arrabsiisun, barattoonni Oromoos karaa seera qabeessa taheen iyyaata himataa diinii mana barnootaatti dhiheeffannaan “Kun Yakka Miti, Baga Isin Arrabsan!” deebii jedhu erga kennaniifii booda,barattoota iyyannaa kana iyyatan keessaa nama afur University irraa arhihuun barataa tokko ammo dinnina itti kennamee jira.

Barattooti arihamanis maqaan isaanii:-

1.barataa Shimaalis Nabsoo, department geology  waggaa 3ffaa

2. Warqinaa Baqqaanaa department geology  waggaa 3ffaa
3.Lataa Amanaa

4.Taaddee Adinoo

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Mootummaan Wayyaanee tahe jechuun barattoota Oromoo dachii Oromiyaa biyya abbaa ofiitti arrabsamanii akka gad-aantummaan itti dhagahamu gochuuf baroota dheeraa carraaqaa waan jiruuf ammos kanaan qabatee Fincila Diddaa Gabrummaa Qeerroon bakka hundatti qabsiisee jiru dura dhaabbachuuf sababa barbaadaa waan jiruuf dargaggoonni Oromoo kanaaf akka hin jilbeeffanne gabaasaan qeerroo Unversity Wallaggaa addeessa.

Dirree Daaawwaa

Kanuma waliin wal qabatee  mooraa university Diree Dowaa keessaatti  mootummaan TPLF dhalootaan ilmaan Tigraay kanneen tahan ijaaree barattoota Oromoo eenyummaa isaanii jecha xiqqeessuun tahe jedhee arrabsiisaa akka jiru Qeerroon University Dirree Daawwaa irraa gabaasa. Haala kanaan barataan Tigiree tokkoo baratoota Oromoo waggaa 2ffaa daamee Saayinsii uumamaa(civil engineering) baratuun, daree barnoota kessaatti Afaan Oromoo dubbachuun yakka dha dubbachuun hin dandayamu jechuun baratoota Oromoo arrabse. Dhimmaa kanan walqabatee barattoonni Oromoo qaama mooraa sana bulchuutti himaanna dhiiyeeffaatan, himannaa isaaniif deebiin bulchiinsa irraa kenname “ Isiin barattooti Oromoo humnotaa badiitii, shororkeesitotaa waan taataniif rakkiinni tokkoo gaaffii keessan  kanaan walqabatee uumammnan isinitu itti gaafatama”  jechuu baratoota Oromoo himannaa dhiheeffataniin deebisanii yakkamtoota gochuun dorsisan.

Haala kanaan  barattonni Oromoo nuti garbummaa irraattii arrabsoo hin dandeenyuu, kanaan booda gaffii kamiifuu deebiin FDG yoo ta’ee malee furmaannii biraan akkaa hin jirree walhubachisuun,diddaa uumuuf of qopheessuun  murannoo fi akkeeka hin daddaaqamne qabannee qabsoo bilisummaa itti fufuu qofatu nubaasa kan jedhuun ejjennoo fudhachuu isaanii qeerroon mooraa University Dirree Daawwaa gabaase.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!