“Diina Mo’uuf …….Qalbeeffadhaa”

Yaayyaa Gammadaa(2005) tiin
Barreeffama kanaan duraa irratti diina mo’uuf , toftaa diinni ittin nama cabsu hubachuu ta’uu amma tokko isiniif katabeen jira. Har’a ammoo gama diinaan kan jiru ilaalla. Diina mo’uuf Qawwee caalaa kana nama furuu fi addunyaa illee ofitti harkisu kan danda’u  Fincila Ummataatii . kana dhugeessuuf waan Afriikaa kaabaa keessatti waan gaggeeffamaa jiru hubachuutu ga’adha. Kan yeroo fagoo yoo ilaallees , waan Afriikaa kibbaa keessatti argine , humni Ummataa hangam murteessaa ta’uu ifatti raga nuuf ta’a.

Haala kanaan kan keenya ilaallachuu barbaachisa. Biyyoota kaaba Afriikaa irraa waa hedduu baranna. Kana tokko tokkon ta’uu baatuus amma tokko ilaaluun barbaachisaadha. Fincilli Afriikaa Kibbaa , Ummatoota cunqurfamoof barnoota gaarii akka kennee jiru kan wal nama gaafachiisu miti. Har’a nuutis adeemsa kana keessatti makamne Biyya Abbaa keenya tu’achuuf karaa irra jirra. Hawwiin keenyas , Gootummaa akkasii
hojjatanii qabsoo keenyatti xumura tolchuudha. Maarree Qeerroo Oromoo karaa cirachaa jiru , waan irraa barachuu qabu ni jira jedheen amana.

1.Fincilli firii qabaachuu kana danda’u, yoo itti yaannee diina.Afuura kunne qofaa ta’uu hubachuu barbaachisa. Kanaaf ammo adda durummaan of kennu gaafata. Fincilli har’a eegalee boruu dhaamu , humna keenya akka fixannu nu taasisaa qofa odoo hin taane, bubbulee amantaa wal irraa dhabuu fi abdi akka kutannu kan nu taasisu ta’uu.qalbeeffachuun barbaachisaadha. Fincilli eegallu kana yeroo dheera ta’uutti quba qabaachuu barbaachisa.

2.Fincilli firii akka godhatuuf, quaba wal qabaatanii kan aadeemsiisan ta’uu qaba. Wal utubuu fi waliif falmuun akka jiru hubachuu barbaachisa. Dursinee maal goonaa ? itti aansinee maal hojjanna kan jedhu ilaalu barbaachisa. Fakkeenyaaf wayyaanee akka gaaritti miidhuuf Fincilli Ummataa karaa filatamaadha. Kan Itti
Fincillu waan isaan ittin nu ajjeesan, Qabeenyaa keenyaa fi qabeenyaa horatan jiraachisuuf waan ta’eef, Fincilli keenya qabeenyaa isaan horatanii fi Qabeenya keenya irratti abbaa ta’uu irratti . wayyaaneen har’a irra jireessa qalbiin isaanii qabeenyaa waliin jira. Akka nama dhaggeeffatan yoo barbaadame, qabeenyaa isaanitti quba qabuun dansaadha.

3.Wayyaaneef utubaa ta’ee kana jiru tokko , wallaalaas ta’ee beektoota keenya dantaan gawwamanii riqicha ta’aniifidha. Kana irratti finciluun yeroo gabaabaa keessatti injifannootti nu geessa. Wayyaaneen jara kana malee jiraachuu hin dandeessu. Kanaaf kana irratti xiyyeeffatanii keessa seenanii duwwaa taasisuu fi waan itti abdattu
dhabsiisuun murteessaadha.

4.Inni kaan wayyaanoonni Naannoolee hunda keessa socha’uuf akka hin dandeenye gochuudha. Wayyaaneen qabeenyaa keenya akka feete dhorkama tokko malee gola keenya seentee ba’uun hamilee itti horee jira. Kanaaf kanatti finciluun , fuula dhawwachuun wayyaaneef mataa dhukkubbi ta’a.

