Konkolaachiftonni Oromoo Sirna Gabroomfataa Wayyaanee Didan

Gabaasa Qeerroo Dirree Daawaa Muddee 15,2011

Konkolaachistoota Oromoo ta’anii Magaalawwan Harar,Awwadaayii fi Haramaayaa keessa hojjetan irratti loogiin sanyii irratti hundaa’ee fi Eenyummaa saba oromoo tuqsiisu irratti raawwachaa jira.Kun kan jalqabe balaawwan tiraafikaa naannoowwan kanatti mudatan hir’isuuf ta’ullee Hojjettootni abbootii taayitaa daandii dhalootaan Tigiree fi Amaara ta’an magaalawwan kana keessattii fi naannoowwan magaala kanaatti bobba’an konkolaachistoota oromoo ta’an irraa waraqaa hayyama konkolaachisummaa harkaa fuudhuun ati lammii sadaffaa dha jechuun qarshii 365.00’n adabaa jiru.Konkolaachistoota Amaara ta’an ammoo ati lammii lammaffaa,Kanneen Tigiree ammoo ati Lammii tokkoffaati jechuun ilmaan oromoo irratti daba guddaa dalagaa jiru.Sabboontotni Oromoo hojiin konkolaachisummaan jiraatan ilmaan oromoo marti cunqursaa mootummaan kun nurraan ga’aa jiru hubattanii diddaa nuyi gaggeessinu akka nu cinaa dhaabbattan jechuun dhaammatanii jiru.Tikni qeerroo magaalawwan kana keessattii fi naannoo isheetti bobba’uun akka saaxiletti miseensotni oromummaa akka lammii sadaffaatti ilaalan kun lama lamaan magaalawwan lameen gidduutti akka argaman saaxilee jira.Haaluma wal fakkaatuun Labsii hayyama daldalaa 686/2002 ba’e hojii irra hin oolchine jechuun daldalatoota magaalawwan kanneen keessatti argaman irratti suuqii dhuunfaa isaanii cufuu irratti argamu!

Konkolaachistootnii fi daldaltootni yaada isaanii akka ibsanitti yeroo ammaa kana daldaluuf haayyama gaafannee daldallee ammoo gibiraan waan manaa qabnu daballee akka kaffallu dirqamnee jirra jedhu.Kanaaf Daldaltootni,Konkolaachistootnii fi ilmaan Oromoo marti nu cinaa dhaabbachuun qabeenya keenya irratti mirga ajajuu akka argannu jechuun dhaammatanii jiru.

 

University Haromaayaa keessatti Basaasi Wayyaanee Beekamaan Saaxilame

Ayyaanni sabaa fi sablammii mootummaan garboomfattuu kun bixxiltee raadiyoo fi television isheedhaan mirgi uummata impaayera biyyattii keessaa kabajameera jechaa turtee fi jechuuf deemtu ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo gama ittiin

Basaasa Wayyaanee Solomon Legesee

Basaasa Wayyaanee Solomon Legesee

ilaallatu hin qabu.Haala kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti waan isheen kabajuuf deemtu mormii sabboontota oromoo irraa itti dhiyaate jala dhaabbachuuf basaasni mootummaa wayyaanee bara dheeraa Barataa Solomon Legesee dirqama kan fudhate yoommuu ta’u Barataan kun gochaa isaa kana irraa hin dhaabbatu taanaan tarkaanfiin hojii isaa madaalu akka isa eeggatu qeerroon dhaammatee jira.Barataan kun qabsoo qeerroon jalqaba bara 2011 irraa kaasee finiinsaa turetti gufuu ta’uuf si’a lama gara magaala adaamaa deemuun tikawwan mootummaa wayyaanee Federaalaa waliin wal gahii gaggeessaa akka turee fi Har’as mormii Peace and security yuunivarsiitii Haramaaya keessatti irratti dhiyaate jala dhaabbachuuf tikawwan mootummaa kanaa Harar keessatti argaman waliin guyyaan quunnamtii akka godhaa jiru tikni qabsoo qeerroo hojii isaa kana saaxiluuf dirqama fudhate addeessee jira.Barataan Kun barataa Gender and Development waggaa sadaffaa akka ta’e Tikni qabsoo qeerroo bira gahee jira.Barataan kun Hojii waanjoo garbummaa ilmaan Oromoo irra tursiisu kana irraa hin deebi’u taanaan Himan diddu du’a hin diddu jechuun dhaamee jira.Haaluma wal qabateen Godina Iluu abbaa Booraa keessatti Mootumman wayyaanee Qotee bultoota maqaa Leenjii jedhuun wal gahiif waamtee sirna ishee barsiifachaa akka jirtuu fi qotee bultootni oomisha isaanii yeroo itti walitti qabatan dhabanii rakkachaa jiru.Qotee bultootni yaada isaanii akka ibsatanitti midhaan keenya gahee osoo lafatti harca’aa jiruu nuyi guyyaa guutuu sirna mootummaa kanaa akka barannu dirqamneera jedhu.Haala kanaan itti fufnaan beelli hamaan akka isaan eeggatuu fi qotee bultootni shira mootummaa kanaatti dammaqnee diddaa akka dhageessisnuu fi ilmaan oromoo sagalee akka nuu dhageessistan jechuun dhaammatanii jiru.

Dinni Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!!