Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu, Muddee 19,2011
Godina Wallaga Baha ona Limmuu keessatti Muddee 17/2011 qonnaan bultoonnii walga’ii Wayyaaneen karaa ergamee bulaa ishee OPDOn qopheesitee qonnaan bultonnii hin fudhannu,nuti qonnaan bultooti Oromoo dalagaa mataa keenyaa ni qabna.Isin warri OPDO ufiifuu aangoo hin qabdan walga’ii nu teesisuuf aangoo godhatanii? Warri TPLF isinuma bira darbanii ilmaan keenyaa mana hidhaattii guraa jiru,lafa keenya gurguranii qe’ee irraa nu arihaa jiru,Oromoon hiraaree yeroo isiin gaafannuu nu miti mootummaa federaalatu nama hidha,kan qabeenya gurgurus mootummaa Federaalaati jettu.Ammaa immoo aangoo godhattanii kan walgahii nu yaamtan,kanaaf walga’ii keessaan hin teenyuu Omishaa keenya sassabbannaa jechuuun sagalee tokkichaan qotee bulaan ganda irra gandatti araddaa irraa araddaatti dhaamsa waliif dabarsee walgahii Wayyanee taa’uu didan
Kanneen keessaa qonnaan bultoota adda adurummaan nurratti ijaaratan jedhamanii qonnaan bultota ganda Waaroo jedhamu keessaa namonni shan hidhaa hin beekamnetti darbamanii jiru. Qonnaan bultoonni hidhaman kuniinis maqaan isaanii:-
1.Ayyaanaa Gammachuu,
2.Waaqjiraa Ayyanaa,
3.Alamayyoo Waaqjiraa,
4.Gammachuu Fufaa,
5.Hundarraa Fayisaa jedhaman hidhaman.
Namonni qonnaan bultotaa kanaa hisisaa jiran dabbaloota Wayyaane kan maqaan:-
1.Margaa Sirnaa bulchiinsa Onaa Limmuu fi
2.Asafaa Galataa maqaadhaf itt/g/ wajiraa baranoota Onichaa ta’uu gabaasi qeerroo Limmuu irraa addeessa.
Sabboonaan Oromoo Obbo Tasfaayee Ababaa marraa lammaaffaaf hidhame.
Gabaasa qeerroo magaalaa Gimbii akka addeessutti Muddee 16,2011 Godina Wallaggaa Lixaa Magaala Gimbiitti jiraataa Ganda 02 kan ta’an abbaa qabeenyaa Obbo Tasfaayee Abbabaa Diddaa qeerroon magaala Gimbii fi naannoo isheetti gaggeessaa jirtu adda durummaan qindeessaa kan jiru sidha jechuun Wayyaaneen yakkamee mana hidhaa wayyaanee magaalaa Gimbii keessatti darbanii jiru.Obbo Tasfaayee Abbabaa ji’oota darban keessatti baatii sadiif Mana hidhaa Wayyaanee Magaala Naqqamtee keessa akka turan qeerroon ifa godheera.Kanuma waliin Qeerroon Magaala Gimbii fi Naannoo ishee irra jiran ilmaan Oromoo hidhuu fi ajjeesuun darn summii nu keessa jiru cimsuun dhaaba keenya ABO waliin hiriiruun qabsoo akka finiinsinu nu taasisa jechuun dhaammatanii jiru.
Qabsoon itti fufa! Gabarummaan ni kufa!