5.Warra Ummata keenya keessatti guddatanii dantaaf jedhanii wayyaaneetti hidhatanii fi qooqa sabichaa waan beekaniif basaastummaa fi Angoo Bulchiinsaa Naannoolee warra fudhatanii wayyaanee utubanii jiran rifaasisuun wayyaanee yaaddoo seensisu qofaa odoo hin taane yoo ofiif jette akka of ilaalu qabdu ishee taasisu danda’a.
Itti fufa …….

Yaayyaa Gammadaa (2005)

Diddaan Qonnaan bultoota Oromoo Itti Fufe!

Gabaasa Qeerroo Horroo Muddee, 18,2011

Wallagga, Godina Horroo Guduruu aanaa Horroo ganda Ashaayyaa keessatti ijaarsa hidhaa laga Nasheen kan ka’e namootni qe’ee isaanii irraa buqqa’anii gara Gammoojjii Nuguloo jedhamutti itti akka galaniif mootummaan laficha inveesterootaaf kennuun qoteebulaan ganda isaa irraa buqa’u ammo  maallaqa ittiin ka’an akka isaaniif kennuu fi mana isaaniif akka ijaaru waadaa galee ture. Baatii lamaan darban ummanni gochaa mootummaa kana diduun hidhaa fi dararami gurguddaan irraan gahamaa ture.

Ammoos dhimma kana irratti diddaan ummataa itti fufuun gammoojjiin uummatni Oromoo kun itti godaanuuf deemu bakka tajaajilawwan hawaasaa hoomtuu hin jirre(Remote area)fi qubsuma hawaasa irraa fagoo daandiin konkolaataa fi tajaajjillee kan akka Gabaan,Suuqiin,Bishaan qulqulluunii fi k,k.f hin jirree tahuun beekamaa dha.

Daa'ima baannee,ka garaa keessaas osoo hin dhalatiin qe'ee irraa manca'uun hanga yoomiittii

Namoonni 200 tahan maallaqa mootummaan isinii kennina jedhe hanga ammaatti akka hin arganneefii qe’ee dhaloota dhufaa darbaan irra jiraataa turanis akka gadhiisanii deemuu hin feene sagalee diddaa cimaan dhageessifataa jiru. Qotee bulaan Oromoo kunniin biqiltootni isaan qe’eedhaa qabanii fi gaagurri dammaa achumatti dhiisanii laficha irraa akka godaanan kan dirqamaa jiran yeroo tahu ummannis murtii mootummaan murteesse kana dua dhaabatanii mormachaa akka jiran gabaasi qeerroo naannoo san irraa ni addeessa.

Haaluma wal fakkaatuun Godina Horroo Guduruu aanaa Kombolchaa ganda Waatiyyoo jedhamu keessatti bara oomishaa darbe sanyii filatamaadha jechuun qotee bultoota dirqiin akka bitanii fi daldaltoota irraa akka hin bitne dhorkanii turan. Garuu sanyiin boqqolloo kun oomisha qotee bultootaa gad waan buuseef uummatni walgahii waamamu irratti diddaa agarsiisaa jira.Gaaffii qotee bultootni dhiyeessaniifis deebiin hin argamu.Basaasni mootummaa barattootaa fi qotee bultoota amansiisuuf halkanii fi guyyaa fiigu kutaa kudhanitti kufee basaasuun hojii bulchinsa aanaa keessa kan gale nama Guddataa jedhamu ta’uus tikni qeerroo bira ga’ee saaxile jira.Namni kun hojii isaa kana irraa hin dhaabbatu taanaanis tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatuu fi irree dargaggoota Oromoo jalaa bahuu akka hin dandeenyeef gartuun qeerroo onichaa beeksisanii jiru.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!