Diddaan Gabrummaa Jabaatee Itti fufuu Irraan Hojjettooti Mootummaa Hidhaman

Gabaasa Qeerroo Wancii Muddee 23,2011

Sochiin Qeerroo Bilisummaa ittu fufuu irraan mana barumsaa Wancii keessatti walitti bu’iinis waraana Wayyaanee fi gootota barattoota Oromoo jidduutti tahe irraan barattootii hanga nama 66 mana hidhaa akka jiranii fi gootummaan kaayyoo isaaniif hidhaan hafnaan wareega akka kafalan ifatti mootummaa Wayyaanee beeksisanii jiraachuu gabaasi Qeerroo Wancii irraa beeksisa.

Haala fincila Qeerroo waliin wal qabatee sochii dargaggoota Oromoo duubaan jirtu sababa jedhuun ofii yakkamtoota kan tahan dabballoonni Wayyaanee ilmaan Oromoo hojjetanii bulan mana hidhaatti geessee jira,

Hojjettooti Mootummaa kanneen yeroo ammaa naannoo Wancii irraa fudhamanii hidhaman keessaa:-

1 . Shawaal W/Rufaa`eel Waajjira Poolisaa irraa

2.Ayyalaa Dhaabbataa Waajjira Barnootaa Wancii irraa

3. Barsiisaa Geetinneti Tsaggaayee mana barumsaa Giddu galeessa Wancii

4. Obbo Dajanee Xurunaa Waardiyaa Buufata Fayyaa Aanaa Wancii

5.Obbo Toleeraa Badhaadhaa Maanguddoo

 

Jedhaman kan tahuu gabaasi Qeerroo addeessa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!