HAMMEENYAA FI SHIRA DIINAA , DANTAA OFIITTI GEEDDARUUN ABSHAALUMMAADHAA!!

SAlaabaa ABOEENAA    Y.G   (2005)

Har’aa bakka kaleessaa hin jirru . amana dheeraa deemneerra. Wareegama ulfaataa itti kafalaa jirra. Addatti dhalooti har’aa gootummaa addaan ummata isaa kabachiisaa jiraa. Qabsaa’oon gama hundaan waan irraa eegamu bakkaan ga’uuf halkanii guyyaa hojjachaa jiru. qabsoon Oromoo gonkumaa duubatti kan hin deebinee ta’uu, warra abbaa dhimmaa osoo hin taanee addunyaatu jala muree jira. Gootummaan gama hundaan Biyya keessatti rawwatamaa jiru, hegaree seenaa kijibaa Biyya Itooophiyaaf kan xumuraati. Warri kaleessa , “warra Biyya diigan” jedhanii quba nutti qabaa fi qabsoo keenyallee fira dhabsiisuuf joonja’aa turan, har’aa Biyyatti maqaa hedduun waaman san, qarqara boollaan ga’anii jiru. miidhaan yoomillee qabsoo dhalchaa. Hacuuccaan diddaa uuma. Wayyaanoonnis ta’an waa’eellan isaanii, kan raawwataa jiran kanuma.

Qabsoon Oromoo sadarkaan inni irra jiru ifaadhaa. Har’aa waa hedduun irra aanaa jirra. Keessi keenya tasgabbaa’aa fi xaliila’aa deemaa jira. Yeroo hundaa bu’aa ummataa ilaalaa deemnaan , wacci warra murnootaa essallee akka hin geenye hubachuun nama hin dhibu. har’aa qabsoon keenya kan nu akeeku isa kana. Warri muraasnii walitti dhufanii kan wacan irra, waan wareegamni itti kafalamee sadarkaa amansiisaa irra ga’ee waan jiruuf, isa irratti xiyyeeffatanii hojiin of argisiisuu qofaatu furmaata . Qabsoon Oromoo qaamaa qalbiin hojiin mul’achaa deemuun, eenyufillee sodaadhaa. Warra hojii malee karaa qaxxaamuraan akkuma diinaa ummata kana tu’achuu barbaadaniif dhumataa dhufee jira.

Diinni yeroo kamuu ummata irratti miidhaa fi shira heddummeessaa ykn jabeessaa deemnaan, mo’amaa jiraachuu isaa ykn ummati sun mo’aa jiraachuu isaa amanuu barbaachisa. wayyaaneen har’aa hammeenyi itti jirtu, shirri itti jirtu, hololli itti jirtu kkf hundi isaa wayyaaneef dhumachuu isaa kanneen mirkaneessaniidha. keessi wayyaanee yeroo isaa eeggatee burkutaa’ee jira. gama hundaan laamsha’aa jirti. Inumaa miidiyaa qofa irra jirti. Hidhaa fi ajjeechaan, komaandi postiin hundumtuu lubbuu ofii dheereffachuu irratti kanneen sgaggeeffaman ta’aani jiru. keessa keenyattis kanneen rakko uuman hundumtuu yeroo isaatti bakka isaanii qabachaa jiru. kun ammoo waanuma eegamaa ture. waan maraafuu kan keessa keenyaa boriif bulchinee, hammeenya diinaa dantaa ofiif akkatti oolfannu haa ilaallu.

Baatiilee lameen kana Ummata Oromoo irratti shirri fi hammeenyi gaggeeffaman heddummaachaa dhufuu argaa jirra. Maddi Hammeenya kanaa jabaachuu keenyaadhaa. Akka walii galaatti wayyaaneen Oromoo irratti daboo kadhachaa jiraachuu bifa adda addaan argaa jirra. Mee tokko tokko haa ilaallu

  1. DAANGAA OROMIYAAN WAL QABSIISEE KA TURE..

Wayyaaneen Daangaa Oromiyaa marsitee walitti bu’iinsa uumuuf shiroota kana hin jedhamnee yaalaa jirti. Addunyaa irraa kan akka Ingilizii fi xaaliyaanootaa shira namaaf dalaguu hin jiru jedhama. Bara kolonii daangaa biyyoota hedduu keessatti sararra jedhanii dhuka’aa waggoota meeqa booda dhohuu awwaalanii hanga har’aatti Biyyootaa fi saboota wal nyaachisaa jiraatu jedhama. Daangaa wal keessa dhahanii jechuudhaa. Wayyaaneenis Shirri itti jirtu kanuma. Daangaan qabattee saboota ollaa oromiyaa jiran hundaa kaasuu fi Oromoo irratti duulchiisuu barbaaddii. Hanga ammaatti garuu hin milkaa’iniif jira. Kanaaf adeemsa wayyaanee kana dhimma itti ba’uun , injifannootti nu geessa. Saboota kana akkaataa itti amansiifnuu bilchinaan itti dhihaachuu fi irratti hojjachuu barbaachisa. dippilomaasii akkasii hojjachuuf dhalli oromoo bakka jiru maratti dippilomaatii Oromiyaa ta’ee hojjachuu qaba. shira wayyaanee kana fashalsuun hojii keenya isa tokkoffaa yennaa ta’uu, saboota kana caalaatti hegareef abdachiifnee wayyaanee harkaa baafachuun ammoo hojii keenya lammaffaa ta’uu qaba. adeemsa nurraa eegamu hundaa raawwachuun barbaachisaadhaa, haloo hegaree keenyaaf hin tollee wayyaaneef jennee raawwannaan ofuma miinaa qalbifadhaa. Gonkumaa madda rakkoo nuu fi saboota gidduu ta’uu hin qabnu. Shira wayyaanee kanaan, carraa keenyaa tolfachuu ni dandeenya.

  1. DHIMMA AMANTIIN WAL QABATEE ,,,

Dhihenya kana warri qalbiin jalaa baddee fi bakkuma itti hirkatan hin beeknee, “IRREECHA” abaaruu fi mormii gama hundaa kaasee jira. Dadhabiinni isaanii isaanumaaf dhiifna. Waan isaan barbaadanis isaanumaaf dhiifna. Waan ifumatti dhufee kana ofirraa deebisuuf akka ummataattii mormuun mirga. Waan umamee kanatti dhimma ba’anii kan boru dhufuuf maluuf hojjachuun ammoo hunda caalaa. Amantii kamirraayyu haa ta’uu, hammeenyii akkasii yennaa ka’uu, gonkumaa jarjarree waldaa amantii Sanaa abaaruu fi sochii hin taanee irratti gaggeessuun hin tolu. shirri wayyaanee keessa jiraannaan milkeessuu ta’aa. Hammeenya namicha waa dubbatee Sanaa ykn charchii Sanaa qofaa ilaallee arrabsoon gadi baana taanaan, obboleessa keenya amantii sana keessa jiru , garuu qabsoo kana keessatti gumaachaa taasisun wal dura dhaabbachuu ta’aatii itti yaadu barbaachisa. kanaaf boruu karaa amantii kanaa qofa osoo hin taanee, karaa waldaalee amantii hedduu kun dhalachuu danda’aa. Kana gama kamiin irratti hojjannaa jedhamee irratti hojjachuu barbaachisa. hegareen keenya ifaadhaa. Kan maraatu hundumtuu harka keenya keessa jira. gonkumaa wayyaaneef mijachuu hin qabnuu.yeroo tokko tokko iyyi ragaa namatti ta’aa. Shakkamaa tokkoffaallee nama taasisa. Waan hojjachuun barbaachisu lohanii hojjachuun waa hedduuf nama gargaara.nama gufuun dhooftee ajjeeseef  nuuti shakkamuun dansaa miti.waan har’aa of tuulummaa isaanii akka dansaatti mul’isaa jiru kanatti dhimma bahaanii dhugaa ofii dhageesifachuu irratti haa hojjannu. Boruus shiroonni akkasi ni daddabalamu. Har’umaa iggitii sirri itti gochuuf fageessanii fi bilcheessanii irratti hojjachuu barbaachisa.

