Waxabajjii14/2017, Godina Harargee Bahaa Aanaa Haramaayaa Keessatti Daa’imman Saantima argattan baankitti qusadhaa jechuun dirqisiifamaa jiru.Wayyaaneen kisaaraa diingdee isii mudate jalaa bahuuf Ummata Oromoo xiqqaaf guddaa osoo hin jenne saamaa jiraachuun kan beekamuudha.Magaalaa Haromaayaa fi gandoota magaalichaa hunda keessatti Daa’imman walitti qabamuun akka maallaqa guyyarraa argatan baankii daldala Itoophiyaatti qusatan taasifamaa jiraachuu maddeen keenya Haramaayaa irraa nuuf gabaasanii jiru Continue reading
Monthly Archives: June 2017
Wallee Warraqsaa haaraa Weellisaa Bariisaa Dabareetiin,”Ittuma hiiiqii diina dhiigi” 2017
Aside
SBO: Oduu fi Qophii Addaa Guyyaa Hundeeffama Sagalee Bilisummaa Oromoo(SBO) Waggaa 29ffaa ilaallatu Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.
Aside
SQ- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Waxabajjii 13, 2017
Aside
Qubneen hin jijjiramne jechuun dabballoonni Wayyaanee Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadarii fi bakkoota adda addaa keessa deemuun ummata afaan fajjessaa jiru.
Aside
Waxabajjii 123,2017/Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadadar keeysattis Mootummaan Wayyaanedhaa Maatii Barattootaa manneen barnootaa aanichaa hunda keeysatti walitti qabdee qubeen wahiituu hin jijjiiramne sobanii umnata fincilsiisuuf odeessuutti jiranii ujoolleen teeysan oduu tana jala deemanii ergaa humnoota badii akka galmaan hin geenye jechuun ummata keenya kijibaa jiraachuun dhagayamee jira. Continue reading
HAMMEENYAA FI SHIRA DIINAA , DANTAA OFIITTI GEEDDARUUN ABSHAALUMMAADHAA!!
Aside
S
EENAA Y.G (2005)
Har’aa bakka kaleessaa hin jirru . amana dheeraa deemneerra. Wareegama ulfaataa itti kafalaa jirra. Addatti dhalooti har’aa gootummaa addaan ummata isaa kabachiisaa jiraa. Qabsaa’oon gama hundaan waan irraa eegamu bakkaan ga’uuf halkanii guyyaa hojjachaa jiru. qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti kan hin deebinee ta’uu, warra abbaa dhimmaa osoo hin taanee addunyaatu jala muree jira. Gootummaan gama hundaan Biyya keessatti rawwatamaa jiru, hegaree seenaa kijibaa Biyya Itooophiyaaf kan xumuraati. Warri kaleessa , “warra Biyya diigan” jedhanii quba nutti qabaa fi qabsoo keenyallee fira dhabsiisuuf joonja’aa turan, har’aa Biyyatti maqaa hedduun waaman san, qarqara boollaan ga’anii jiru. miidhaan yoomillee qabsoo dhalchaa. Hacuuccaan diddaa uuma. Wayyaanoonnis ta’an waa’eellan isaanii, kan raawwataa jiran kanuma. Continue reading
“Jal-Bultii Bilisaa” Walaloo
Aside
Waggaa 28 Guutuu Sagalee Ummata Cunqurfamaa Ta’anii Tajaajiluun Ciminaa fi Cichoominarraa madda!
Aside
Baarentuu Gadaa Irraa
Isa dhaabbataniif ammanummaa fi jab
inaan falmuun kabajaa namaa laata, Injifachuunis hin oolu. Kaayyoof wareegamuun oolee haa bulu malee gatii guddaa qaba. Namni ykn jaarmiyaan kamuu, eeyniyuu dhugaaf cichinaan milkiin kan isaati. Injifataanis isa.
Isa dhugaa dubbatu, isa haqaaf dhaabbate, isa walqixxumaa fi bilisummaaf falmu inni haqa dabsu, inni nama ajjeesee saamu, inni kijbu hin jaalatu. Haqa dabsaa fi kijibaan karaa isaa danda’ame hundaan sagalee nama dhugaa dubbatuu ukkaamsuuf yoo tattaafatu argaa fi dhagahaa jirra. Kijibdoonni sobaa fi holola fakkeessii afarsaniin sagalee dhugaa ukkaamsuuf yaalaa turan, yaalaas jiru. Horii dhanglaasanii dhugaarra aanuuf tattaafatu. Wayyaaneen impaayeera itiyoophiyaa bulchaan jira jettus wanti ishiin waggoota 26n darban raawwachaa turtee fi jirtu kanuma. Haqa dabsuuf, sagalee ummataa ukkaamsuuf wanti murni tun hin raawwatin hin jiru. Keessumaa SBO fi Sagantaa TV Gaaddiisa dhugaa jedhamu irra deddebiin ukkaamsuuf yaaltee jirti. Continue reading
ONN: Diinqa Oromoo – Jaalala Summii
Aside
Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Manneen Barnootaa Irra Deemuun Ummata Afaan Fajjeessaa Jiru.
Aside
Waxabajjii 11,2017 /Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Dilbataa har’aan tana Manneen barnootaa araddaa hunda keeysa jiranitti barattoota walitti qabdee Qubeen jijjirame jedhanii miidiyaalee hawaasaatiin dubbatan waan hin jirre barnoota keeysan malee oduu biyya keeysaa fi alaa hafarfamtutti gurra keeysan hin kenninaa kana kan gochuutti jiru qaamolee nageenya biyyattii hin barbaannedhaa jechuun kijibaatti oolanii jiru. Continue reading