Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Darrabbaa Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Waraana TPLFn Cufamaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa 29,2017, Godina Arsii keessatti manneen daldalaa dhuunfaa cufsiisuun akkuma itti fufetti jira,Godina Arsii Aanaa Suudee magaalaa Darrabbaa keessatti wayyaaneen manneen daldalaa dhuunfaa cufuudhan dirqamaan daldaltoota sabaan Oromoo ta’an dirqamaan gurmaayaa jechuun hojii dhuunfaa isaanii irraa ittisaa jiraachuun beekamee jira.

Bifuma wal fakkaatun Godinuma kana Maagaalaa Eddoo keessattis daldaltoota daldala dhuunfaarratti eeyyama baafatanii daldalan eeyyama haaromsiisaa jechuun manneen isaanii irratti cufuudhaan erga waajiratti waamaniin booda gurmootanii dalaguu qabdu jechuun dirqamaan hojii isaanii irraa ittisaa jiraachunis gabaafamee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s