Walgahii Bakka Bu’ootii Qeerroo Godinaalee Oromiyaa Sadaasa 2011 keessa Godhatan Irratti Walaloo Dubbifame

Walaloon armaa gadii kun walgahii Bakka Bu’ootii Qeerroo Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa walitti dhufanii Sadaasa 2011 keessa Godhatan Irratti kan dubbifame dha.

QABSAA’AA

Qabsaa’aan ni kufa
Qabsoon itti fufa
dhiiga gootawwaniin bilisummaan dhufa

kan darbe barnoota
kan dhufu injifannoo
xiiqii diinaaf jecha
qeerroon kaane kunoo!

WBO gaaraa loli
Injifadhuu gali
oromoo ol ka’i
bilisoomii taa’i!!

Jaallee ko jabaadhu
Galma bilisummaa
faajjii keenya olqabnee
Ittiin geenya amma!!

Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsu
Daran nu jabeesse
lafee diinaa haa cabsu
Ya ilmaan oromoo waan ani si gorsu
Waan hundumaa dura iccitiin haa dursu!!

Haqadha qabanne
dhara maal sodaanna
Jabaadhaa qabsoofna
Inuma injifanna!!

Ya jaallewwan qabsoo umrii dheeradhu
Lapheen kan kee haata’u
Ilkaan diinaaf laadhu
Waadaa kees eeggadhu!!

Diinni duruu diina Fira maaltu jedha
jaallee ko jabaadhu,jabaadhu
rabbi tokkichatu waan laaftuu nuuf godha!
Haqa qabateeti waan dhugaa gaafata
qabsaa’ota dhugaan WBOn injifata!!
Qabsaawota dhugaan WBOn injifata!!

Odaan magariisa
Kana hundi beeka
Ya ilmaan oromoo
Biyyan bilisoomsa
Mee hunduu jedhaakaa!!!
Jechuun gocha hin ta’u
Iccitii qabanii
Tokkummaa ijaaranii
Garboomsaa fincilla
Nuyiif kana fala!

Oromoo nu godhee rabbitu nu uume
Ofirraa haquuf hin ta’u gonkuma
kanaaf ya lammii koo nu hundi tokkuma
Biyya abbaa dhuunfachuunhundumaaf dirqama!!

Jaalleewwan kan qabsoo
jabaadhaa qabsootti

dharri boolla seena
Dhugaan ni dubbatti
Ya ilmaan oromoo waan siif dhaamu keessaa
Diinatti wal kennuu rabbiif jedhaa dhiisaa

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa bilisummaati!!

 QABSOO

Qabsoon oromoodhaa amma galma ga’a
Gowwaa fi Diinatu achiin hafa se’a
Silaas tokkummaadhaan goondaan laga ce’a
Oromoo dammaqi Garbummaan nu ga’a

Yaa simbira barii ishii cii_cii jettu
Lammii mee dammaqsi hundi haa falmatu
Jala deemtuun diinaa homaallee nu hin gootu
Kan seenaa dagates seenaan hin dagatu

Qeerroo oromiyaa dirqamni kan keeti
Dammaqii dammaqsi ka’ii kaa qabsootti
Kennaan gootawwanii laatamteetti sitti

Sabboonaa fi sabboontuu ilmaan oromiyaa
Qabsoon sumaaf faaya
Oromiyaan biyya
oromoon uummata
Mirga namaa hin tuqne kan ofii falmata

Yaa ilmaan oromoo waan ani si gorsu
waan hundumaa dura iccitiin haa dursu
Lafee gootawwaniin irbuu qabsoof seennee
Jabaannee haa falmannu”Bilisummaa” jennee

Ya ilmaan oromoo,

Iyyaa iyya dabarsaa
Lammii dhageessisaa
Kan nyaatee nu nyaatu
Wayyaaneetu dhufe jedhaa hundaaf ibsaa

Karaan qabsoo oromoo ifaa fi bilisa
ABO ABO jedhaa walii ibsaa
WBOn gaaraa lola
Ishoo Ishoo jedhaa nu malee waa hin qabu
Kan seenaaf gumaate seenaa irraa waa hin dhabu!

Jaallawwan kaleessaa warreen nuuf riqichaa
Nuu dhaamanii darban tooftaalee fi gocha
Lafeen caccabanii lubbii itti dhabanii
Gola seenaa jiru yoomuu hin badani!

Barataa fi qotee bulaa
Barsiisaa fi daldalaa
Dargaggoo fi Shamarran
Ya saglan booranaaa
Torban baarentummaa
Ka’aa kaa qabsootti
Yeroon geesse amma

Manni ilmaan oromoo mana hidhaa taate
Qabeenya oromoos biyya ambaa nyaate
Ya ilmaan oromoo Garbummaan nu ka’a
Maal qaba yoo kaate

Gootawwan oromoo kanneen qabsoof kufan
Gaaddisaa Hirphaasaa Jaagamaa Badhaanee
Kunoo seenaan jiru Hubadhu akka hin duune

Qabsoon oromoodhaa hanga injifannootti
Gowwaan kan dhihe barii’a hin se’u
Jaallewwan kan qabsoo jabaadhaa qabsootti
Seenaan ke ol haa taa’u!

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati