Video

University Haroomaayaa keessatti WBOn maal akka tahe wallaaluu irraan kan ka’e Ergamtooti Wayyaanee hojjettoota mooraa jeeqan.

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu Horroo ,Muddee 10,2011

Basaasonnii fi ergamanii bultooti Wayyaanee yeroo ammaa kanatti beekumsi siyaasaa fi Oromummaa guddoo waan isaan hanqatuuf jecha,dhaabotii siyaasaa fi kanneen bilisummaa sabaaf qabsaayan illee adda baafatanii waan hin beekneef jecha,Oromoon afaan Oromoo dubbatee fi Oromoon sabboonaa tahe akkasumas barattooti Oromoo University fi college baratan hunda yoo barbaadan WBO gaafii ammo ABO yoo fedhanis jecha daldala siyaasaaf jedhee Mallasaan baafate shororkeessituu jechuun yaamu. Haala kanaan mooraa University Haromaayaa keessatti hojjettoota tahan waan ittiin yakkan dhabuun ykn wallaaluun WBOn akka mooraa keessa jiru fakkeessanii WBO nyaachiftu jechuun sabboonoo yakkuu eegalanii jiru.

Akka kanaan ergamtooti Wayyaanee TPLF hojjetaa Mana nyaataa Yuunivarsiitii Haramaayaa kutaa Mana nyaataa Musliimaa kan ta’e Oromticha Obbo Maammed Abdullaah kan jedhamu waraana Bilisummaa Oromoo(WBO) Kaardii guutta jechuun yakkanii Muddee 8,2911 Halkan mana isaa irraa fuudhanii gara Magaala ciroo geessuun erga gara malee reebanii booda Magaala Haramaayaatti deebisuun waajjira Poolisii magaala Haramaayaa keessatti Hidhuun rakkisuu irratti argamu.Namni kun nama dafqee bulaa fi ilmaan isaa guddifachaa jiru tahuu qeerroon Haramaayaa irraa gabaasu.

Obbo Mohaamad Abdullaahiin yakka gara maleen yakkamee akka hidhamu kan godhe ergamticha Wayyaanee Abdullaxiif nama jedhamu yommuu tahu, ergamaan kun gochaa isaa kana irraa of qusatee daandii haqaatti akka deebi’u yoo dides safara gochaa isaatii akka argatu barattoonnii fi sabboontotiin Qeerroo itti himanii jiru.

Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo itti fufee

Gabaasa Qeerroo Ona Limmuu Horroo ,Muddee 09,2011

Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Haaroo Limmuu irraa qonnaan bultoonni Oromoo fincila diddaa gabarummaa kaasuun baatii Ebla 2011 irraa hanga hardhaatti osoo wal irraa hin kutiin itti fufanii jiru,mootummaan Wayyaanee diddaa qonnaan bulaa fi barattootaa dhaamsuuf jecha duula hammana hin jedhamiin naannoo sanitti bane ture,ummatoota walitti buusuuf jecha sablammiilee baroota dheeraaf nagaan waliin jiraataa turan ummata Oromoo irratti ijaaruun Gumuzii hidhachiisuun Oromootti duulchisuun gaga’ama guddaa irraan gahuun yaadannoo ji’oota muraasaati.

Akka kanaan Qonnaan bultoota oromoo maqaan isaanii

1.obboo Dachaasaa Amanuu,fi

2.obboo Dirriibaa Raggaasaa jedhaman

Akka lakkoofsa Abashootaatti gaafa Sadaasa 28/3/2004humna pooliisaa Federaala TPLF’n ukkafamanii hanga har’attii eessaa buuteen isaanii dhabame. Sababni qonnaan bultonnii Oromoo kun ukkaafamaniif ji’otaa darbee keessaa warraa Gumuuz irraatti waraanaa gaggeesitanii warraa gumuuz ajjeestan kan jedhuu yoo ta’uu, mootummaan kun ofii isaa warraa Guumuz meeshaa hidhachiisee ummataa Oromoo Wallaaggaa bahaa rukuchiisa kan turee ta’uun ni yaadatama garuu qonnaan bultoota meeshaa maleeyyii mana hidhaattii guuruun diinummaa mootummaan TPLF ummaataa, Oromoo irraa qabu ifaatti kan mul’isaa jiruu ta’uun ni beekama.

Kana malees Godinuma Wallaaggaa Bahaa Onotaa akkaa Haaroo Limmuu,Heebentuu,Limmuu Galiilaa fi Giddaa Ayyaanaa irraatti hojeetootaa waajiraa Qonnaa(DA) waliittii qabuun ummaataa keessaa deemtanii waan uummanii kun hojeetuuf jechaa jiruu nu gabaasuu qabduu shororkeesitoonnii uummataa keessaa galanii nu jeequuf jechuun ololaa sobaa kanaan mootummaan TPLF “cold war'(poropoganda war)” uummata irraattii gaggeessaa jirti. Haalumaa kanaan hojjeetonnii waajiraa qonnaa nuti ogummaa keenyaan uummaata tajajjiluu malee ummaata nagaa basasuun bu’aa malii qaba jechuun mormiin jalaa dhaabbatanii jiraachuu Qeerroon ona Horroo Limmuu irraa gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

In Wollega, Gimbi Town, the youth are confronting the harsh punishment of the dictatorial regime on power for their stand on freedom and democracy

(Qeerroo,  Gimbii, December 8, 2011)Dismissal from school and work, imprisonment and other cruel punishment are becoming very common to the Oromo’s in Ethiopia specially the Youth for their stand and genuine pursuit of freedom and democracy in Ethiopia.

Currently, starting from the beginning of December 2011; the Qeerroo from Gimbi are reporting the brutal and cruel hand of the TPLF government in action in a bid to subdue the dissents, in the town known for its resistance to the subjugation, looting and dictatorship of the current government.

The hard working Youth in Gimbi are being hunted on a fabricated charges of terrorism and theft. The is just to legitimize the crackdown that amounts to gross violation of human right and inhuman treatments according the constitution of the country and International agreements and protocols to which the country is signatory.

Within these few days more than 200 have been rounded up and detained while much more numbers are on the run while some have been reportedly in hiding in the forests with much more risks. Informants have told Qeerroo that these detained have faced serious tortures, biting and different methods of interrogations including water boarding. These daily hunting and campaign of dehumanization is also triggering anger and discontent with in the broader mass of the population.

Qeerroo have also uncovered the man at the front of this mass arrest, torture and human right violations, who is the Head of Odaa Neighborhood (Kebele) Mr. Abiyoot Malkaamu.  This man is said to be in charge of the crackdown which is now running for almost the last 6 months and he is also the man instrumental for the eviction of Oromo families in the town in the name of awarding the land to investors coming to the area.

In a sequence of events, due to the overflow of Youth prisoners, prisoners coming from smaller villages and the surrounding neighborhoods are reportedly imprisoned in Warra Sayyoo Secondary School.

Some of the Youth currently detained in Gimbi Town are the followings:

  1. Dawit Tamasgeen
  2. Abbush Malkaamuu
  3. Hambisaa Baatirii
  4. Shimallis Moosisaa
  5. Kaasahuun Bantuu
  6. Jireenyaa Taammiruu
  7. Maarqos Kabbadaa
  8. Taarikuu Garbaa
  9. Alamaayyoo Habtaamuu
  10. Aliyyii Baatirii
  11. Namoomsaa Kabbadaa
  12. Numarsii Kabbadaa
  13. Meetii Kabbadaa
  14. Innawu Fiqaaduu
  15. Magarsaa Daani’eel
  16. Ismaa’el Ashabbir
  17. Baacaa Biraanuu
  18. Mitikkuu Tamasgeen
  19. Dirribaa Baatirii
  20. Waaqboon Awwaqaa
  21. Abdii Taaddasaa
  22. Kaasahuun Taakkalaa
  23. Iwunatuu Ashannaafii
  24. Alamaayyoo Mulgeetaa
  25. Misgaanuu
  26. Shoraa
  27. Odaa  and others

In a apparent message to these who are lining up to hold up the Oromo in a continued subjugation of the TPLF, the Youth have warned these who will not desist from their unacceptable behavior and action; which is becoming the reason for the suffering of hundreds and thousands will face public justice and the action taken on them will be very serious and final.

Additionally they have also appealed to the Oromo in other part of the region and in Diaspora for help and to air their voice to avert the looming crisis in the town and the worst in the future.

Justice Shall Prevail!!!

@Qeerroo


Addi Bilisummaa Oromoo Walqixxummaa fi Kabajaa Amantiilee Hundumaa Ni tiksa

Addi Bilisummaa Oromoo Walqixxummaa fi Kabajaa

Darggaggoonni Oromoo 200 ta’an Wayyaaneen Hidhaman .

(Gabaasa Qeerroo, Gimbii, 8 Mudde 2011) Garboomfataan mootummaa Wayyaanee ilmaan Oromoo keesumaa dargaggoota Oromoo hidhuu,barnoota irraa arii’uu fi hojii dhabdee taasisuun isaa beekamaa dha.

Yeroo ammaa kanatti jalqaba baatii Muddee 2012 irraa eegalee Godina Wallaggaa Magaala Gimbii fi naannoo ishee keessa kanneen jiraatan dargaggoota Oromoo irratti hammeenya raawwachaa jiru haala suukkanneessaa fi gara jabeenya sanyii namaa duguggii kan tahe tahuu Qeerroo magaalaa Gimbii gabaasa.

Mootummaan TPLF Wayyaanee ilmaan Oromoo hojii dhabdee taasisuun dargaggootni Oromoo dafqa xuruursanii jireenya hadhaawaa Oromiyaa keessaa mohachuuf osoo dhama’aa jiranii yakka sobaan goolessituu fi hattoota jechuun dargaggoota Oromoo yakkuun akka bineensaatti adamsanii malgaal fi baadiyyaa keessaa hidhaatte naqaa jiru.

Yeroo ammaa kanatti dargaggoota Oromoo 200 ol kan hidhaman yoommuu ta’u kanneen kaan ammoo baqatanii carraan dagala keessa jiraachuun isaan mudatee jira. Warreen mana hidhaatti funaanamanis hammeenya TPLF irraa kan ka’een bishaan dhaqna isaaniitti firfisuun reebaa reebaa akka jiran gabaasaan qeerroo irraa qindaaye addeessa.

Yeroo ammaa kana rakkoon guddaan ilmaan Oromoo naannoo kanatti kan qaqqabee fi warri ijoollee halkanii guyyaa caraan imimmaan harcaasuu isaan mudatee jira.Gocha hammeenya ana fakkaatu kanaaf Adda durummaan sababa tahee Oromoota hiisisuu fi reebsituu keessatti kan hojjetaa jirus ergaamee bulaa Wayyaanee bulchaa ganda odaa kan ta’e Abiyoot Malaakuu akka ta’es dargaggootni magaalaa Gimbii tika qabsoo Qeerroo Bilisummaaf ijaaraman saaxilanii jiru.

Namni ergamaa Wayyaanee tahe kun ji’oottan jahan darban keessatti dargaggoota hiisisaa kan turee fi lafa Oromootaa investerootaaf gurguruun jiraattota naannoo kanaa qe’ee dhablee taasisaa turuun isaas ni beekama.Irreen dargaggootaa tikni nageenya qabsoo qeerroo jala bu’ee akka gabaasetti magaala Gimbii keessaa manni hidhaa magaala sanaa guutee bakka waan hanqateef dargaggoota magaalota xixiqqaa fi baadiyaa irraa fidan mana barumsa sadarkaa lammaffaa warra Saayyoo jedhamu keessatti hidhaa jiraachuu beeksisee jira.

Yeroo ammaa kanatti Dargaggoowwan Oromoo mana hidhaa Wayyaanee Magaala Gimbii keessatti argaman keessaa hammi tokko maqaan isaanii akka armaa gadiiti:-

1.Dargaggoo Dawit Tamasgeen
2.Abbush Malkaamuu
3.Hambisaa Baatirii
4.Shimallis Moosisaa
5.Kaasahuun Bantuu
6 Jireenyaa Taammiruu
7 Maarqos Kabbadaa
8.Taarikuu Garbaa
9 Alamaayyoo Habtaamuu
10.Aliyyii Baatirii
11.Namoomsaa Kabbadaa
12.Numarsii Kabbadaa
13.Meetii Kabbadaa
14.Innawu Fiqaaduu
15.Magarsaa Daani’eel
16.Ismaa’el Ashabbir
17.Baacaa Biraanuu
18.Mitikkuu Tamasgeen
19.Dirribaa Baatirii
20.Waaqboon Awwaqaa
21.Abdii Taaddasaa
22.Kaasahuun Taakkalaa
23.Iwunatuu Ashannaafii
24.Alamaayyoo Mulgeetaa
25.Misgaanuu
26.Shoraa
27.Odaa fa’i

Yeroo tahan, Sabboontotiin magaalaa Gimbii dhaamsa ergamtoota Wayyaaneen waan beeksisan keessaa tokko jaleewwan Wayyaanee ilmaan Oromoo garbummaa bara baraa keessatti hambisuuf hiriiran gocha akkanaa irraa of hin qusatan taanaan tarkaanfiin cimaa fi kan deebii hin qabne akka isaan eeggatu fi kanas hubachuu akka qaban fi lamiileen Oromoo naannoo Gimbiis beeksanii jiru. Oromoonni biyya keessaa fi alaa sagalee isaanii akka nuuf dhageessistan jechuunis bakka hundatti dhaammatanii jiraachuu gabaasi Qeerroo beeksisa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Hawaaressee goonni tarree galee

WBOn tarree galee

Gooticha Waraana Bilisummaa Oromoo

WBO abdii Oromootaa

Q E E R R O O

Q EE KENYAWEERARANII,

E EYNUMMAA SABA OROMOO MULQANII,

E RGA GAAFA MILILIKII NURRAA HIN AFANNEE JARRII,

R OORROO FI GIDIRAAN ILTAAMNEE,

R EEBAMUU FI AJJEEFAMUUN HIREE OROMOO TA`EE

O ROMOO FI OROMIYAAF GOOTTOTA DANUU DHABNEE.

O ROMOO! KA`I LOLADHUU AMMA CARRAAN SI GA`EE!

SABNI ORMOO , QABSOOTTI DIRMADHUU,

NUTI QEERROON BILISUMMAA! YKN DU`A! JENNEE MURANNEE!

Guutummaa walaloo kanaaf as tuqi:https://qeerroo.wordpress.com/dhaamsa-qeerroo/walaloo-qeerroo/

Universitiin Amboo Waraanaan Marfame.

(Gabassa Qeerroo Muddee 2,2011 Amboo) Godina lixaa shaawaattii mooraan university Amboo humnoota tikaa fi dabbaloota mootummaa Waayyaaneen marfamee eegamaa jira. Sabboontonni baratootataa Oromoo 4 mooraa university Amboo keessaa sadaasa 1/2011 halkan kessaa sa’a 3:00AM humnotaa tikaa Wayyaneen Ukkafaman keessaa

1. Baratuu Caaltuu Mirkanaa baratuu Infoormeshiin Technology waggaa 4ffaa
2. Barataa Dorribaa Tolaa Information technology
3. Barataa Sanyii Waamii
4. Barataa Mazgabuu Geetaachoo
5. Bataaa Hanbasse Girmaa

Kanneen jedhaman humnoota tikaa Wayyaaneen butamanii hanga har’aatti bakka buuteen isaanii hin beekamiin jira. Kana malees barattoota hafan tokko tokkoon yaamanii dorsisuu fi akeekachiisa hin barbaachifne itti kennaa akka jiran qeerroon University Ambo irraa gabaasu.

Haaluma kanaan wal qabateen sabboontonnii barattoota Oromoo heeedduun hordofamaa waan jiraniif mooraa Universitichaa gadhiisaanii bahaa akka jiranitu gabaafame. Gama kaaniin baratoota akeekachiisa mootummaa Wayyaaneen guyyuu hiraaramaa jiran haalli kun itti fufee hammaanaan akka gabaafamu qeerroon ni addeessa.

Barattoonni University Ambo mootummaan gabroomfataa gaaffii mirgaa karaa nagaa gaafanneef deebii kennuu waan hin dandeenyeef qawwee fi human ergamtootaan fayyadamee haqa keenya ukkaamsuu yoo yaalii godhe illee nuti barattoonni fincila diddaa gabarummaa gaggeessuun mirga borxaan sarbamne borxaan ni deeffanna kan jedhuun gurmuu jabeeffachuun gaaffii isaanii itti fufanii jiru.Mootummaan Wayyaanees tahe ergamnii bultoonni yaada ummataa yaadaan deebisuu hin dandayan,gaaffii isaanitti dhihaatuuf deebiin afaan qawwee dha jedhanii waggoota 20f waan itti jiraniif kun raawwatee ummanni Oromoo sodaa qawwee jalaa bahee akka mirga bilisa dhunfatuuf jabaatanii akka hojjetan ejjennoo isaanii keessatti barattoon gabaasanii jiru.

Humna waraana Wayyaanee mooraa University Amboo eegan keessaa kan dhalootaan Oromoo tahee diinaaf ergamu tokko akka jedhetti “ Ani daangaa Somalia fi Baaddimmee eeguu caalaa kan akka mooraa University eeguu na sodaachisu hin jiru, mootummaanis maaliif akka sodaate hin beeku” jedhee barattoota gariitti haasawuun isaa gabaasi qeerroo kana waliin addeessa.

Kana malees barattoonnii barnoota olaanaa Universitoota biyyatti irraa barachaa jiran ulee beelaan reebamaa jiraachuun ibsame. Haaluma kanaan Sadaasa 30/2011 University Waalloo keessaattii baratoonnii sagaalee mormii dhageesisuun fooddaa university caccabsuun nyaanni hataataman akka sirreeffamu gafatan jedha odeessii Qeerroo mooricha gabaasa.

Walgahii Bakka Bu’ootii Qeerroo Godinaalee Oromiyaa Sadaasa 2011 keessa Godhatan Irratti Walaloo Dubbifame

Walaloon armaa gadii kun walgahii Bakka Bu’ootii Qeerroo Godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa walitti dhufanii Sadaasa 2011 keessa Godhatan Irratti kan dubbifame dha.

QABSAA’AA

Qabsaa’aan ni kufa
Qabsoon itti fufa
dhiiga gootawwaniin bilisummaan dhufa

kan darbe barnoota
kan dhufu injifannoo
xiiqii diinaaf jecha
qeerroon kaane kunoo!

WBO gaaraa loli
Injifadhuu gali
oromoo ol ka’i
bilisoomii taa’i!!

Jaallee ko jabaadhu
Galma bilisummaa
faajjii keenya olqabnee
Ittiin geenya amma!!

Hidhaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsu
Daran nu jabeesse
lafee diinaa haa cabsu
Ya ilmaan oromoo waan ani si gorsu
Waan hundumaa dura iccitiin haa dursu!!

Haqadha qabanne
dhara maal sodaanna
Jabaadhaa qabsoofna
Inuma injifanna!!

Ya jaallewwan qabsoo umrii dheeradhu
Lapheen kan kee haata’u
Ilkaan diinaaf laadhu
Waadaa kees eeggadhu!!

Diinni duruu diina Fira maaltu jedha
jaallee ko jabaadhu,jabaadhu
rabbi tokkichatu waan laaftuu nuuf godha!
Haqa qabateeti waan dhugaa gaafata
qabsaa’ota dhugaan WBOn injifata!!
Qabsaawota dhugaan WBOn injifata!!

Odaan magariisa
Kana hundi beeka
Ya ilmaan oromoo
Biyyan bilisoomsa
Mee hunduu jedhaakaa!!!
Jechuun gocha hin ta’u
Iccitii qabanii
Tokkummaa ijaaranii
Garboomsaa fincilla
Nuyiif kana fala!

Oromoo nu godhee rabbitu nu uume
Ofirraa haquuf hin ta’u gonkuma
kanaaf ya lammii koo nu hundi tokkuma
Biyya abbaa dhuunfachuunhundumaaf dirqama!!

Jaalleewwan kan qabsoo
jabaadhaa qabsootti

dharri boolla seena
Dhugaan ni dubbatti
Ya ilmaan oromoo waan siif dhaamu keessaa
Diinatti wal kennuu rabbiif jedhaa dhiisaa

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa bilisummaati!!

 QABSOO

Qabsoon oromoodhaa amma galma ga’a
Gowwaa fi Diinatu achiin hafa se’a
Silaas tokkummaadhaan goondaan laga ce’a
Oromoo dammaqi Garbummaan nu ga’a

Yaa simbira barii ishii cii_cii jettu
Lammii mee dammaqsi hundi haa falmatu
Jala deemtuun diinaa homaallee nu hin gootu
Kan seenaa dagates seenaan hin dagatu

Qeerroo oromiyaa dirqamni kan keeti
Dammaqii dammaqsi ka’ii kaa qabsootti
Kennaan gootawwanii laatamteetti sitti

Sabboonaa fi sabboontuu ilmaan oromiyaa
Qabsoon sumaaf faaya
Oromiyaan biyya
oromoon uummata
Mirga namaa hin tuqne kan ofii falmata

Yaa ilmaan oromoo waan ani si gorsu
waan hundumaa dura iccitiin haa dursu
Lafee gootawwaniin irbuu qabsoof seennee
Jabaannee haa falmannu”Bilisummaa” jennee

Ya ilmaan oromoo,

Iyyaa iyya dabarsaa
Lammii dhageessisaa
Kan nyaatee nu nyaatu
Wayyaaneetu dhufe jedhaa hundaaf ibsaa

Karaan qabsoo oromoo ifaa fi bilisa
ABO ABO jedhaa walii ibsaa
WBOn gaaraa lola
Ishoo Ishoo jedhaa nu malee waa hin qabu
Kan seenaaf gumaate seenaa irraa waa hin dhabu!

Jaallawwan kaleessaa warreen nuuf riqichaa
Nuu dhaamanii darban tooftaalee fi gocha
Lafeen caccabanii lubbii itti dhabanii
Gola seenaa jiru yoomuu hin badani!

Barataa fi qotee bulaa
Barsiisaa fi daldalaa
Dargaggoo fi Shamarran
Ya saglan booranaaa
Torban baarentummaa
Ka’aa kaa qabsootti
Yeroon geesse amma

Manni ilmaan oromoo mana hidhaa taate
Qabeenya oromoos biyya ambaa nyaate
Ya ilmaan oromoo Garbummaan nu ka’a
Maal qaba yoo kaate

Gootawwan oromoo kanneen qabsoof kufan
Gaaddisaa Hirphaasaa Jaagamaa Badhaanee
Kunoo seenaan jiru Hubadhu akka hin duune

Qabsoon oromoodhaa hanga injifannootti
Gowwaan kan dhihe barii’a hin se’u
Jaallewwan kan qabsoo jabaadhaa qabsootti
Seenaan ke ol haa taa’u!

Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati