SQ: Qeerroo Bilisummaa Oromo, Bitootessa 2, 2017

Aside

Continue reading

Asoosaa Keessatti FXG Barattootaan Galgala Kana Dhohee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Qeerroo diddaaBitootessa 2,2017/ Darara humnaan olii Yuunibarsiitii keessatti irra gahaa jiru barattoonni Yuunibarsiitii Asoosaa Balaaleffachuuf humni Waraanaa nu hin daangessu jedhan haaluma kaleessaan walqabatee amma galgala kana ijollee mana amantaatii osoo galaa jiranii karaa nagaan, mirgi keenya nuuf haakabajamu, gaaffiinkeenya nuuf haa deebi’u jedhanii sagalee dhageessifachaa jiran irratti dhukaasa banuudhaan, barattoota kumaatamatti lakkaawwaman walitti qabdee jirti, barataama mooraa keessa soso’us qabdee itti dabalaa jirti, yeroo ammaa kanatti waraanni Wayyaanee fardasaanii yaabanii waliif gadi utaalaa jiru, barattoota kana maal gochuuf akka jedhan hinbeekamin jira. Continue reading

SBO Bitootessa 03,2017. Oduu, Gabaasa ittisa weerara liyyuu poolis, gaaffii fi deebii qindeessaa muuziqaa Birhaa n Zarihunii fi wallisaa Sa’aad Awwal waliin godhame

Aside

Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni

Aside

Bitootessa 2,2017
Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni mooraan waraanaa guddaan Yuniibarsiitii Asoosaa bira  kan inni jiru, akkasumas manni kennameefi kankeessa jiraatinis jiru, waraanni alattis keessatti argaman kun ijoollee shamarranii sodaachisuudhaan gocha akka saalqunnamtii seeraan alaa yeroo raawwatantu jira. Gama biraatiin ijoolleen oromoo achitti argaman dhiphina keessa jiraatu, galgala sa’atii sadiitti waraanni mooraa seena, barataan 3:00 tti olseenuu hindanda’u, 5 booda immoo sababa malee mooraa keessa deemuun dhorkaadha.
Manni fincaanii dormi barataa irraa siqee ijaaramee jira, fknf yoo sa’atii amma jedhametti dhaqxe waaraana sana irraa gaaffii akka eessaa deemta?, maalhojjechuu deemta? sa’atii kana maa deemta? fi ulee sanaan dhahamuufi dhiitamuunillee nijira, kun anaanis namudatee argeera.Haalli kunimmoo jireenya egeree keenyaaf sodaachisaadha.Walii gala jireenyi barataa Oromoo moorichaa kana fakkaata

Continue reading

Must listen– “Tokkummaa Lafatu Si Dheebote” Wallee Haaraa Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa, Bitootessa 2,2017

Aside

Bosonni Oromiyaa Godina Wallaggaa Qeellam Aanaa Anfilloo Abbootii Qabeenyaa Tigraayiin Manca’aa Jira.

Aside

Bitootessa 2,2017

17038487_764306653721252_8276835334367130848_o 17038570_764306650387919_4918306963110423302_oGodina Wallaggaa Qeelam  Anaa Anfilloo keessaa lafti ummataa fudhatamee amma abbootii qabeenyaa dhalootaan Tigiroota ta’aniif kennamaa jira, aanaa Anifiiloo keessatti yeroo ammaa bosona baldhaa fi lafa ummata irraa fudhatame bosonatti ibiddaa qabsiisuun bosona umuriin dheeraa ta’e guggubaa fi manxaasaa jiru. Continue reading

Wayyaaneen TPLF Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Leenjii “Haaromsa gadi fagoo” Barsiisotaa fi Barattootaa Dirqamaan Kennamuuf Jedha.

Aside

Bitootessa 2,2017

Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti Leenjiin “Haaromsa gadi fagoo” jedhu jalqabuuf kan jiru yoo ta’u,barsiisotaaf bor irraa jalqabee kan
itti fufu akkasuma barattootaaf illee kennamuu akka qabu  Wayyaanee TPLF n kan durfamu dhaaba ergamaa OPDOn dhaadachaa jiraachuun himame.
Haala ulfaata Uummanno keenya keessa jiru kanarti saatii diinaan wajjin yaada wal jijjiirru kan hin qabne ta’uu Qeerroo Moorichaa ifa godha.Walga’ii qaama mootummaan waamamu kam irraayyu hafuun akkasuma walgaayii diinaa irrati akka hin hirmaanne wal hubannoon barbaachisaa ta’uu dirqama Qeerroo moorichaati. Continue reading

Godina Arsii Keessaa Manneen Daldalaa Ummataa Cufamaa Jiru.

Aside

img_20170302_025638 img_20170302_044008 img_20170302_063408Godina Arsii Magaalota hedduu keessatti mootummaan wayyaanee suuqota daldalaa bakkoota adda addaatitti namootarratti cufaa jira,gibira humnaa olii kaffaluu qabdu jechuun ummata rakkisaa jira,addaatti namoonni gocha diinaa kanaaf saaxilaman oromoota ta’uun dhagayamaa jira,magaalonni wanti kun keessatti ta’aa jiru Dheeraa, Asallaa, Kofalee fi Muneessa ta’uun barameera.

Kanamalees Godina Arsii Aanaa Roobee 16996463_476319739424767_2829710792785344410_n 16999169_1878532229102929_468994923519531720_nMagaalaa Saddiiqaa keessaatti ummata nagayaa hidhuuf doorsisuun dhagayamee jira,Akkuma beekkamu guutuu Oromiyaa keessaa FXX tiin wal qabatee ummata hedduu mana hidhaa xoollay Awaash fi Sanqalleetti dararaa turuun isaa ni yaadatama,magaalaa Saddiiqaa keessaayis namoota hedduu achitti hidhee bilisaan gadhiise keessaa guuree ammallee mana hidhaatitti dachaasaa jira,namoonni ammaaf hidhamanii jiran Gazaalii Jamaal,Hajjii Jamaal,Amaan H/ Tunaa kanneen jedhaman keessatti argamu

Waldaa Liqiif Qusannaa Oromiyaa Erga Nu Keessa Dhaabbatee Nageenyi Keenyas Qabeenyi Keenya Hunkuramaa Ta’e

Aside

Gurraandhala 30,2017/ Oromiyaa keessatti maqaa WLQO jedhuun Humni bitamtuu Wayyaanee OPDO uummata Oromoo irratti erga Waajjira dhaabbattee asitti,Oromonno keessattuu qote bulaan Oromoo haala ulfaataa keessa jiraachuu dubbatan.Maallaqi akka Liqiitti kennamu kan of dhalee galu waan ta’eef Oromoon maallaqa isaa kuufachun akka itti ulfaatee jiru himame.Qotee bulaan dubbifne akka nuuf ibstti “WLQOn eega nu keessa dhaabbate nageenyi keenyas qabeenyi keenyas hunkuramaa ta’e,rafnu nagaa dhabnaa yaaddoon mataa gadi qabnee bulla.Maallaqa sana kaffaluuf midhaan nyaataa gurguruun dirqama,kunimmoo hirii qabeenyaa keenyaa halayyaa buusee jira”jechuun dubbatan.

Gama biraan Yunibarsiitii Asoosaa Keessatti Nyaata Dhorkatamuun Continue reading

Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ) Gurraandhala 28, 2017

Aside