Diddaan Qeerroo University Adaamaa Waraana TPLF Jeeqe.

Qeerroo Adaamaa,Muddee 30,2011

Diddaa  gootonni barattooti Oromoo mootummaa Wayyaanee irratti kaasan humnaan dura dhaabbachuuf jecha waraanni TPLF human waraanaa fi poolisa Federaalaa akkasumas poolisoota lukkeelee Wayyaanee kan tahan OPDO hedduminaan guuree barattoota meeshaa maleeyyiitti duula jabaa banuu guyyaa kaleessaa fi eda Muddee 29,2011 galgala barattoota waliin walitti bu’aa turan.Haala kanaan doormii barattootaa seenuun reebichaa fi meeshaa waraanaan dhaanuun gara malee itti fufe,barattooti Oromoos lubbuu irraa ittifachuuf jecha waan dandayan hundaan waraana dura dhaabbachuun of irraa ittisa gochaa hakan bariisifatan.

Ganama har’aa irraa eegalee hanga amma sa’aa kanaatti mooraa keessa wal arihuu fi barattoota irra deemanii humnaan rarraasanii qabuun itti fufamee jira,manni nyaataa cufamee,dareen barnootaa hundi cufamee mooraan haala hin yaadamneen oliin jeeqamee jira.Barattooti kaan haala dandayan hundaan mooraa irraa baafatanii ala irraa human waraanaa waliin wal arihaa jiru,kan mooraatti hafan wallee warraaqsaa dhageessisuu fi nutis dhaaba qabna,ABO fi WBO jechaa dhaadataa jiru.

Guyyaa kaleessaa irraa eegalee hanga ammaatti barattoota nama 50 mana hidhaatti geessanii jiru. Kanneen guyyaa kaleessaa gabaafneen alatti har’a Muddee 30,2011 barattoota qabaman keessaa:-

1.Darajjee Dabalii logistics 2nd year
2.Yaadasaa  management 2nd year
3.Gammachiis Saamueel   electrical engineer 4th year
4 Damee    Economics 3rd year
5 Caalaa Abbayyaa wood science 2nd year
6.kaasahuun Enginer 2nd year
7.Gaaddisaa geography 2nd year
8 Magarsaa Abraham accounting 2nd year
9.Araggaa

Kanneen jedhaman keessatti argamu.

Haalli mooraan University Adaamaa itti jiru haala jabaa fi waan salphaatti hin tasgabbeefamne fakkaata waan  taheef ummanni Oromoo alaa fi keessaa birmannaa kanaaf akka ka’u Qeerroon iyyata.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!

Record013