  1. TEEDII AFROO ILAALCHISEE :

Wallisaan kun Oromoof diina tokkoffaa ta’uu ega hubannee bubbullee jirra. Isa inni bara baraan nu abaaruu kana dhaggeeffannee, baruma baraan abaaraa jiraannaa ? yoo boruu dantaa isaaf jedhee nu faarsee ni faarsinaa ? wellisaan kun Tediroosii fi miniiliik ummata keenya fixan faarsaa mitii ? jarri nu fixan kun warra isaan jaallatamuun faarfamuun waggaa 150 ol ta’ee jira. Maarree kan isaa maa nu gubaa ? kaanirra maaliin adda ?gurbaan kun waggaa 15 asi warra itoophiyaa irrayyuu warra tiwulidda itoophiyaawwii fi Ertiraan faarfama. Hedduun isaanii baayyee jaalatuun . wanni nama gaddisiisuu garuu kaaseeta isaa duraa irratti , “ Arbi lama yoo wollolee lafa isaatu miidhamaa” jedhee bara lolaa Sanaa wayyaanee fi shaabiyaa irratti qoosee. Albama isaa ammaa irratti ammoo, “Gaala koo karaa marab (kaabaa) bishaan dhugsiisuu dhaqinaan, haada kuttee najalaa baddee achumaan haftee” jedhee wellisee jira. Lammilee Ertiraa hedduu aarsee jira. Warra Ertiraaf Gaala jechuun , ODAA nuuti jaalannu jechuudhaa. Chaappaan isaaniyyuu Gaala of keessaa qaba. Gaalli bara qabsoo san Imaanaa guddaa irraa qabdii. Kanaan isaanitti qoosee. Egaa nama akkasii waliin atakaaroo seenuurra, warra akkasii kana maal goona ? jedhanii irratti hojjatanii furmaata dhaloota itti aanufillee tolu maddisiisuu wayya. Isa waliin iyyu irra, waan isayyu iyyisiisee jabeessuu irratti hojjachuu wayyaa.kanaan isaan moona.

  1. DHAABBILEE SIYAASAA ADDA ADDAA WALIIN HAASA’UU

Dhaabbileen siyaasaa Oromoo hedduu . (opdo osoo hin dabalannee). Dhaabbileen siyaasaa kun heddummaachuu isaanii kun namoota hedduu aarsaa. Ani garuu hin aaru . akka lamaattin ilaalaa. inni tokko. yaadii tokko ta’uu iyyuu kan dhalatuu baayyachuu irraatii. Baayyachuun rakkoo inni  uumuu yennaa hubatan tokkummaatti dhufu isa jedhu, inni 2ffaa ammoo, baayyachuu sanaaf ulaagaan jiru maalii ? maqaan baayyateef, jiru jennamoo , hojjatanii jiru jennaan ? kun keessa keenya ilaallataa yeroo isaatti itti deebina . garuu dhaabbileen siyaasaa Oromoo dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaaf dhaabbatanis ta’uu kanneen biroo waliin yennaa wal galtees haa ta’uu, waliin hojjachuu yaadan, yoo ofiif yaannaa ta’ee, arrabsoon maaliif dursa. ? waan dabree irraa barannee ofitti amanamummaa qabaachuu qabnaa . ebaluun ebaluu waliin …….hojjachuuf deemaa maaliif calliftuu, ? abaaraa !! jedhamee maaltu argama ? itti haa yaadinu. Qabsoon keenya dhiiga ijoollee keenyaan bakkanni ga’ee jiru, waan akkasiif kan nu sodaachisuu fi nu yaaddessu miti. dubbii fi shirri kamuu dhoksaan gaggeeffamtuu , yeroo isaatti ija baasee dhufuun isaa hin hafu. Yeroo sana Ummata isaa dursuu fi dhiisuu irratti wal falmina. Sadarkaa diina hollachiisaa jirrutti , waan xixiqqoof of taajjabsiisuun hin taatu. Dursinee argamuu qabnaa. Waan duubatti nu harkiftuu hundaa qalbiin irratti hojjachuu qabnaa. Dhala ofii dhiitichoo fi kaballaan deeffatan jennaan, diina soorra hubadhaa,

Walumaa galatti waan diinnis , firris nu miidhuuf hojjatu , dantaa ofiif olfachuun ni danda’ama. Madda fincilaa fi tarkaanfii godhachuun ni danda’ama. Carraa jirtu hundatti dhimma itti ba’uu haa barannu. Nama ofa ajjeesee, reeffa isaa mana murti hin geessan ykn hin dhiheessan. Yaaduma ka’umsaan kaa’ee. Bal’ifatanii dhimma itti ba’uun ni danda’ama.

HORAA BULAA !!!

 

1 thought on “HAMMEENYAA FI SHIRA DIINAA , DANTAA OFIITTI GEEDDARUUN ABSHAALUMMAADHAA!!

  1. Pingback: HAMMEENYAA FI SHIRA DIINAA , DANTAA OFIITTI GEEDDARUUN ABSHAALUMMAADHAA!! – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s