Universitiin Amboo Waraanaan Marfame.

(Gabassa Qeerroo Muddee 2,2011 Amboo) Godina lixaa shaawaattii mooraan university Amboo humnoota tikaa fi dabbaloota mootummaa Waayyaaneen marfamee eegamaa jira. Sabboontonni baratootataa Oromoo 4 mooraa university Amboo keessaa sadaasa 1/2011 halkan kessaa sa’a 3:00AM humnotaa tikaa Wayyaneen Ukkafaman keessaa

1. Baratuu Caaltuu Mirkanaa baratuu Infoormeshiin Technology waggaa 4ffaa
2. Barataa Dorribaa Tolaa Information technology
3. Barataa Sanyii Waamii
4. Barataa Mazgabuu Geetaachoo
5. Bataaa Hanbasse Girmaa

Kanneen jedhaman humnoota tikaa Wayyaaneen butamanii hanga har’aatti bakka buuteen isaanii hin beekamiin jira. Kana malees barattoota hafan tokko tokkoon yaamanii dorsisuu fi akeekachiisa hin barbaachifne itti kennaa akka jiran qeerroon University Ambo irraa gabaasu.

Haaluma kanaan wal qabateen sabboontonnii barattoota Oromoo heeedduun hordofamaa waan jiraniif mooraa Universitichaa gadhiisaanii bahaa akka jiranitu gabaafame. Gama kaaniin baratoota akeekachiisa mootummaa Wayyaaneen guyyuu hiraaramaa jiran haalli kun itti fufee hammaanaan akka gabaafamu qeerroon ni addeessa.

Barattoonni University Ambo mootummaan gabroomfataa gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafanneef deebii kennuu waan hin dandeenyeef qawwee fi human ergamtootaan fayyadamee haqa keenya ukkaamsuu yoo yaalii godhe illee nuti barattoonni fincila diddaa gabarummaa gaggeessuun mirga borxaan sarbamne borxaan ni deeffanna kan jedhuun gurmuu jabeeffachuun gaaffii isaanii itti fufanii jiru.Mootummaan Wayyaanees tahe ergamnii bultoonni yaada ummataa yaadaan deebisuu hin dandayan,gaaffii isaanitti dhihaatuuf deebiin afaan qawwee dha jedhanii waggoota 20f waan itti jiraniif kun raawwatee ummanni Oromoo sodaa qawwee jalaa bahee akka mirga bilisa dhunfatuuf jabaatanii akka hojjetan ejjennoo isaanii keessatti barattoon gabaasanii jiru.

Humna waraana Wayyaanee mooraa University Amboo eegan keessaa kan dhalootaan Oromoo tahee diinaaf ergamu tokko akka jedhetti “ Ani daangaa Somalia fi Baaddimmee eeguu caalaa kan akka mooraa University eeguu na sodaachisu hin jiru, mootummaanis maaliif akka sodaate hin beeku” jedhee barattoota gariitti haasawuun isaa gabaasi qeerroo kana waliin addeessa.

Kana malees barattoonnii barnoota olaanaa Universitoota biyyatti irraa barachaa jiran ulee beelaan reebamaa jiraachuun ibsame. Haaluma kanaan Sadaasa 30/2011 University Waalloo keessaattii baratoonnii sagaalee mormii dhageesisuun fooddaa university caccabsuun nyaanni hataataman akka sirreeffamu gafatan jedha odeessii Qeerroo mooricha gabaasa.