Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Itti fufe

Muddee 27,2011

Rorroo kana caalaa of irratti ilaaluu irra wareega kaffallee mirga abbaa biyyummaa argachuu wayya kan jedhan qonnaan bultooti Oromoo yeroo ammaa kana goleelee Oromiyaa mara keessaa diddaa isaanii muldhisaa jiru. Mootummaan Wayyaanee gaaffii qonnaan bultootaa fi barattootaaf deebii kennuu hanqachuun ykn dadhabuu irraan kan ka’e hidhuu biyyaa arihuu fi qabeenya saamee dachii dhablee godhaa jira.Kanaafis hin jilbeeffannu kanneen jedhan Oromoonni diddaa isaanii itti fufanii jiraachuu beekama.

Sochii Qeerroon Bilisummaa godhaa jiran teenyee hin laallu, ilmaan keenyaa fi qabeenyi keenya yeroo miidhamu falmachuu fi roorroo if irraa ittisuun qoda keenya kanneen jedhan qonnaan boltooti Oromoo, haala kanaan yaalii ijibbaataa godhchuuf mirga abbaa biyyummaa fi qabeenya Oromiyaa qabaachuu akka qabaniif jecha jiraattoti aanaalee Jidduu galeessa Oromiyaa gaaffii mootummaa Wayyaaneef dhiheessan wal duraa duubaan akka dhihaatu gabaasi qeerroo addeessa.

Akka kanaan Jidduu galeessa Oromiyaa gandoota armaa gadii kanneen jiraatan iyyannoo ijibbaataa mootummaa Wayyaaneetti galchanii jiru.

1. Iyyannoo Qonnaan Bultoota Ganda Galaan Guddoo dubbisuuf as tuqi.

Iyyannoo Q bultootaa ganda Galaan Guddoo

2. Iyyannoo Qonnaan Bultoota Ganda Qaallittii dubbisuuf as tuqi..

Iyyannoo Q bultootaa ganda Qaallittii

3. Iyyannoo Qonnaan Bultoota Ganda Waajituu dubbisuuf as quqi..

Iyyannoo Q bultootaa ganda Waajituu

 

Qabsoon Itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s