Loltooti Wayyaanee TPLF Godina Lixa Shaggar Magaalota Gara Garaa Keessatti Ummata Jeeqaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Waxabajjii 10,2017, Godina Shaggar lixaa aanaa Ginda_barat,magaalaa Ginda baratii fi magaalaa Kaachisitti loltooti sirna  Wayyaleenee uummata dararuu itti fufaa jiraachuu Qeerroo Gindabarat fi kaachisa gabaasan,erga baatii lamaa hanga amma galgaala galgaala yeroo Mara sa’a lamaa booda namni kamuu dandiirra deemuu akka hin dandeenye fi reebichi hamaa ilma namaaf hin barbaachifne akka uummata irratti raawwatamaa jiru gabaasi Qeerroon ni addeessa.

Kunakkumaa lafa oromiyaa saba oromoo irraa buqqisaa, saboota biraaf takkuun hiruu jiruttibarate,ummata keenyarrattis reebichaaf dararaa hamaa irratti rawwachuun akka sabni oromoo qee’ee Isaa isee godaanu,akka of jibbu,akka Abdii kutaatu yaadanii duguuggaa Sanyii ajjeechaa fi hidhaan ummata dadhabnaan,Warren du’aa fi hidhaarra hafan reebichaan dararaa jiraachu uummanni sarbaman ni dubbatu ykn wawwaatataa jiru.

   Kun tadhus Sirna wayyaanee guyyaa lama sadii bulchuu dandaadha malee,boolla kufaatiishee akka gadi fageessu jirtu hin barre kun laphee ilmaan oromoo keessatti hadhaa qeerroo, qarree fi saba oromoo keessatti kulkuulse jiru kana gama kamiinuu duuba hindeebinu jechaa jiru qeerroon.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

%d bloggers like this: