Dargaggoota Oromoo Warshaa Sukkaara Arjoo Dhidheessaa Keessaa Hojjetan 178 Ari’amuu Qeerroon Gabaase.

Bitootessa 28/2017 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Jimmaa Arjootti Mootuimmaan Wayyaanee Dargaggoota Oromoo Warshaa Sukkaara Arjoo Dhidheessaa keessa sadarkaa garaagaraa irratti ramadamani Hojjetan 178 hojii irraa Arii’uuf qophii xummuree kan jiru yoo ta’uu, Ilmaan Oromoo 5 immoo Waraana Kokmandii Poostii Wayyaaneetiin ukkaanfamuun Aanaa Jimmaa Arjoo magaalaa Arjoo Awuraajjootti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu maddeen Qeerroo Godina Lixa Oromiyaa gabaasan.
  Ilmaan Oromoo biyyaa abbaa isaanii keessatti Oromummaa  yakkamanii hiraarfamaa jiran kanneen Warshaa Sukkaaras Arjoo Dhidheessaa irraa qabamani hidhaman keessaa kan ammaf maqaan adda bafaman :
1. Dargaggoo Ayyaanaa Badhaasaa
2. Dargaggoo Yooseef Gaarummaa,
3. Dargaggoo Waggaarii Bayyanee
 4. Obboo Iddoosaa Gulummaa
5. Dargaggoo Taamiruu Dajanee kanneen keessatti argaman ukkanfamuun hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun ibsamee jira.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s