Monthly Archives: March 2017
Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Waraana TPLFn Cufamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Bitootessa 29,2017, Godina Arsii keessatti manneen daldalaa dhuunfaa cufsiisuun akkuma itti fufetti jira,Godina Arsii Aanaa Suudee magaalaa Darrabbaa keessatti wayyaaneen manneen daldalaa dhuunfaa cufuudhan dirqamaan daldaltoota sabaan Oromoo ta’an dirqamaan gurmaayaa jechuun hojii dhuunfaa isaanii irraa ittisaa jiraachuun beekamee jira.
Bifuma wal fakkaatun Godinuma kana Maagaalaa Eddoo keessattis daldaltoota daldala dhuunfaarratti eeyyama baafatanii daldalan eeyyama haaromsiisaa jechuun manneen isaanii irratti cufuudhaan erga waajiratti waamaniin booda gurmootanii dalaguu qabdu jechuun dirqamaan hojii isaanii irraa ittisaa jiraachunis gabaafamee jira.
Wayyaaneen TPLF “Waldaan Ijaaramtanii Daldaluu Qabdu” Jechuun Ummata Tooftaa Hirkatummaa Jala Galchuuf Duula Banee Jira.
Aside
Bitootessa 28,2017/Gocha gara jabinaa hamaaf ajjeechaa suukanneessaa raawwachuun maqaa ABO tu akkas godha jedhuun waggoota dheeraa umurii dheereffattee turuun Wayyaanee beekamaadha.Gocha sana itti fuukleffachuun tibba darbe jechuun ji’oota muraasa duras dalagaa hamaa manneen kadhataa gubuu raawwattee Dhaabaaf,qaama biraatti maxxanfachuuf yaalaas turte.Adeemsa sanas uummanni irra aanuu hubachuun naannoowwan ollaa Oromiyaa uummata keenyaan walitti buuftee utuu jirtu tibbana,Godina Jimmaa Aanaa Limmuu saqqaa magaalaa Atinaagootti motummaan abbaa Hirree harkaa woyyaa jalaatiin dukkaana uffataaf Sheedii (Mana woldaa) dargaggoof kennamee ture abiddaan barbadeesse.ABO tu isin keessa jira jechuun hololtoota isaa OPDO keessw lakkisee jiraachuun himame. Namoota manneen duraa gubate Continue reading
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa, Bitootessa 28, 2017
Aside
Anaa Baabboo Gambeel Godina Wallaggaa Ummataa fi Humna Waraana Wayyaanee Jidduu Walitti Bu’iinsi Jiraachuun Beekame.
Aside
Bitootessa 28,2017 /Godina Wallaggaa Anaa Baaboo Gambeel Keessaattii humni waraana Wayyannee uumataa nagaa gooluu irraan kan ka’e ummanni naannichaa wal gurmeessuun waraanni jiraattoota nagaatti roorrisu akka naannicha gadhiisee bahu yoo gaafatan illee ummata reebuu fi doorsisuun waan itti fufeef jecha gartuun komaandi poostii jedhamu mormii dhageessisuuf jettu jechuun uummata ba’aaf galla dhowwa jiru.. Magaalaan Baaboo moraa Leenjii warrannaa fakkataa yeroo amma kana uummanii deeme galuuf soda keessa jira…dhimaa kana irraattii Baaboodha nama dubbisunu qaban. Continue reading
New- “Dhiisi-Dhiisi” Wallee Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Haraa Bitootessa 28,2017
Aside
Godina Wallaggaa Magaalaa Najjii Keessatti Diddaan Barattoota Oromoo Itti Fufe.
Aside
Guyyaa kaleessaa 272017 G/W/Liixaa magaalaa Naajjoottii bartonnii mana barumsaa qopha’insaa Naajjoo Mormii yeroo jalqabanittii humnaa warannaa wayyanneen bitina’anii bartoottii hedduun gara lagaattii baqatanii turan haalumaa kanan bartoottii hedduun guyyaa kalleessa qabamanii mana hiidhaattii geessuun aduu keessa ka’iini reebichaa hammaan irraattii rawwachaa jira. Maatiin bartootaas ta’ee namnnii kammiyyuu hiidhamtoota dubbisuu hin danda’u. Continue reading
SBO Bitootessa 29,2017. Oduu, H/Dn ABO J/Daawud Ibsaa Giddu Gala Mooraa Leenjii ABOtti argamuun miseensota WBOf haasaa godhan. Kana irratti gabaasa addaa qabna; kutaa 4ffaan gaaffii fi deebii Art.Tafarii Makonnin itti fufa. Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa
Aside
UNPO caught up with Shigut Geleta of the Oromo Liberation Front,
Aside
UNPO caught up with Shigut Geleta of the Oromo Liberation Front, one of our speakers at our conference “Women’s Inferno in #Ethiopia” co-organised with the People’s Alliance for Freedom and Democracy (PAFD) and hosted by Liliana Rodrigues MEP (S&D). Mr Geleta highlights his great concern for #women‘s rights in #Ethiopia, as they are the first victims when conflict strikes.
If you missed it look back at our live streaming here: bit.ly/2nS3LJc
The conference declaration: bit.ly/2nCkp24
The conference programme: bit.ly/2mQuxzM
Statement by UNPO General Secretary: bit.ly/2nkxiNo
ONN: Marii dhimma Gumii Oromiyaa Addunyaa(GGO)
Aside