Hogganaan Wayyaanee Ol aanaa Barihe namni jedhamu Qajeelfama Mallas Zeenaan Qotee bulaa Oromootti Bobba’e. Diddaann qotee Bulaas itti fufe.

Gabaasa Qeeroo Wallaga Limmuu,Muddee 24,2011

Godina wallaagga bahaatti asiin fulduraa mootummaan garboomfatuu waldhabdee saboota Guumuzii fi Uummataa Oromoo gidduutti uumuun warraa guumuz meeshaa waraanaa hidhachiisuun qonnan bultoota Oromoo meeshaa maleeyyiii ajjeesisaa kan turte ta’un ifaadha, kun utuu kanaan jiruu torbee kana keessaa Muddee 19-23,2011tti qotee bulaa Oromoo fi jaraattota Wallaga bahaatti human Waraanaa fi ajajoota TPLF itti erguun Oromoonni nannoo san jiraatan ummata Gumuziitti balleessitaniittu sababa jedhuun namoota warraa Gumuuz irraatti midhaa geesisan of keessaa baasaa nuuf keennaa yoo kanaa taa’uu baate lafti keessaan isiin irraa fudhatama lafti kan mootummaati waan taheef jechun gareen qajeelfama mallaasan hogganamuu ajajoota Wayyaanee ol aanaa keessaa tokkoo kan nama maqaa Baarihee, jedhamuun durfamu Finfinnee irraa bobbaafame dabbaloota OPDO Onotaa Heebantuu,Giddaa fi Limmuu irraa waliittii waamuun namoota qotee bulaa ijaaree fincila mootummaa irratti kaasuu fi warra Gumuz turqe hammaa baastanii saaxiluun mootummaaf hin kenninettii isinis itti gaafatamtuu jechuun ummata walii gala yakka itti bane doorsisaa fi goolaa jira . Haga gabaasaan kun qindaayetti dorsisaa kan jiran ta’un Qeerroon baga Wallaggaa irraa gabaasa.

Walumaa galatti doorisi mootummaa Wayyaanee kun  ummaata naannoo qofa osoo hin tahiin aangahoota OPDO godina hanga Onaattii kirrii diimaa irraa ofaa jirti. Uummanni Oromoo godina Wallaggaa bahaa garuu guutummaatti  diddaa isaa itti fufee jira.

Sababaa goolii qondaaloti TPLF uumaniin kan kale qotee bulaa hedduu hidhanii akka jiranii manneen nisaaniis akka sakata’aa jiran hubatame ,Manneen ummataa guutummaatti  sakkata’anii homaa dhabaan, qonnaan bultotaa shan adda durummaan fincila qindeesitanii gaggeessaa jirtu sababa jedhuun Limmuu irraa qabamanii hidhamanii jiran keessaa  wabii qarshii 5000 yeroof gadhiifamuu isaanii gabaasi qeerroo addeessa.

Kana malees akkaataa hogganaan Wayyaanee fi qondaalota OPDO kun itti jiran ummata Oromoo fi saboota Gumuzii irra deebi’anii walitti buusuu fi tasgabbii naannoo dhorkachuuf waan of qopheessaa jiran tahuu ifatti irraa muldhata. Haala kanatti roorrifamaa jiru qotee bultooti Oromoos gochaa Wayyaanee kanaaf akka hin jilbeeffannee fi tokkummaan ka’anii Fincila diddaa gabrummaaf akka qabsaawan kara karaa dhaammatanii jiru.

 

Qabsoo itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!