Bitootessa 2,2017
Mooraan Waraanaa Guddaan Wayyaaneen Qabdu Asoosaa Mooraa Yuunibarsiitii Cina Jiraachuun Barataan Haala Ulfaataan Akka Dararamuuf Dandii Ta’e Jedhu Barattoonni mooraan waraanaa guddaan Yuniibarsiitii Asoosaa bira kan inni jiru, akkasumas manni kennameefi kankeessa jiraatinis jiru, waraanni alattis keessatti argaman kun ijoollee shamarranii sodaachisuudhaan gocha akka saalqunnamtii seeraan alaa yeroo raawwatantu jira. Gama biraatiin ijoolleen oromoo achitti argaman dhiphina keessa jiraatu, galgala sa’atii sadiitti waraanni mooraa seena, barataan 3:00 tti olseenuu hindanda’u, 5 booda immoo sababa malee mooraa keessa deemuun dhorkaadha.
Manni fincaanii dormi barataa irraa siqee ijaaramee jira, fknf yoo sa’atii amma jedhametti dhaqxe waaraana sana irraa gaaffii akka eessaa deemta?, maalhojjechuu deemta? sa’atii kana maa deemta? fi ulee sanaan dhahamuufi dhiitamuunillee nijira, kun anaanis namudatee argeera.Haalli kunimmoo jireenya egeree keenyaaf sodaachisaadha.Walii gala jireenyi barataa Oromoo moorichaa kana fakkaata
Yuunibarsiitii Jimmaa Keessatti Leenjii Barsiisotaa Akkasuma Barattootaa Kennamuu Qaba Jechuun Dhaga’ame Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa keessatti Leenjiin “Haaromsa gadi fagoo” jedhu jalqabuuf kan jiru yoo ta’u,barsiisotaaf bor irraa jalqabee kan itti fufu akkasuma barattootaaf illee kennamuu akka qabu murna bicuu Wayyaanee jalee Ishee OPDOn dhaadachaa jiraachuun himame. Haala ulfaata Uummanno keenya keessa jiru kanarti saatii diinaan wajjin yaada wal jijjiirru kan hin qabne ta’uu Qeerroo Moorichaa ifa godha.Walga’ii qaama mootummaan waamamu kam irraayyu hafuun akkasuma walgaayii diinaa irrati akka hin hirmaanne wal hubannoon barbaachisaa ta’uu dirqama Qeerroo moorichaati.