Asoosaa Keessatti FXG Barattootaan Galgala Kana Dhohee Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Qeerroo diddaaBitootessa 2,2017/ Darara humnaan olii Yuunibarsiitii keessatti irra gahaa jiru barattoonni Yuunibarsiitii Asoosaa Balaaleffachuuf humni Waraanaa nu hin daangessu jedhan haaluma kaleessaan walqabatee amma galgala kana ijollee mana amantaatii osoo galaa jiranii karaa nagaan, mirgi keenya nuuf haakabajamu, gaaffiinkeenya nuuf haa deebi’u jedhanii sagalee dhageessifachaa jiran irratti dhukaasa banuudhaan, barattoota kumaatamatti lakkaawwaman walitti qabdee jirti, barataama mooraa keessa soso’us qabdee itti dabalaa jirti, yeroo ammaa kanatti waraanni Wayyaanee fardasaanii yaabanii waliif gadi utaalaa jiru, barattoota kana maal gochuuf akka jedhan hinbeekamin jira.

Gama biraan Moora mana baruumsa high school keessati okoraa guyyaa kalleessa jechuun 01/03/2017 ka’een isiintu barrattota kakaase
jechuun barratta
1,Yohhannis Mitikkuu
2,Yonaas Jaallataa
3,Maatii Fiqaduu jedhamaan waajjira poolisii magaala Mandiiti ajajaa kumand post hiraarfama jiruu. Halkan edaas naannoo # Xanqiiti geessun reebicha hamma irraan ga’aa bulaan.

Kanuma waliin Godinaalee keessatti namoota nagayaa hidhuuf dararuun itti fufee jira,Godina Arsii Aanaa Suudee Magaalaa Cafaqoo keessaa dargaggoo Tolaa Bulloo  dargaggoota ijaaraa jirta jechuun guyyaa kaleessaa Roobii mana isaatii poolisonni fuudhannii bakki itti hidhame hin beekamne.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: