Muddee 28,2011 Qeerroo Limmuu
Godina Wallaga Baha Ona Limmuu keessatti Fincila Qonnaan bultoota Oromoo dhaamsuu fi dargaggoota Oromoo gara hidhaatti guuruu irratti qooda guddaa kan qabaataa ture gaafatamaan Milishaa Wayyaanee ona Limmuu kan maqaan Fiqaaduu Alemu jedhamu irratti tarkaanfiin laallessaaa qaama hin beekneen akka fudhatamee jiru Qeerroon Ona Limmuu gaaasa. Tarkaanfiin kun Muddee 25,2011 halkan keessaa sa’aa 8:00 WB mana jireenya isaa eegamaa jiru dhuunfachuun qami hin beekamne nama ummatatti roorrisu irrati tarkaanfii fudhachuun diina hedduu rifaasisee ummata Oromoo naannoo sanii roorrifamaa jiru ammo gammachiisuu beekame.
Fincila Qonnaan Bulaa ona Limmuu qabatee jiru dura dhaabbachuuf jecha baatii 4 guutuu human waraanaa fi basaasota diinaa itti bobbaa’anii kan dadhaban yeroo tahu hogganoota TOLF keessaa nama tokko kallattiin Mallasaa biraa ajajameen dhufe kan jedhuun gareen durfame amma illee naannoo sanatti diddaa ummataa dhaamsuu hin dandeenye. Qonnaan bulaa Oromo ona kana keessa jiran dabballootaa fi basaasota Wayyaanee of keessaa arihuun irra guddaan aradda ganda isaa bilisomfatee omisha mataa isaa akka jalqabee jiru gabaasi qeerrii kanuma waliin addeessa.
Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa