Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Manneen Barnootaa Irra Deemuun Ummata Afaan Fajjeessaa Jiru.

Waxabajjii 11,2017 /Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Dilbataa har’aan tana Manneen barnootaa araddaa hunda keeysa jiranitti barattoota walitti qabdee Qubeen jijjirame jedhanii miidiyaalee hawaasaatiin dubbatan waan hin jirre barnoota keeysan malee oduu biyya keeysaa fi alaa hafarfamtutti gurra keeysan hin kenninaa kana kan gochuutti jiru qaamolee nageenya biyyattii hin barbaannedhaa jechuun kijibaatti oolanii jiru.

Gama biraan Godina Arsii Magaalaa Asallaa keessatti Wayyaaneen Ummata Salaataaf gara Masgiidaa deemu keessattuu dargaggoota qabdee mana hidhaatti guuraa jirti.guyyaa har’aa galgala namoota magaalattii keessaa qabanii hidhaa fi reebaa kan jiran yoo ta’uu namoonni galgala kana Salaata Taraawii salaatee galaa jiru keessaa kan hidhaman Dargaggoo Huseen Aliyyii Fatoo,Jamaal H/ Aliyyii Fatoo Jibriil / Amaan Cirrii, Shamsaddiin Abduljabbaar Muhaammad,Seeyfuu Bakar Aliyyii , Heeydar Hajjii Kamaal kanneen jedhaman kan ammaaf maqaan nu gahe keessaa yoo ta’uu maalirra akka gayan hordofnee kan isin beeksifnu ta’a jechuun Qeerroon Magaalaa Asallaa Gabaasee jira.

kana malees Godina Baalee Aanaa Gaasaraa fi Aanaa Dalloo mannaatti OPDOn Abbootii Qabeenyaa Dhalootan Oromoo ta’an Lafa investmentii jettee duraan kadhattee kenniteef Irraa Lafa isaanii saamaa jiraachuun dhagayamee jira.akka gabaasni achii arganne addeessutti Abbootiin qabeenyaa kunniin miseensita Adda Bilisummaa Oromoo ABOti jechuun qabeenya isaanii irraa saamaa jiraachuu fi qabeenya isaanii qisaasessuuf akka ta’es dhagayamee jira

1 thought on “Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Manneen Barnootaa Irra Deemuun Ummata Afaan Fajjeessaa Jiru.

  1. Pingback: Godina Harargee lixaa Aanaa Masalaa Keeysatti Ergamtoonni OPDOdhaa Manneen Barnootaa Irra Deemuun Ummata Afaan Fajjeessaa Jiru. – OROMIYAAN WANOFITIABBAATUU EGATAA

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s