Diddaan Qeerroo Itti fufee University Haromayaa keessatti Wayyaaneen Qaanofte.

Gabaasa Qeerroo Haromaya, Muddee 25,2011

Ayyaanni Sabaa fi sablammii Garboomfataa Mootummaa Wayyaanee yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti sabboontota Oromoon fashale! Mootummaan wayyaanee Diraamaa dharaa uummatatti raadiyoo fi televiizyiniin agarsiisuun bittaa umrii isaa dheereffachuuf tooftaalee fayyadamu keessaa tokko ayyaana sabaa fi sablammii maqaa jedhuun mirgi sabawwan impaayera biyyattii keessaa kabajameera jechuun ololuu dha.Sabboontotni oromoo fi ilmaan sabawwan cunqurfamoo tooftaa kana hubatanii fi wal hubachiisan wayita sabaa fi sablammiin yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti kabajamu diddaa uumuun dirqii akka ta’e marii’atame.Mootummaan wayyaanees diddaan kun akka itti dhufu shakkuun peace and security club kan jedhamu yuunivarsiitii keessatti dhaabuun haala gaariin kabajuunii fi federaalotaa fi poolisii Oromiyaa bobbaasuun diddaa kana dhaabuuf yaaltus diddaan kun Gaafa guyyaa 23,12,2012 galgala kan jalqabe alaabaa garboomfataa yuunivarsiitii keessatti dhaabbate buqqisuun darbachuuni dha.Sirboonni ”ABOn bulchuu qaba.”,Oromoon leencuma duruu fi sirbootni gootawwanii galgala kana bal’inaa fi dhaadannoo guddaan sirbamaniiru.

Guyyaa gaafa Muddee 24,2011 Sambata xiqqaa haala ho’aan ni kabajama yaada jedhuun qabames diddaan barattootaa daran itti jabaachuun sabboontotaan fashaleera.Alaabaa OPDO barattoota Oromootti kennuun baatanii akka deeman itti himamus alaabaa abbaa gadaa barreeffama OROMIYAA jedhutti marsuun diddaa mul’isuu fi alaabaan OPDO akka ilmaan Oromoo hin ilaallanne

mul’isaniiru.Poolisootni federaalaa diddaa kana dhaabuuf barattoota Oromoo doorsisanis diddaan daran jabaachuun ayyaana sabaa fi sablamii garboomfataa Wayyaanee fashaleesseera.Diddaan akkanaa yuunivarsiitii Hundaa keessattii fi bakkeewwan mootummaan kun diraamaa dharaa gaggeessuuf deemtutti akka jabaatuu fi Ilmaan Oromoo mootummaa garboomfataa kanaaf jalee fi tika taatan kana hubachuun Qeerroo Oromoo waliin akka hiriirtan jechuun Qeerroon yuunivarsiitii Haramaayaa fi
Naannoo ishee jabinaan dhaammatee jira.
Qabsoon itti fufa Gabarummaan ni kufa!

 

 

Wayyaaneen nagaa Ummataa Jeequu Itti fuftee,Barattooti Oromoo Wallaga Naqamtee Hidhaman.

Gabbaasa Qeerroo Naqamtee,Muddee 25,2011

Diddaa dargaggoota Oromoo( Qeerroo) dura dhaabbachuu kan dadhabde Wayyaaneen,barattoota Oromoo mooraa University lee adda addaa keessaa doorsisuu,hidhuu fi barnoota irraa arihuun dalagaa guddaa taheefii jiraatu illee gootonni barattooti Oromoo gochaa Wayyaanee kanaaf takka osoo hin jilbeeffatiin tokkummaan qabsoo diddaa gabrummaa gaggeessaa jiru.

Mooraa Kolleejjii Naqamtee Wallagga keessa barattoota barataa jira,sababaa tokkoon malee barnoota isaanii irraa qabuun mana hidhaa naqamtee keessatti kan uggurtee jirtu Wayyaneen,sagalee ummataan yoo mormiin kun irra gahe iyyuu dhagahuu diduu irraan hanga har’aatti barattoota jeeqaa jirti. Akka kanaan barattoota maqaan isaanii:-

  1. Kadhimamaa barsiisa Katamaa Soorii Ifaa barataa waggaa sadaffaa department  chemistry
  2. Kadhimamaa barsisa Boggaalaa Gonfaa
  3. Caalaa barata waggaa 3ffaa.

Kanneen jedhaman mana hidhaa Naqamtee keessatti akka argaman Qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!