Wallaga Lixa Bosonni Diillaa Gubachaa fi Manca’aa jira. Ummanni Naannoos Fincila Itti Fufe.

Gabaasa Qeerroo Lixa Wallaggaa,Muddee 16,2011

Wallaga lixa naannoo Diillaa jedhamutti kan argamu bosonno Oromiyaa guddaan investeroota dhalootaan Tigree tahaniin manca’ee gubachaa waan jiruuf ummanni Oromoo fi hojjjettoonni sirna mootummichaaf hojjetan gochaa Wayyaanee fi investeroonni alagaa godhan kana irratti mormii guddaa dhageessisuun itti fufee jiraachuu qeerroon magaala Dillaa irraa gabaasa.

"Biyya abbaa kooti jettee, Hinjiraan moluu irratti hafte"

"Biyya abbaa kooti jettee, Hinjiraan moluu irratti hafte"

Ammaan dura lixa Wallaggaa bosonoota gurguddaa kan akka Garjeedaa fi Daabbuls,Dhiddeessaa fi kkf hunda ciramuu fi gubachuu irraa barattooti Oromoo kumaan lakkaawaman mormii agarsiisuun hidhamuu fi biyyaa arihatamuun irra gahee ture.Yeroo ammaa kanas bosonaa fi bineessa bosona san keessa jiru haalaan waan mancaasaa jiraniif ummanni naannoo kan waggoota dheeraaf akaakilii irraa jalqabee qabeenya isaa kana eeggataa asiin gahe gaddaa fi aarii haalaanii keessa galanii jiru.

Dhimmi ciramuu bosonaa fi bineensonni daggalaa keessaa badanii ummanni lafa san irraas buqa’ee naannoo biro akka qubatu taasifamu kun ilmaan Oromoo bakka hundatti dhaqabaa waan jiruuf gochaa hammeenya kana jala dhaabbachuuf bakka marattuu kaa’uun murteessaa tahuu beekama.

Bosona diillaa kana ciramuu fi manca’uu kanneen morman keessaa Oromoota 20 ol tahan mana hidhaa waan seenanii jiraniif guutummaa gabaasichaa akka nu dhaqabeen wal duraa booda dhiheessina.

Gabrummaan ni kufa! Qabsoon itti fufa!!

 

Hojjettoonni Oromoo Diddaa Srina Wayyaanee Itti Fufan

Gabaasa Qeerroo Magaala Finca’aa Wallagga Muddee,16,2011

Godina Bahaa waallagga Horroo Guduruu Onaa Abbay Coommaan Warshaa sukkaaraa Fincaa’aa jedhamu keessatti Sabboontoti Oromoo fi dabballoonni Wayaanee walitti bu’an.

Gabaasi Keenya yeroo adda addaa akka addeessaa turetti ji’a Hagayyaa 2011 hamma Sadasa 2011tti walitti bu’iinis sabboontotaa fi dabballoota Wayyaanee jidduutti uumame irraa fincilli diddaa gabrummaa dhalatee hojjettoota warshichaa fi qotee bulaa naannoo Warshaa Shukkaaraatti argamu haalaan dararamaa turan. Haalli kun hammaachuu irraan hojjettoonni warshichaa kanneen Oromoo tahanii fi qaroo tahan sababaa Oromummaa isaaniin hojii warshichaa irraa akka dhaabbatanii fi akka arihaman mootummaa Wayyaanee kan TPLFn hogganamu irraa ajaji kallattii kennamee sabboontoti maqaan isaanii:-

1.Sooreessaa Bookaa itti gafatama qacarrii hojetaa warshicha,

2.Taadasaa Gamachuu,itti gaafatama bulchinsa hojjeetota,

3.Fiqaaduu Bultoosaa qunnamtii uummaata warshichaa

Kanneen  ta’an ilalcha ABO qabdu jechuun hojii irraa arii’amanii jiru.Itti fufuun Muddee 11,2011 Obboo Dirriibsaa Laggasaa, itti gaafatama Gurmaamaa’ina hojjeetota warshicha kanta’e, ati ABO dha, hojii ABO gaggeesita ummata nurratti kakaafta jechuun humnana Poliisota onichaan qabamanii hidhaattii darbamanii jiru.

Kanuma malees hojjettootaa fi ogummaan guddaan kanneen warshicha keessaa hojjetaa jiran dhalootaan Oromoo tahan marti ilaalcha ABO qabsu jechuun doorsifamaa akka jiran gabaafame. Kanneen yeroo ammaatti akeekachiisa Poolisoota Wayyaanee irraa kennameefii jiru keessaa sabboontonni Taaddasaa fi Alamuu kan jedhaman Foormaanii warshichaa kanneen ta’aan akkaa malee dorsiifamaa jiraachuun gabaafame.

Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!

Qabsoon itti fufa! Gabrummmaan ni kufa!