(Qeerroo, Ammayyaa, 14 Muddee 2011) Oromiyaa giddugalaa magaalaa Walisoo fi aanaa Ammayyaa hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa gaaffii Mirgaa heeraa fi seeraan gaafannaan Mootummaan Wayyaanee gaaffii kana dhaamsuuf fiigaaa akka jiran beekamee jira.
Akka Qeerroon gabaasetti, hojjattooti mootummaa gaaffii kaasan kana doorsisuuf jalee wayyaanee kan taate OPDO n gaaffiin hojjattootaa kana “kun gaaffii ABO ti. ABO isin ijaare. Akka ummatni nagaan Misooma hin geggeessinee fi mootummaa naannoo Oromiyaaf hin abboomanneef Ummata Oromoo nurratti kakaasaa jirtu jechuun hojiirraa isin hariina, ni hidhamtu, Ni ajjeefamtu,” jechuun hojjetoota waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa doorsisaa fi itti roorrisaa jiru.
Namootni Tigirootaan ergamanii Hojjettootaaf wal ga`ii godhuun isin ABO dha. Akeekaa fi kaayyoo ABO yeroo dheeraaf asi keessatti dhokattanii geggeessaa jirtu. Caasaa ABO waajjira kana keessaatti ijraamee jira.
Ummata Oromoo Magaalaa hanga Baadiyyaatti caasaa ABO diriirsitanii Yeroo dheeraaf hojjetaa turtan; amma tarkaaffii Lubbuu isinirratti fudanna/ISIN AJJEEFNA!> jechuun Hojjettoota doorisaa jiru.
Namootni wal ga`ii kana geggeessanii fi Sabboontota Oromoo hiraarsaa jiran namoota garaaf bulan, Habuuqee,
1.Obbo Mangisttuu Kitaabaa Itti gaafatamaa bulchiinsa Aanaa Ammayyaa/D/T
2.Obbo Boggaalaa Toleeraa Itti gaafatamaa Waajjira OPDO Aanaa Ammayyaa/D/T
3.Obbo Alamaayyoo Shifarraa Itti gaafatamaa Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa/Dabballee OPDO/
Hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa gaaffii mirgaa fi sirnaa wal ga`ii godhame irratti gaafatan heeraa fi seeraan akka hojjetaa tokkootti mirga Hojjetaa gaafatan malee waan biraa hojjetan ykn yakka raawwatan hin qaban. Sababa Oromummaa isaaniin doorifaman malee, gaaffiii isaan gaafatan keessaa,
1.Haalli jiruu fi jireenyaa waan qaala`eef miindaan nuuf kennamu ga`aa fi quubsaa miti. Manaa fi maatii keenya ittiin jiraachisuu hin dandeenye. Kanaaf miindaan akka nuuf dabalamu jedhanii sirnaan wal ga`ii irratti gaafatan.
2.Mirgi hojjetaa tokko akka hojetaa mootummaatti heeraa fi seeraan nuuf kabajamuu fi eegamuu qaba kan jedhu gaafatan.
Warri wal ga`ii geggeessu garuu ergaa fi ajaja gooftolii isaanii /Tigiree irraa itti kennamee keessumaa yeroo ammaa kana Wayyaaneen maqaa ABO dha`uun hidhamuu irra dabree hanga du`a lubbuutti nama adabsiisa jettee Ummta Oromoo ittiin sodaachisuuf sagantaa baafatte hojjetaa mootumama, qonnaan bulaa, barsiisaa fi barataa, dargaggoo fi shammarran Oromoo irratti magaalaa hanga baadiyyaatti gochaa sororkeessummaa Saba Oromoo irratti hojjetaa jirti.
1. Hojjettootni Waajjira Misoosooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa sodaa fi doorsisa ergamtootaa diinaa/Qochumaaf bultuuf utuu hin jilbeeffatiin gaaffii isaanii Aanaa iirraa hanga Godinaatti itti fufuun Muddee 13/2011 Godina Giddu galeessa Oromiyaa Walisootti deemuun Waajjira Misooma Qonnaa fi Bulchiisaa tti hiriira ba`uun gaaffii mirgaa gaafanne hanga deebii argannutti hojiitti hin bobbaanu jechuun murtii fi ejjennoo isaanii ibsataniiru.
2. Bakka buutotni OPDO gaaffii mirgaa karaa heeraa fi seeraan/nagaan gaafanne isin ABO jechuun sadrkaa du`aaf ajjeechaan waan nu doorsisaa jirabii fi nutti roorrisaniif Gara Hojii keenyaatti deebi`uuf Waabii lubbuu keenyaaf sodaa guddaa qabna.
Lubuu keenyaaf waan sodaanneef waajjiratti hin deebinu. Hojiis hojjechuu hin dandeenyu jechuun Hojjettootni Waajjira Misooma Qonnaa Aanaa Ammayyaa namoota 45 Ol ta`an iriira nagaa ba`uun sodaa fi yaaddoo qaban bulchiinsa Godina Walisootti ibsaniiru.
Hanga odessi kun nu dhaqqabetti Waajjirri Misooma Qonnaa Aanaa Aammayyaa cufaa akka ta`ee f i Hoojjettootni hundinuu hojii dhaabanii akka jiran mirkanaa`eera.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!