Baarentuu Gadaa Irraa
Wayyaaneen Riirima,yoo of eeggachuu baatan urtee seentee nyaattee nama fixxi. Warri murna tana akka jiraamiyaattis ta’e, akka nama dhunfaatti amanee itti hiiqe hundi balaa adda addaaf saaxilameera, saaxilamaas jira. Murna tana waliin taa’anii waan faayidaa qabu haasa’uun,karaa haqaa fi nagahaan waliin dubbachuu fi mari’achuun darbees waliin hojjechuun gongumaa hin danda’amu. Wayyaaneen murna amanamtuu miti. Naa’umsa hin qabdu.Seeraaf hin bitamtuu. Hojiin ishii martuu hojii kijibaa fi waliin dhahanii yeroof rakkoo bira darbuuti. Walumaa galatti murni tun isa har’a jette boru, isa ganama jette galgala itti hin deebitu.
Murni haala kanaan waggoota 26n darbaniif ummata biratti beekamtu kan hojiin ishii ijoon hidhaa,ajjeechaa,saamichaa fi dararaa ta’e kunoo yeroo dhihoon as eenyummaa ishii isa dhugaa dhoksitee as bahuuf tattaafachaa jirti. Osoo ummanni yeyyii ta’uu ishii addabaabaayitti beekuu gogaa hoolaa haguggattee isinan moogsa jechaa jirti.
Murni tun maqaa rakkoo siyaasaa Impaayeera Itiyoophiyaa keessa jiru mariin fixuuf kunoo qophaayeera jettee hololaa turte. Eerga qabsoon Oromoo finiinee ka’ee hudhee qabee as hololli gaggeessaa jirtu kanuma. Amma ammaatti wanti gadi bahee muldhate jiraachuu baatuus baatilee 6n darbaniif irra deddeebiin “rakkoo siyaasaa impaayeera Itiyoophiyaa keecha jiru ‘karaa nagahaan fixuuf kunoo dhaaba akkasii fi akkana jedhamu waliin marii gaggeessaan jira jechaa turte, jechaas jirti. Namoonni fi jaarmiyaaleen tokko tokkos; warri amala Wayyaanee hin beeknee fi osoo beekanuu ammoo aangoo nuuf qunxurti jedhanii abdi irra bulfatan holola kana hordofanii yoo deebi’anii waliin hololanis arginee dhagayaa turreerra. Haata’uutii Wayyaaneen yoomiyyuu amala ishii isa akka Riirimaa fi isa akka bifa Gaararraa jijjiramaa oolu san waan hin jijjiranneef mariin bitaa mirgaa irraa hololamaa ture sun kunoo amma ammaatti as buuten isaa dhabameera. Eenyummaan wayyaanee inni dhugaa sunis kunoo deebi’ee ifa bahee warri marii gaggeessaa jirra jedhee hololaa ture sun deebi’ee kunoo wal abaraa fi wal himachaa jiru. Mormitoonni maqaafillee ta’u xiqqoo Wayyaaneedhaan ni mormu jedhaman hundii isaanituu har’a marii kana keessaa bahaniiru. Shiraa fi daba Wayyaaneen deemtuun hubachuu dhabuun marii jedhanii Wayyaanee waliin yeroo isaanii gubaa turuttis gaabbii qaban argisiisaa jiru.
Wayyaaneen dhuguma karaa nagahaa rakkoo biyya sanii fixuuf fedhii qabaattee osoo hin taane dhiibbaa ykn dhiphuu qabsoon Oromoo itti bulcheen akka holola kana fidde namni hin beekne hin jiru.Sabboontoonni,qabsaawoonni dhugaas kanuma hubachuun marii irraa hololamaa ture kana calqabumarraa balaaleeffachaaf dubbii shiraa ta’uu ibsaa turan. Hololli kun holola fakkeessii ta’uu isaa ibsaa turan. Kan jedhame hin oolleetii kunoo oolee osoo hin bulin paartileen akka Madrak,Samaayaawii paartii fi kanneen biroo marii Wayyaanee kana dhiisanii bahan. Haalli kun ammoo caalaatti wayyaaneen bineettii yayyii gogaa hoolaa haguggattee shira dalagaa jirtu ta’uu caalaatti muldhise, mirkaneesse.
Akkuma argaa fi dhagahaa jirruttis marii hololamaafii ture kana keessatti kan hafan Wayyaanee fi ergamtoota ishiiti. Warri yeroo ammaa kana maqaa dhaabolee mormitotaatiin Wayyaanee waliin daldalaa jiru fakkeessitoota maqaa mormituutin Wayyaaneen ijaartedha.Isaaniis warra qallaba Wayyaaneerraa safaratuu kan akka paartii Ayyalaa caammisoo qinjiti, kan akka Iraappaa ykn itiyoophiyaa raa’iyyi paartii kan tashaalee sarboon hogganamu, IDPA,MI’AD fi kan faffakkaatan warra saba kamuu bakka hin buuneedha. Isaantu maqaa ummattoota itiyoophiyaatin Wayyaanee waliin daldalaa jira.
Warri yeroon beekkatee biraa deebi’e deebi’eera. Inni didee wayyaanee amanee faana foqoqe ammoo oolee haa bulu malee dubbii afoola Oromoo keessa jirtu kan Jibichaa fi Sardiiddoo gowwaa santu irra gaha.Sardiinni gowwaa fi qalbii dhabeettin takka Buriin Jibichaa citee naaf bu’een nyaadha jettee osoo jibicha jala deemtuu itti dhihe jedhama. Sardiinni qalbi dhabeettiin tun galgala yoo jibichi ykn kormi gara mooraa isaa galuu deemus abdii kutachuu dhabuun ammaa amma naaf bu’een burii korma kanaa nyaadha odoo jettee faana deemtuu mooraa namaa seente. Abbaan moorichaas sardiida mooraa isaa seente tana argee reebee ykn dhaanee ajjeesse jedhama. Kan wayyaaneerraa abdii kutachuu didee faana joorus kan xumura isa eeggatu kanuma. Xumurri isaa akkuma sardiida gowwaa fi qalbi dhabeettii sanii harka wayyaaneetti bada. Kanarraa ka’uun yeroon Wayyaaneerraa fagaatanii halaalatti ofirraa ittisuun darbees ofirraa buusuf qabsaawuun dubbii fardii fi filannoo hin qabnee dha.
Akka seenaan lafa kaa’ee darbetti mootonni Itiyoophiyaa nagaha hin beekan, nagaanis aangotti dhufanii hin beekan.Karaa Nagaanis aangorraa bu’anii hin beekan. Deemsi akkasi aadaa isaaniitii miti. Aadaan isaanii abbaan ilma ajjeesee aangoo abbaasaa fudhachuu, obboleessi obboleessa ajjeesee aangoo fi qabeenya isaa dhaalu dha. Eeyyee aadaan Habshoonni ittiin beekaman kana.Kanarraa ka’uun mootummoota Habashaarraa,keessumaa ammoo murna akka Wayyaanee irraa nagaa barbaaduun,karaa nagahaa dubbii fixanna jedhanii abdachuun of gowwoomsudha.Waan ta’us,waan yaadamus miti. Akka sardiida qalbii hin qabnee san ta’u dha. Bara saamichaa fi ajjeechaas ofumaaf ofirratti dheeressu dha. kan ta’uu qabu Wayyaanee akka dhuftetti deebisuudha.
Warri har’a ykn bor Wayyaaneen aangoo nuuf qooddi jettanii jala yaatanis osoo of gowwoomsuu ykn ofiin taphachuu baattanii dansaa dha. Halli darbee fi jiru isin barsiisuu, isin jiilchuu qaba.Waan hin milkoofneef badheetti ykn ashufeetti dadhabuun yoo Wayyaanee ta’e malee nama biraa waan fayyadu hin qabu. Jaarmiyaaleen biyya keessas ta’e biyya alaatti of ijaartanii ummata akkasii fi akkanaatif qabsoofna jettan amala Wayyaanee isa dhugaa dagachuu hin qabdan. Wayyaaneen qabsoo Oromoo FXGtin dhiphattee afaan nagahaa fakkeessuuf haa haasoftu malee keessi ishii yayyiidha, yayyii gogaa holaa haguggattee isinitti deemaa jirtuudha. Oolee osoo hin bulle isin nyaatti. Yoo dandeechan biraa deebi’aa of hin nyaachisina. Keessumaa warri Wayyaaneen aangoo nuu qooddi jettanii hamuummatan odoo hamaan afaan isin hin bu’iin osoo afaan walitti qabattanii gaaridha. Habjuun kun habjuu hin milkoofnesi.
Wanti gadi fageenyaan hubachuu qabdan ( warri wayyaanee waliin mariitti jirtan ykn yaaddan) odoo isin karaa nagahaa haasa’aa jirra jettanuu isinuma dhaabolee marii kana keessa jirtan keessaa miseesnota meeqatu Wayyaaneedhaan hidhame,ajjeefame, meeqatu dararme..? baayye dha. kun ammoo Wayyaaneen Riirimaa ta’uu muldhisa, kunoo isin seentees walirratti isin ijaaraa, afaan wal isin wallaalchisaa fi wal isin nyaachisaa, wal isin shakkiisiisaa, walirrattis akka holotan isin godhaa jirti.tuffatamaas jirtu.
Egaa Jaarmiyaaleen saboota akkasii fi akkanaatif qabsoofna jettan keessumaa kan ani Oromoodhafan qabsaawa jedhu dhugaa kana hubachuun of baraaruun akkaan barbaachisaa dha. Wayyaaneen tasumaa murna karaa nagahaa filannoo fi marii taasifamuun uumataaf aangoo gadi dhiiftuu miti. Deemsi Wayyaanee kan waggoota 26s kanuma mirkaneessa. Murni tun wliin dhahaa, kaan horiin afaan qabsiisaa, kaan hololaan, kaan ammoo hidhaa fi ajjeesaa as geeche. Bara bittaa fi saamichaas dheereffatte. Wayyaaneen sobduu, fakkeessituu fi dhaaba amala dhaabbata hin qabneedha.Murni tun kijibduu,waliin dhooftuu fi gantuudha. Dhugaa kana argaa fi dhagahaa ammoo Wayyaanee waliin yaa’ii taa’uun of salphisuudha. Waraabechaaf dabarsanii of kennuudha. Dhimma uummataatii mitii wayyaanee waliin dhimma dhuunfatuu mari’achuun hin danda’amu. Murn akkanaa waliin mari’achuuf karoorfachuun ammoo calqabumarraawuu yakka.Diina halkanii guyyaa kijibu,akka bifa gaararraa daqiiqaa, daqiiqaan amala isaa jjiraturraayis abdii kutachuu dhabuun, of tuffachiisuudha malee bu’aa biraa hin qabu. Ummata qabsaawafii jirra jedhanirratti bara gabrummaa fi saamichaa dheeressuu dha. Addatti ammoo jaarmiyaan dhimma ummata Oromoo karaa nagahaa Wayyaanee waliin haasa’een fixa jedhu yoo jiraate dhimma ummata Oromootii miti nageenyuma jaarmiyaa isaatifuu waan hin tolleef yoo yeroon irraa dhaabbate dansaadha!
Kana ta’uu baannaan xumurri jaarmiyaas ta’e nama dhunfaa wayyaaneetti michee akkuma sardiiddoo buriin jibichaa ykn kormaa amaa .. amma naaf bu’een nyaadha jettee osoo jala deemtuu mooraa namaa seentee xumurri uleen dhaanamtee duutee san ta’a. Kanaafuu namni Wayyaaneetti miche kamuu dogongora seenaa ofirratti hojjechaa jirurraa yaa bakka gahetti dhaabate, darbees yoo qabsoo eegalame FXGtti makame; murna cunqursaa raawwachaa jirtu tana xumura itti gochuu keessatti gumaata tokko ta’aatii of haa sakatta’uun dhaamsa fardii fi yeroon kennamuu fi hin qabneedha.
Reblogged this on OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA.