University Haroomaayaa keessatti WBOn maal akka tahe wallaaluu irraan kan ka’e Ergamtooti Wayyaanee hojjettoota mooraa jeeqan.

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu Horroo ,Muddee 10,2011

Basaasonnii fi ergamanii bultooti Wayyaanee yeroo ammaa kanatti beekumsi siyaasaa fi Oromummaa guddoo waan isaan hanqatuuf jecha,dhaabotii siyaasaa fi kanneen bilisummaa sabaaf qabsaayan illee adda baafatanii waan hin beekneef jecha,Oromoon afaan Oromoo dubbatee fi Oromoon sabboonaa tahe akkasumas barattooti Oromoo University fi college baratan hunda yoo barbaadan WBO gaafii ammo ABO yoo fedhanis jecha daldala siyaasaaf jedhee Mallasaan baafate shororkeessituu jechuun yaamu. Haala kanaan mooraa University Haromaayaa keessatti hojjettoota tahan waan ittiin yakkan dhabuun ykn wallaaluun WBOn akka mooraa keessa jiru fakkeessanii WBO nyaachiftu jechuun sabboonoo yakkuu eegalanii jiru.

Akka kanaan ergamtooti Wayyaanee TPLF hojjetaa Mana nyaataa Yuunivarsiitii Haramaayaa kutaa Mana nyaataa Musliimaa kan ta’e Oromticha Obbo Maammed Abdullaah kan jedhamu waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) Kaardii guutta jechuun yakkanii Muddee 8,2911 Halkan mana isaa irraa fuudhanii gara Magaala ciroo geessuun erga gara malee reebanii booda Magaala Haramaayaatti deebisuun waajjira Poolisii magaala Haramaayaa keessatti Hidhuun rakkisuu irratti argamu.Namni kun nama dafqee bulaa fi ilmaan isaa guddifachaa jiru tahuu qeerroon Haramaayaa irraa gabaasu.

Obbo Mohaamad Abdullaahiin yakka gara maleen yakkamee akka hidhamu kan godhe ergamticha Wayyaanee Abdullaxiif nama jedhamu yommuu tahu, ergamaan kun gochaa isaa kana irraa of qusatee daandii haqaatti akka deebi’u yoo dides safara gochaa isaatii akka argatu barattoonnii fi sabboontotiin Qeerroo itti himanii jiru.

Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo itti fufee

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu Horroo ,Muddee 09,2011

Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuu irraa qonnaan bultoonni Oromoo fincila diddaa gabarummaa kaasuun baatii Ebla 2011 irraa hanga hardhaatti osoo wal irraa hin kutiin itti fufanii jiru,mootummaan Wayyaanee diddaa qonnaan bulaa fi barattootaa dhaamsuuf jecha duula hammana hin jedhamiin naannoo sanitti bane ture,ummatoota walitti buusuuf jecha sablammiilee baroota dheeraaf nagaan waliin jiraataa turan ummata Oromoo irratti ijaaruun Gumuzii hidhachiisuun Oromootti duulchisuun gaga’ama guddaa irraan gahuun yaadannoo ji’oota muraasaati.

Akka kanaan Qonnaan bultoota oromoo maqaan isaanii

1.obboo Dachaasaa Amanuu,fi

2.obboo Dirriibaa Raggaasaa jedhaman

Akka lakkoofsa Abashootaatti gaafa Sadaasa 28/3/2004humna pooliisaa Federaala TPLF’n ukkafamanii hanga har’attii eessaa buuteen isaanii dhabame. Sababni qonnaan bultonnii Oromoo kun ukkaafamaniif ji’otaa darbee keessaa warraa Gumuuz irraatti waraanaa gaggeesitanii warraa gumuuz ajjeestan kan jedhuu yoo ta’uu, mootummaan kun ofii isaa warraa Guumuz meeshaa hidhachiisee ummataa Oromoo Wallaaggaa bahaa rukuchiisa kan turee ta’uun ni yaadatama garuu qonnaan bultoota meeshaa maleeyyii mana hidhaattii guuruun diinummaa mootummaan TPLF ummaataa, Oromoo irraa qabu ifaatti kan mul’isaa jiruu ta’uun ni beekama.

Kana malees Godinuma Wallaaggaa Bahaa Onotaa akkaa Haaroo Limmuu,Heebentuu,Limmuu Galiilaa fi Giddaa Ayyaanaa irraatti hojeetootaa waajiraa Qonnaa(DA) waliittii qabuun ummaataa keessaa deemtanii waan uummanii kun hojeetuuf jechaa jiruu nu gabaasuu qabduu shororkeesitoonnii uummataa keessaa galanii nu jeequuf jechuun ololaa sobaa kanaan mootummaan TPLF “cold war'(poropoganda war)” uummata irraattii gaggeessaa jirti. Haalumaa kanaan hojjeetonnii waajiraa qonnaa nuti ogummaa keenyaan uummaata tajajjiluu malee ummaata nagaa basasuun bu’aa malii qaba jechuun mormiin jalaa dhaabbatanii jiraachuu Qeerroon ona Horroo Limmuu irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!