

Waxabajjii 123,2017/Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadadar keeysattis Mootummaan Wayyaanedhaa Maatii Barattootaa manneen barnootaa aanichaa hunda keeysatti walitti qabdee qubeen wahiituu hin jijjiiramne sobanii umnata fincilsiisuuf odeessuutti jiranii ujoolleen teeysan oduu tana jala deemanii ergaa humnoota badii akka galmaan hin geenye jechuun ummata keenya kijibaa jiraachuun dhagayamee jira.Gama biraanWayyaaneen Qabeenya Ummata keenyaa saamtee erga fixxee booda wal gargaaraa jettee Ummata keenya kan beelaf saaxilameef kadhaaf gandarra lafa martee unmata dararaa jirti.Godina Baalee keessatti Qamadiin Omishamu guutuu biyyattiitif gahaa ta’ee osoo jiruu shira wayyaanee OPDOn xaxxeen ummanni keenna beela hamaaf saaxilamuun yeroo ammaa kadhaaf saaxilamuun dhagayamaa jira.bifuma wal fakkaatun Godina Arsii Aanaa Martiittis ummanni beelaf saaxilamee kadhaaf wayyaanen hojii ittiin argattee ummata keenya kan ufii mitii ormaayyu qarqaaru Aanota hedduu keessatti qarqaarsa funaanudhaaf ummata durqamsiisaa jiraachuun dhagayamaa jira
Karaa biraa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee Bulchiinsa magaalaa Duukamitti Ayyaana liigii dubartoota OPDO 9ffaa jechuun wal gahii gandoota magaalichaa hundarraa dubartoota waamtee osoon milkaayin hoonhoftee galuu maddeen keenya gabaasanii jiru.akka odeessi achii nu gahe addeessutti itti gaafatamtuun ijaarsa Dhaabaa Aadde Geexee Leenjisoo dubartoota hanga wal gahiirratti argamaniif haasawa goote keessaa dubartoonni waan hundaafuu murteessodha ijaarsa biyyaa fi diigumsa biyyaatifis kan gahee guddaa bahuu danda’u dubartoota kanaafuu ummata keenya fuula isaa gara misoomaa deebisuurratti gahee keessan bahaa Oduun tibbana miidiyaalee tokko tokkoon qubeen jijjiirame jechuun odeeffamus soba jechuun ummatatti kijibaa ooluun dhagayamee jira
Haaluma wal fakkaatuun Godina Arsii Aanaa Jajuu Gandoota hedduu keessatti wayyaanen Maatii barattootaa walitti qabdee Qubeen hin jijjiiramne jechaanii kan jirtu yoo ta’uu gabaasni suuraa achirraa nu gahe kun kan ganda Waaguddaa Gurrooti
Pingback: Qubneen hin jijjiramne jechuun dabballoonni Wayyaanee Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadarii fi bakkoota adda addaa keessa deemuun ummata afaan fajjessaa jiru. — QEERROO | tokkumma
Reblogged this on OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA.
Pingback: Qubneen hin jijjiramne jechuun dabballoonni Wayyaanee Godina Harargee Bahaa Aanaa Dadarii fi bakkoota adda addaa keessa deemuun ummata afaan fajjessaa jiru. – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA