Waxabbajjii 10,2017 /Godina Addaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa Magaalaa Sabbatatti Xaa’oon namoota harka qalleeyyiidhaaf gurguramaa akka hin jirre maddeen oduu keenya gabaasanii jiru.akka gabaasni achii nu gahe addeessutti Xaa’oon gatii qaalii ta’uu irraa kan ka’e namoonni harka qalleeyyiin bitachuu akka hin dandeenye gochuun bulchiinsi magaalattii ummata ittiin saamaa jiraachuun dhagayamee jira
Monthly Archives: June 2017
Loltooti Wayyaanee TPLF Godina Lixa Shaggar Magaalota Gara Garaa Keessatti Ummata Jeeqaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Waxabajjii 10,2017, Godina Shaggar lixaa aanaa Ginda_barat,magaalaa Ginda baratii fi magaalaa Kaachisitti loltooti sirna Wayyaleenee uummata dararuu itti fufaa jiraachuu Qeerroo Gindabarat fi kaachisa gabaasan,erga baatii lamaa hanga amma galgaala galgaala yeroo Mara sa’a lamaa booda namni kamuu dandiirra deemuu akka hin dandeenye fi reebichi hamaa ilma namaaf hin barbaachifne akka uummata irratti raawwatamaa jiru gabaasi Qeerroon ni addeessa. Continue reading
SBO: Waxabajjii 11 bara 2017. Oduu, Gabaasa Oduu Warraaqsa FXG fi Dhimma Jijjiirraa Tartiiba Qubee Afaan Oromoo irratti Gaaffii fi Deebii Barsiisaa Namarraa Addaamuu waliin taasifame.
Aside
Ergamtichi Wayyaanee Lammaan magarsaa maqaa misoomaatiin uummata magaalaa Naqamtee goolaa akka jiru Qeerron gabaase.
Aside
Waxabajjii 9,2017/Ergamtoonni OPDO,f amanamoo ta’uun uummata oromoo nagaa dhorkaa turan ammas guutummaa golee oromiyaa keessa oliif gadi deemuun uummata oromootti gurra duuchuu isaanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan murni bicuu gogaa hoolaa uffachuun uummata oromoo bukkeetti fudhatama argachuuf jecha sobaan hololuun beekamu maqaaf peresdaantii mootummaa naannoo oromiyaa kan ofiin jedhu lammaan magarsaa torban kana guutuu godina wallagga bahaa magaalaa Naqamtee fi naannoo ishee keessa oliif gadi adeemuun maqaa misooma sobaatiin uummatatti hololaan lafa dhiphisaa jiraachuu isaa qeerroon gabaasee jira. Continue reading
Sagaleen Qeerroo Rakkoo Network Wayyaaneen Uumteen Guyyaa Muraasaaf Qilleensa Irraa Hafee Ture Amma Deebi’e.
Aside
SBO: Waxabajjii 09 bara 2017. Oduu, Waamicha Qabsoo ABO irraa dhiyaate fi Dhimma Jijjiiramuu qubee Afaan Oromoo irratti Gaaffii fi deebii Obboo Yaasoo Kabbabaa Hordofaa waliin taasifame -Kutaa xumuraa.
Aside
ONN: Gaaddisa Dhugaa Gaaffii fi Deebii Porf. Asmaroom waliin taasifame -Waxabajjii 6,2017 part 1
Aside
Magaalaa Jimmaa Keessatti Galii Gibiraa Kaffaluu diddan jedhamuun Uummatarratti Mana Cufuun Itti Fufe.
Aside
Waxabajjii 7,2017 Duulli karaa ergamtuu diinaa OPDO uummatarratti dalagamu itti fufuun, guyyaa torbaa oliif magaalaa jimmaa keessatti gibira kaffaluu diddan jedhamuun aangoo seeraan alaa fayyadamuun mana daldalaa uummatarratti cufuun itti fufe. Haalaa kana keessatti daldaltoonni danuun hanqina maallaqaaf jecha akka malee miidhamaa jiraachuun dubbatame.
Bakkeewwaan magaalicha keessaa irratti xiyyeffatamee cufamaa jiru Qocii, Ajiippii, Naannoo Ginjoo Guduruu, Jireen, Kuulloo Barrii fi kanneen kaan keessattillee duullu mana daldalaa samsuu cimee itti fufee jira
Qubeen Afaan Oromoo Qabsoon Argame Qabsoon Tikfama.
Aside
Bittootni Itophiyaa seenaan ummata Oromoo, aadaa fi afaan isaa akka hin dagaagne, hin baratamnee fi hin beekamne taasisuu irratti baroota dheeraaf hojjatan. Dhabama aadaa, afaanii fi seenaa ummata Oromoo irratti kan ofii dagaagfatuun akeeka bittootaa waan tureef wanneen eenyummaa Oromoo mul’isan hundi ugguramoo kan ittiin hin baratamne, ittiin hin hojjatamnee fi ittiin wal hin quunnamamne taasifamuun dhabamaatti dhiheeffamaniii turan.
Bittootni eenyummaa Oromoo dhabamsiisuuf yaalii ol aanaa godhan illee beektotni Oromoo garuu matayyaanis tahe gareen dhabama irraa hambisuuf gumaachi godhan ol aanaa dha. Afaan Oromoo afaan quunnamtii qofa osoo hin taane Afaan hojii fi barnootaa akka tahuuf yaaliin baroota dheeraaf adeemsisan milkaa’ee Afaan hojii fi kan barnootaa kan tahe waggoota 26n dura bara 1991 keessa tahuunis ni yaadatama. Continue reading
Akka Afoola Jibichaa fi Sardiida Gowwaa San Akka Hin Taane Cimsinee Of Haa Eeggannu!
Aside
Baarentuu Gadaa Irraa
Wayyaaneen Riirima,yoo of eeggachuu baatan urtee seentee nyaattee nama fixxi. Warri murna tana akka jiraamiyaattis ta’e, akka nama dhunfaatti amanee itti hiiqe hundi balaa adda addaaf saaxilameera, saaxilamaas jira. Murna tana waliin taa’anii waan faayidaa qabu haasa’uun,karaa haqaa fi nagahaan waliin dubbachuu fi mari’achuun darbees waliin hojjechuun gongumaa hin danda’amu. Wayyaaneen murna amanamtuu miti. Naa’umsa hin qabdu.Seeraaf hin bitamtuu. Hojiin ishii martuu hojii kijibaa fi waliin dhahanii yeroof rakkoo bira darbuuti. Walumaa galatti murni tun isa har’a jette boru, isa ganama jette galgala itti hin deebitu.
Murni haala kanaan waggoota 26n darbaniif ummata biratti beekamtu kan hojiin ishii ijoon hidhaa,ajjeechaa,saamichaa fi dararaa ta’e kunoo yeroo dhihoon as eenyummaa ishii isa dhugaa dhoksitee as bahuuf tattaafachaa jirti. Osoo ummanni yeyyii ta’uu ishii addabaabaayitti beekuu gogaa hoolaa haguggattee isinan moogsa jechaa jirti. Continue reading
