University Wallaggaa fi Dirree Daawwaa Keessatti Oromummaan Arrabsamuun “Yakka Miti “ Jedhame.

Gabaasa Qeerroo Laqamte,Muddee 27,2011

Mooraa University Wallaggaa keessaattii ergamtoonnii TPLF barattoota Oromoo irraatti tarkaanfii dinummaa fudhachaa  akka jiran gabaafame.Haalumaa kanaan baratoota dhaalotaan Tigiree ta’an baratoota Oromoo arrabsiisun, barattoonni Oromoos karaa seera qabeessa taheen iyyaata himataa diinii mana barnootaatti dhiheeffannaan “Kun Yakka Miti, Baga Isin Arrabsan!” deebii jedhu erga kennaniifii booda,barattoota iyyannaa kana iyyatan keessaa nama afur University irraa arhihuun barataa tokko ammo dinnina itti kennamee jira.

Barattooti arihamanis maqaan isaanii:-

1.barataa Shimaalis Nabsoo, department geology  waggaa 3ffaa

2. Warqinaa Baqqaanaa department geology  waggaa 3ffaa
3.Lataa Amanaa

4.Taaddee Adinoo

Kanneen jedhaman yeroo tahu. Mootummaan Wayyaanee tahe jechuun barattoota Oromoo dachii Oromiyaa biyya abbaa ofiitti arrabsamanii akka gad-aantummaan itti dhagahamu gochuuf baroota dheeraa carraaqaa waan jiruuf ammos kanaan qabatee Fincila Diddaa Gabrummaa Qeerroon bakka hundatti qabsiisee jiru dura dhaabbachuuf sababa barbaadaa waan jiruuf dargaggoonni Oromoo kanaaf akka hin jilbeeffanne gabaasaan qeerroo Unversity Wallaggaa addeessa.

Dirree Daaawwaa

Kanuma waliin wal qabatee  mooraa university Diree Dowaa keessaatti  mootummaan TPLF dhalootaan ilmaan Tigraay kanneen tahan ijaaree barattoota Oromoo eenyummaa isaanii jecha xiqqeessuun tahe jedhee arrabsiisaa akka jiru Qeerroon University Dirree Daawwaa irraa gabaasa. Haala kanaan barataan Tigiree tokkoo baratoota Oromoo waggaa 2ffaa daamee Saayinsii uumamaa(civil engineering) baratuun, daree barnoota kessaatti Afaan Oromoo dubbachuun yakka dha dubbachuun hin dandayamu jechuun baratoota Oromoo arrabse. Dhimmaa kanan walqabatee barattoonni Oromoo qaama mooraa sana bulchuutti himaanna dhiiyeeffaatan, himannaa isaaniif deebiin bulchiinsa irraa kenname “ Isiin barattooti Oromoo humnotaa badiitii, shororkeesitotaa waan taataniif rakkiinni tokkoo gaaffii keessan  kanaan walqabatee uumammnan isinitu itti gaafatama”  jechuu baratoota Oromoo himannaa dhiheeffataniin deebisanii yakkamtoota gochuun dorsisan.

Haala kanaan  barattonni Oromoo nuti garbummaa irraattii arrabsoo hin dandeenyuu, kanaan booda gaffii kamiifuu deebiin FDG yoo ta’ee malee furmaannii biraan akkaa hin jirree walhubachisuun,diddaa uumuuf of qopheessuun  murannoo fi akkeeka hin daddaaqamne qabannee qabsoo bilisummaa itti fufuu qofatu nubaasa kan jedhuun ejjennoo fudhachuu isaanii qeerroon mooraa University Dirree Daawwaa gabaase.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

 

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s