Gabaasa Qeerroo Finfinnee Muddee 13,2011
Mootummaan Wayyaanee waggaa muraasaaf ummattoota biyya Ethiopia keessa jiran meeshaan ittiin afaan faajjessu keessaa tokko guyyaa kabajaa Sabaa fi sab-lammootaa kan jedhuun Muddee 9, dabballootaa fi jala buutota isaa ummata keessa bobbaasee humnaan nama yaasuun kabajaa ayyaana sablammootaa kan jedhu TV irratti muldhisaa ture. Kan bara kanaa garuu mormii guddaa irra gahuun qaanyii keessa akka gale gabasaan Qeerroo godinoota adda addaa irraa eergaman beeksisa.
Muddee 9,2011 Barattooti Oromoo University Dirree Daawwaa guyyaa kanaa mooraa universitichaa keessaattii faaruu qeerroo dhageesisuun mormii qaban dhageesisaaa ooluun diddaa mormii mootummaa Wayyaanee muldhisuun beekame.. Akkasumaas magaalaa Finfinnee keessaatti uummaanni akkaa Wayyaaneen barbaaduttii ba’ee kabajuu dhiisuun Wayyaanee akkaa malee rifaasisee kan jiru ta’uun gabaafamee jira.
Bakkaa hundattuu kabaja ayyaanaa wayyaaneen ofii qoheefattee sabaa fi sablamootaafin qopheese jettuu irratti uummaannii hirmaachuu diduu dhaan ykn irraa hafuun mormii qabuu beeksifatee jira.Guyyaan kun Dabbalootuma Wayyaanee qofaan kabajamee qofaa lafa dhiita kan oolan ta’uu gabaasi Qeerroo bakkoota adda addaa irraa addeessa.
Dinne Gabrummaa! Jenne Bilisummaa!